Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Baadiyyaa ka'uun sooftiweer injiineringiin hanga gosa barnootaa 35 A+ galmeessuutti
Dargaggoo Galataa Waaqwayyaa tibbana Yuunvarsitii Haramaayaa muummee Sooftiweer Injiineringii irraa qabxii 4.0 fiduun medaaliyaa warqee fudhachuun eebbifame.
Kana qofa osoo hin taane gosoota barnootaa fudhate keessaa 35 kan tahan A+ fiduun eebbifamuun raajeffatameera.
Akkamiin barataan ijoollummaatti jalqaba akka teeknoloojii guddaatti raadiyoo filipsii fi baatirii dukkana keessa ibsatan arge sooftiweer injiineriingiidhaan hagas milkaa'uu danda'e?
___________________________________________________________________________
Galataan magaalaa tajaajilli teeknoloojii hedduun jiru keessatti dhalatee hin guddanne. Meeshaan elektirooniksii jalqaba arge raadiyoo Filiipsii ture. Sanuu kan umurii isaa caaltu, kan abbaan isaa bitanii manaa qaban.
Raadiyoo danbaliin isaa fageenya irraa dhufu sana firikuweensii itti jijjiiraa dhageeffataa ture. Sanuu humna ibsaan osoo hin tane baatirii keessa galchuuni.
Mucaa baadiyyaati. Magaalaa Finfinnee irraa km 300 ol gara Lixaatti kan argamtu Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abbay Coomman naannoo jaree jedhamuun beekamtu keessatti dhalatee guddate.
Magaalaa Fincaa'aa cina bakka argamtu kanatti hidhaan Fincaa'aa humna ibsaa maddisiisu mana isaanii duratti argama.
Maatii isaa hojii qonnaa irratti gargaaruun kan guddate Galataan barnoota isaa mana barumsaa Jaree sadarkaa Tokkoffatti jalqabee kutaa shanitti ammoo magaalaa dhiyoo jirtu Fincaa'aatti barate. Barataa akkaan qaxaleedha.
Yeroo raadiyoo abbaa isaa manaa fuudhee dhaggeeffatu garuu waa'een qaama raadiyoo sanaa, akkamiin akka hojjetu gaaffii itti uumaa turuu hima.
Akkuma daa'ima waa baruuf gaaffii baay'isuu jechuudha.
Waa'ee meeshaalee elektirooniksii baruuf yaaluu, qorachuu fi gaafachuun isaa gara barnoota isaa ammaatti akka isa fiduu hin oolle hime.
Jireenyakoo keessatti gaaffiin baay'isa. ''Aduun maaliif baati? Roobni maaliif rooba?
Mudhiin lafaa bakka kami?'' jedheen gaafataa ture jedha. Kun Galataa gara hubannoo nam-tolchee ''artificial intelligence' jedhamuutti isa fiduu hin hafne.
''Obbolaan koo barattoota qaxalee turan. Isaan irraa ilaaleen barataa jabaa tahuuf murteesse. Kutaa sadii irraa eegalee tokkoffaa bahuun jalqabe.
''Booda gosa barnootaa hunda maaliif 100 hin fidu jechuun hojjechuun jalqabe. Kanas kutaa torba yeroon gahu milkeessee hundayyuu 100 fidee beeka.''
Galataan osuma baratuu gaaffii isaafis deebii argataa, abjuu isaas qajeelchaa deemuu dubbata.
Kutaa saddeet yeroo gahu qormaata biyyaalessaa fudhate qabxii gidduugaleessaa 96, persentaayilii ammoo 100 fiduun mana barnootaa Waldaa Misooma Oromiyaa damee Gudar seene.
Biiroon Barnoota Oromiyaa isa badhaase. Badhaasa Birrii 2000 argateen moobaayila ismaartifoonii bitachuun bakka interneetiin jiru deemee waa qorachuu jaqlabuu hime.
'Saayinsiin gammachuu naaf kenna'
Galataan waan uumamaan qonnaa fi lafa irratti argu waan sirriitti naaf ibsuuf saayinsiin gammachu naaf kenna jedha.
Herrega, fiiziksii fi kaan hedduu natti tolu kan jedhu Galataan waan baratu haala qabatamaa naannoo isaatti argu waliin walitti fiduun barnoota akka bashannanaatti fudhachuun qabxii olaanaas fidaa turuu hime.
Mana barnootaa Waldaa Misooma Oromiyaa seenun carraa guddaa akka kenneef hima. Isa gaafataa tureef deebii argataa amma ammoo deebisee waan haaraa kalaquu yaaduutti akka cehe hima.
''Barsiisonni dorgomanii waan galaniif baay'ee jajjaboodha. Gaaffii qabuuf ammoo labiraatorii keessatti ilaalaa waanan baradheef carraa gaarii naaf kenne. Herrega irratti xiinxala adda addaa hojjedhee foormulaa haaraa argachuuf yaalaan ture.
''Foormulaa Sign,Cosign fi Aljeebraa irratti 'foormulaa haaraa hojjedhee naaf raggaasifamee ture.''
Galataan Mana Barnootaa Bultii Waldaa Misooma Oromiyaatti qormaata biyyaalessaa kutaa kudhanaffaa qoramee hundayyuu 'A' fiduun darbe.
Kutaa 12 irrattis qormaata seensa yuunvarsitii qabxii guddaa fiduun kan darbe Galataan duraan carraan yuunvarsiitii Haramaayaa isa gahuu hime.
''Barnoota akkamii barachuun qaba kan jedhuuf dursee dandeettiikoo ilaalaan ture. Hawwiin kalaqaaf qabu, dandeettiin saayisnii irratti qabuu irratti hundaa'een isaan keessaas filee sooftiweer injiineriingii gale'' jedhe.
Waggaa tokko barannee booda dippaartimantii filanne. Bara jalqabaa hunda 'A' waanan fideef sooftiweer injiineriingii galuuf murteesse.
''Koodiingii irratti muuxannoon qabu xiqqaadha. Mana barnootaa Odaatti carraa xiqqaa argadheen ture. Yeroo weerara koroonaa bakka Wifi jiru deemee waa'ee koodiingii [coding] qorataan ture.
''Osoo dippaartimantii kana hin galiin dura maal akak barbaachisu dirsee waan qorataa tureef murteessuuf salphaa ture.
''Humnaa fi yeroo gabaabsinee waan guddaa akkamiin hojjenna kan jedhu irrattan xiyyeeffadha waan taheef dippaartimanticha filadhe,'' jedhe.
Galataan turtii isaa yuunvarsiitii yoo xumuru gosa barnootaa 35 A+ fiduun medaaliya afudhatee eebbifame.
''Qayyabanaankoo icciitii guddaa hin qabu. Yeroo qormaanni gahu qofa gara torbee tokko lamaa sirriitti dubbisa. Isaan ala waanan baradhu sana irratti dandeettii argachuuf qorannoo adda addaa godha.
''Nama uumamaan dandeetti waa hunda takkaati qabachuu qabudhas of hin jedhu. Nama dandeettii addaa qabus of hin jedhu. Garuu nama istiraateejii gaarii baasee itti fayyadamudha of jechuu nan danda'a.''
Hubannoo nam-tolchee fi pirojektii qubee Afaan Oromoo sirreessuu..
Adunyaa guddina teeknoloojii ariifataa keessa galte keessatti hubannoon nam-tolchee [artificial inteligence] dhiibbaa guddaa uumaa jira.
Damee inni keessa hin galle hin jiru.
Maashiniin of barsiisuun akka namaatti hojii hojjechuu fi dadhabbii xiqqeessuu irratti hojjeta.
Galataanis AI irratti xiyyeeffachuun qorannoo adda addaa hojjechaa turuu BBCtti hime.
Dorgommii ICT kaampaaniin Chaayinaa 'Huawei' qopheesse irratti damee 'Cloud' jedhamu irratti dorgomuun akka Itoophiyaatti tokkoffaa baheera jedhe.
Sana booda Itoophiyaa bakka bu'uun dorgommii ICT biyyoota Sahaaraa Gadii fi Kaaba Afrikaa irratti dorgomuun akka gareetti dorgomuun torbaffaa bahuu hime.
Galataan eebba isaaf pirojektii tokko gareen hojjechuu hime.
Pirojektiin isaanii kun dogogora qubee Afaan Oromoo barreeffama keessatti mudatan ofii isaa sirreessu ykn filannoo kennu akka hojjetan hima.
Pirojektiin keenya ''Afan Oromo Spell Checker'' jedhama. Ofuma isaa dogogora jedhee kan yaadu sireessa ykn yaada kenna.
''Biyya kana keessa kana irratti qorannoo hedduutu hojjetame. Isaan keessaa soofti weerii kanaaf kennuuf yaalle.''
Galataan qubee Afaan Oromoo ilaalchisee wantoonni wal tahinsa irra hin gahamne hedduun waan jiruuf ammaaf daataa muraasa fayyadamne jedhe.
Seera afaanii ilaalchiseeti kan daataa siistema kanaaf kennine. Hayyooni seera afaanii irratti hojjetan yoo nu waliin hojjetan kana caalaa ammayyeessuun hojjechuuf qophii qabna.
''AI keessa Natural language Procising kan jedhamu jira. Namoonni seeraa afaan Oromoo irratti hojjetan qorannoo hojjetan osoo nu waliin hojjetan afaanicha afaan teeknoloojii gochuu dandeenya.''
Galataan fuulduree isaa yoo dubbatu ''siistamoota [maashinoota ] ofumaan barsiifamuun hojii hojjechuu danda'anii fi yeroo fi humna qusatan irratti hojjechuu barbaada,'' jedhe.
Carraa biyya alaa yoon argadhe barnootakoo kana caalaa guddiifadhee AI irratti hojjechuun barbaada jedhe.
AI sodaatamus waan biyya kamiifuu hin oolle waan taheef karaa sirrii itti fayyadamuu qabna. Teeknoloojiin akka albeeti. Yoo itti fayyadamte siif mura. Yoo karaa hin taane fayyadamte si mura.''
Galataan gama AI kaampaanii mataa isaa hundeessuun hojjechuu akka barbaadus BBCtti himeera.
Tibbana yuunvarsiitonni Itoophiyaa hedduu yeroo barattoota isaanii eebbisiisaa jiranitti kanneen qabxii olaanaa galmeessan hedduu miidiyaalee hawwaasaa irratti qoodamaa jiru.
Isaan keessatti dubartoonni ni argamu.