Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Kutaa tokkoo eegalee hanga yunivarsitiitti namni na dursee hin beeku'
Shamarree Gaaddisee Ittafaa Luboo jedhamti. Godina Wallagga Lixaa Baadiyyaa aanaa Najjootti akka dhalatte himti.
Shamarreen kun barattoota Yunvarsiitii Dambidoolloo tibbana eebbisiise keessaa tokkoffaa bahuun badhaasa waancaa erga injifatteen booda miidiyaa hawaasummaa irratti guddoo jajamaa turte.
Gaaddiseen iccitii milkaa’inashee fi imala barnootaashee ilaalchisuun BBC waliin gaaffiif deebii taasiifteetti.
Barnoota sadarkaa duraa ganda baadiyyaa aanaa Najjoo bakka tajaajilli ibsaa hin turre Guutee Weenniitti kan baratte shamarreen kun, maatii faayidaa barnootaatti amananirraa dhalachuun kaka’umsa guddaa barnoota akka qabaattuuf ishee gargaaru himti.
“Maatiinkoo warra barnootatti amananiidha. Akkan ani barnootatti milkaa’us fedhii guddaa qabu. Ijoolleen obbolaakoo warri nadura jiranis barnootatti ciccimoo waan turaniif anis kallattuma isaaniin qabadhee bahe,” jechuun barnootaan akka cimtuuf wantoota isheef gubaatan dubbatti.
Kutaa tokkorraa eegaluun hanga Kutaa 12 xumurtuttis tokkoffaan ala baatee akka hin beeknee fi kanaanis mana barumsaatii hanga sadarkaa godinaatti badhaafamaa turuu yaadatti.
Ta’ulleen akka ijoollee baadiyyaatti haalonni mijatoo hin taane jiraatan illeen karooraafi kutannoodhaan milkaa’uu himti.
“Baadiyyaatti ibsaan hin jiru. Kanaaf gara caalu guyyaa karoora baaseen qoo’adha ture. Kaan ammoo galgala kurraazidhaan qo’achaan ture. Baadiyyaatti hojiin manaas kan alaas ni jira. Isa maatii gargaaratii qo’annaa ofiis mijeessuu nama gaafata,” jetti Gaaddiseen attamiin karooraan akka milkaa’ina kanarra geessee yoo dubbattu.
Gaaddiseen bara kana Yunvarsiitiin Dambidoolloo barattoota eebbisiise keessaa muummee ‘Economics’ tiin qabxii olaanaa 3.94 galmeessisuun badhaafamtoota hunda caaltee waancaa injifatte. Koorsiiwwan turtii yunivarsitiin baratte keessaayis A+ 25 fi A 20 argachuu dubbatti.
“Galatani Waaqaaf haa ta’u akkuman yaadettan milkaa’e. Barnootakoof xiyyeeffannaa guddaan kennaa ture. Bara jalqabaa qabxii gaarii galmeesisee jennaan filannoodhuma koo naaf eeganii muummee ‘Economis’ filadheen baradhe,” jechuu yaadni ishee waan mikaa’e itti gammaduu BBC’tti himte.
“Yeroon baradhu hundatti tasumaa daree hafee hin beeku. Karoora baaseen qo’adha. Waan naaf hin galle nan gaafadha. Milkaa’inaaf kan na geessise xiyyeeffannuma ani qabudha jedheen yaada,” jechuun yoo karooraan saganteeffatamee qo’atame haalli qabxii gaariin itti hin galmoofne akka hin jirre himti.
Wayita qormaata biyyaaleessaa kutaa 12ffaatiin qabxii olaanaa fiddettis, sadarkaa godinaatti waamamuun badhaasaa fi waraqaa ragaa kennamuuf himti Gaaddiseen.
Sababii kutaa 12ffaatti qabxii gaarii fiddeef, erga yunivarsitiitti seenaniin booda dippaartiimantii (mummee) barnoota baratamu kan filatamu ta’ulleen, Gaaddiseen garuu duruma itti yaaddee 'economic' barachuuf sammuun qophooftee yunivarsitii seenuu BBC'tti himte.
“Kutannoon jiraannaan dubartoonni bakka hundatti dorgomaa fi moo’achuu akka danda’an nan amana‘‘ kan jettu shamarreen kuni, mo’achuuf garuu haala mijataa qofa eeguu osoo hin taane haaluma jiru kamuu keessatti cimuu nama gaafata jetti.
Milkaa’ina amma barnoota yunvarsiitiitiin argatte kanattis maatii fi hiriyoonni ishee illeen daran gammaduus himti.
Rakkoolee yunivarsitii keessatti shamarran mudachu danda'an ilaalchisuunis, ''Ani kabajaan namootatti dubbadhee amansiisuu waanan danda'uuf, hiriyootakootti ifattan itti hima. Isaanis na fudhatu turan,'' jechuun ofitti amanummaa kayyoosheef qabu ibsiti.
Gaaddiseen maatii isheetiin alattis, jajjabina haamlee barsiisoonni ishee sadarkaa dakaatii kaasaanii gochaafii turan caalaa akka onnattuuf ishee gargaarus BBCtti himte jirti.
Gara Fuuladuraatti gosa barnootaa amma ittiin eebbifamte kanaan itti fuftee barachuuf fedhii akka qabduu fi ogummaa kanaan bu’aa biyyaaf buusuuf akka karoorfattes dubbatti.