Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Garaagarummaan lukkuu 'Habashaa' fi 'Faranjii' maali?
Yeroo gabaa ayyaanaa barteedhaan lukkuu 'Habashaa' fi 'Faranjii, hanqaaquu fi gosooti nyaataa kaanis gatii garagaraan dhiyaatu.
Qullubbii, midhaaniifi keessumaa miini nyaataa kan 'Habashaa fi Faranjii' jedhamuun adda bahaniitu gabaaf dhiyaatu.
Bittuun lameen keessaa tokko yoo bitatan inni tokko isa kaanirraa dhandhamaafi fayyaaf faayidaa kennuun adda adda akka tahan yeroo dubbatan dhageenya.
Garaagarummaan lukkuu Habashaafi Faranjii maali? Jechuun kan gaafanne Yunivarsiitii Dillaatti qorataan saayinsii nyaataafi sirna nyaataa Dr Yihuunee Ayyala oomishtummaa irraa qabee garaagarummaa qabu jedhaniiru.
''Namni gara isa lukkuu Habashaa jedhamu caalsifataa jira,'' jedhu ogeessi kuni.
Itoophiyaan fayyadama hanqaaquu fi lukkuun Afrikaa irraa sadarkaa dhumaarra akka argamtu kan himan Dr Yihuuneen ''uummanni faayidaa foon lukkuufi killee irraa argachuu qabu argachaa hin jiru,'' jedhu.
Barteedhaan lukkuun kan Habashaa fi Faranjii jedhaman gidduu garaagarummaa oomishtummaa, sirna nyaataa fi dhandhamaa akka jiru himu.
''Handaaqqoon Habashaa sanyiin isaanii haala sirriin hin fooyyofneefi nyaatni isaanii gaarii hin taane oomishtummaan isaanii gadaanaa dha. Waggaatti hanqaaquu 30 -60 qofa buusuu danda'u,'' jedhu Dr Yihuuneen.
Lukkuun Faranjii garuu hanga hanqaaquu 300 buusuu dandeessi jedhu.
Walumaagalatti foon handaaqqoo irraa faayidaa akka biyyaatti argachuu qabnu argachaa hin jirru.
''Handaaqqoon Habashaa kan filatamu qabiyyee nyaataa qabuun otoo hin taane barteedhaan yeroodheeraaf fayyadamuu irraan kan ka'e dha,'' jedhu.
Lameen gidduu garaagarummaan ''guddaa'' jedhamu akka hin jirre himu ogeessi kuni.
Gama fayyaan yoo ilaalamu hamma pirootiniifi cooma sirrii kan qaban lukkuu Habahsaa tahuu qorannoowwan agarsiisuu ni eeru.
Samuuda lukkuu Habashaa fi Faranjii akkasumas hanqaaquurraa fudhachuun qorannoo hojjetameen mi'aayee kan argame kan Habashaa tahuu ogeessi kuni himaniiru.
''Kan Habashaatu mi'aawa, natti tola inni jedhamu bu'uura saayinsii kan qabu tahee aragameera,'' jedhu.
Faayidaa fayyaa qabaniin hoo?
Lukkuu dabalatee foon bineeldota biroo ija qabiyyee nyaataan yoo ilaallee ''waanuma isaaniif kennine deebisanii nuu kennu,'' jedhu Dr Yihuuneen.
Horii gabbifameefi marga dheedaa guddate gidduu garaagarummaan foonii jiru akka fakkeenyaatti fudhachuun danda'ama jedhu.
Foon tokko fayyaalessa kan jedhamu yeroo cooma baayyee hin qabaanne gosti coomasaa ykn pirootinii guutuu tahe gaafa qabaatu dha.
''Bineeldoti hidhaman hormooniidhaan gabbifaman foon isaanii fayyaalessa miti. Lukkuu ammoo ''Free range'' warri jedhaman akkasuman gadhiifamanii lafa qotanii, kan socho'aniifi qilleensa argatan jiru. Kanneen ''Caged'' jedhaman ammoo warreen saanduuqa keessatti guddatani dha jedhu ogeessi kuni.
Lukkuun otoo hin socho'iin guddatan foon isaanii salphaatti bilchaatuufi gara foonitti hin guddanne tahuu hubachiisu.
Pirootinii olaanaa, zayiita madaalameefi dhandhama gaariif lukkuun Habashaa filatamaa dha. ''Lukkuun Faranjii hin fayyadu jechuu garuu miti,'' jedhu.
Lukkuun Faranjii fi Habashaa garaagarummaa akka qabanis ni dubbatu.
Lukkuun qe'ee keessa adeeman funaanan vitaaminii A, vitaaminii B fi vitaaminii E haala fooyya'aa taheen kan qaban akka tahan himu.
Lukkuuwwan kunneen socho'aa waan soorataniif foon isaanii filatamaa tahuus himu.
''Lukkuu yoo talbaa soorre Omeegaa 3 nuu kenna. Biqiloota yoo nyaachisne kaalshiyeemii nuu kenna, kanaaf garaagarummaa kan fidu soorata isaaniif kennamuufi socho'uu isaanii dha,'' jedhu Dr Yihuuneen.
Lakkoofsa uummataa jiruun lukkuufi hanqaaquu Habashaa waliin gahuun akka hin danda'amne eeruun kan Habashaafi Faranjii jedhanii qooduunis faayidaasaarra miidhaasaatu caala jedhu.
''Lukkuu Faranjiifi hanqaaquu namni nyaatu isa kan Habashaarraa aragtu dhaba jechuu miti. Dhimma fedhiifi dhandhamaattii otoo fudhanne wayya,'' jechuunis hubachiisu.