Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Piriimerliigii Itoophiyaa keessatti ifee mul'achaa kan jiru Nagellee Arsii Waancaa mo'achuuf carraa qabaa?
Kilabiin kubbaa miilaa magaala Negellee Arsii tapha xumuraa Liigii Olaanaa Itoophiyaa bara 2017 irratti kilabii kubbaa miilaa Silxee Waraabee goolii 3 fi 0 injifachuun ture gara Piriimerliigii Itoophiyaatti kan guddate.
Kilabichi Piriimerliigii Itoophiyaa keessatti hirmaannaa jalqabaa isaa kanaan ga'umsa guddaa agarsiisuu irratti argama.
Tapha hanga ammaatti taphateenis qabxii 35'n sadarkaa sadaffaa irratti kan argamu yoo ta'u, Piriimerliigii Itoophiyaa dursaa kan jiru kilaba Buna Sidaamaa waliin qabxii walqixa kan qabu yoo ta'u, caalmaa gooliitiin garaagarummaa qabu.
Kilaboota sadan Piriimerliigii Itoophiyaa keessatti Oromiyaa bakka bu'an (Shaggar, Adaamaa fi Negellee Arsii) keessaas qabxii fooyya'aa kan qabu Kilaba Negellee Arsiiti.
Dursaan garee taphattootaa Kilaba Negellee Arsii Obboo Geetaanee Laggasaa BBCtti akka himanitti, Kilabichi kilaba barana gara Piriimerliigiitti guddate ta'ulleen waancaa Piriimerliigii moo'achuun seenaa haaraa galmeessuuf kutannoo cimaa qaba jedhu.
"Kilabni keenya yeroo gara Piriimerliigiitti guddatu taphattoota liigii olaanaa keessatti qabu harka 70 qabateeti kan olguddate. Taphattoota superliigii keessatti nu waliin dorgomaa turan ijoollee 20 fi tuuta leenjistootaa hunda qabateeti kan olguddate."
"Ijoollee dura qabnu kanaan alatti taphattoota muraasa kan piriimerliigii irratti muuxannoo qaban dabalanneeti kan morkiitti seenne. Amma dorgomaa cimaa ta'uu dandeenyeerra," jedhan.
Kilabichi garee dura qabu osoo hin diigin achumarratti taphattoota muraasa dabalee dorgommiitti seenuun isaa injifannoo amma kilabichi Pirimerliigii Itoophiyaa keessatti mul'isaa jiruuf bu'uura ta'uus eeru Obbo Geetaaneen.
"Ijolleen jalqabarraa walbeeku. Gajjallaadhaa waliin dhufan. Gareen leenjistootaas akkasuma. Waliigaltee qabna. Waldhageeffanna.kanatti dorgomaa cimaa taane" jedhan.
Hamilee fi kaka'umsi kilabicha keessa jiru daran guddaa ta'uu kan himu dursaan garee taphattoota Kilabichaa kuni, hamilee jiru kana gara qabxiitti jijjiiruun waancaa piriimerliigii kaasuuf akka hojjetan himan.
Tapha Piriimerliigii Itoophiyaa torbee 19ffaan Bunni Sidaamaa, Kilabni Magaala Hawaasaa fi Negellee Arsii qabxii walqixa 35 qabachuun baayina gooliitiin qofa walcaalanii 1ffaa hanga 3ffaa qabatanii jiru.
"Piriimerliigii Itoophiyaa baranaa dursaa kan jiru Buna Sidaamaa waliin garaagarummaan qabxii walqixa qabna. Amma booda boqonnaa baana. Yeroo boqonnaa kanatti hanqina keenya mariidhaan furree boqonnaa booda cimnee deebi'uuf karoorfanneerra"
"Akka amma jirrutti yoo cimnee itti fufnee hojjenne waancaa Piriimerliigii kana moo'achuu ni dandeenya jedheen amana" jedhan Obbo Geetaaneen.
Kilabichi taphatoota dargaggeeyyii boru garee biyyaalessaa fi kilaboota biyya alaa birootiif taphachuuf dandeettii qaban of keessaa akka qabuu fi ga'umsa isaaniis tapha hanga ammaa keessatti qabatamaan agarsiisuu himu.
Gama kaaniin kilabni kuni kilaboota deeggarstoota cimoo qaban keessaa tokko ta'uutu eerama. Obbo Geetaaneenis deeggartoonni kilabichaa karaa hundaan nu cinaa hiriiranii ni jabeessaa jiru jedhu.
"Deeggartoonni keenya kilabii kana gajjallaadhaa jalqabanii taphataa 12ffaa ta'anii nu waliin jirani. Biyya keessaas biyya alaatiiyis maallaqaaniis, qaaman dhufanii deeggaruunis, yaadaanis nu duuka jiru."
"Keessumaa warri biyya keessaa yeroo hunda yeroo tapha qabnu siree qabatanii bulanii nudeeggaru. Karaa dheeraa halkan deemanii dhufanii nudeeggaru.nubiraa hin hafan. Isaan humna kilaba keenyaati," jedhan.
Kilabni Kubbaa Miilaa Negellee Arsii barana gara Piriimerliigii Itoophiyaatti kan guddate ta'ulleen, waancaa Piriimerliigii qofa osoo hin taane waancaa Itoophiyaafis falmata.
Kilabni Negellee Arsii taphaa torbee 19ffaa kilaba Maqalee 70 indartaa waliin Kamisa galgala taphateen goolii bareedaa Rohooboot Selaaloo daqiiqaa 41ffaa irratti galcheen goolii 1 fi 0'n injifate.
Piriimerliigiin Itoophiyaa tapha torbee 19ffaa kana booda boqonnaaf baha.
Tapha Piriimerliigii Itoophiyaa hanga torbee 19ffaa kanaan Kilabni Magaala Adaamaa qabxii 28'n sadarkaa 6ffaa yoo qabatu Kilabni Magaala Shaggar ammoo qabxii 21'n sadarkaa 13ffaa irra jira.