Kiristiyaanoo Roonaaldoo Sa'uudiitti maaltu mudannaan tapharraa hafe?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Tapha Wiixata Al-Riyadh waliin taphatan keessaa kan hafe taphataan beekamaan addunyaa kanaa Kiristiyaanoo Roonaaldoo egereen inni Al-Nassr keessatti qabu shakkii keessa galeera.

Miidiyaan Poorchugaal A Bola jedhamu akka gabaasetti taphataan umrii waggaa 40 kun akkaataa jaarmiyaan Sa'uudii Arabiyaa Public Investment Fund (PIF) jedhamu kilabicha itti hoogganaa jirutti mufachuun taphachuu dide.

Waancaawwan 19 injifachuun liigicha keessatti kilaboota akkaan milkaa'an kan ta'an Al-Nassr fi Al-Hilal lamaanuu jaarmiyaa kanaan (PIF) hoogganamu.

PIF kilaba Piriimer Liigii Ingilaand Niwukasil keessaas qooda qaba.

Roonaaldoon bara 2022 Maanchistar Yunaayitid gadhiisuun Al-Nassr gale. Miindaan isaa waggaatti paawondii miiliyoona 177 yoo ta'u, kanaanis addunyaarratti taphataa miindaa guddaa argatu ta'eera.

Garuu kilabicha waliin waancaa tokko qofa mo'ate. Innis waancaa kilaboota Arabaa- Arab Club Champions Cup jedhamuudha.

Yeroo shan badhaasa Ballon d'Or kan injifate Roonaaldoon Waxabajjii 2025 kontiraata waggaa lamaa kilabichaaf mallatteesseera.

Kontiraata kana dura garuu Al-Nassr keessaa ba'a oduun jedhu odeeffamaa ture. Garam deema kan jedhuuf ammoo kilaboota maqaa dhahaman keessaa morkataa Al-Nassr kan ta'e Al-Hilal tokko.

Maddeen akka BBC Ispoortitti himanitti Kariim Benzeemaa gara Al-Hilal qajeeluun sababa ijoo Roonaaldoo mufachiisee fi naasisedha.

Jifataan duraanii Faransaay fi kilaba Ispeen Riyaal Maadiriid keessatti ammoo Roonaaldoo faana taphataa kan ture Kariim Benzeemaa kontiraati Al-Ittihad waliin qabu erga dhumee booda Wiixata Al-Hilal seene.

Taphataan umrii waggaa 38 Benzeemaan kontiraata dheeressuu ilaalchisee erga leenjisaa Al-Ittihad faana walitti bu'anii booda kophaasaa shaakala hojjechaa ture.

Maddi haala Al-Nassr keessatti mudatetti dhihoo jiru waa'ee Roonaaldoo wayita BBC'f ibsu ''baayyee dorgomaa waan ta'eef kilabni biraa akka jabaatee kansaa caalu hin fedhu,'' jedhe.

Jiristiyaanoo Roonaaldoo erga Liigii Sa'uudii- Saudi Pro League jedhamu seenee akka mallattootti ilaalama.

Bara jalqaba Al-Nassr seene, 2022-23 goolii 14 lakkoofsisuun kilabichaaf baayyee gumaache.

Dursaan taphattoota Poorchugaal kun baroota taphaa darban lamaan liigicha keessaa nama taphataa goolii hedduu galcheedha.

Walduraa duubaan gooliiwwan 35 fi 25 galche.

Roonaaldoon wayita Muddee darbe sagantaa badhaasaa Globe Soccer Awards jedhamurratti taphataa collee Baha Giddugaleessaa Best Middle East Player ta'uun badhaafamu akkas jedhe:

"Galmi koo maal akka ta'e beektu. Waancaawwan hedduu injifachuun barbaada. Goolii kiyya 1,000n ga'achuun barbaada. Kana hundi keessanuu beektu. Yoo miidhamni na hin mudanne lakkoofsa kanarra inuman ga'a.''

Jimaata darbe wayita Al-Kholood waliin taphatan goolii isaa kan baranaa 17ffaa galcheera. Kanaanis goolii hanga yoonaatti galche 961 irraan ga'ateera. Galma isaa bira ga'uuf goolii 39 qofatu isa hafa.

Haata'u malee Roonaaldoon dhiheenya kana waancaa hedduu nyaatee hin beeku. Gama injifannoo waancaatiin hanqinni isa mudateera.

Erga Al-Nassr seenee baroota taphaa jalqabaa lamaan kilabni isaa liigicha keessaa sadarkaa lammaffaan xumure.

Bara darbe ammoo kilaba tokkoffaan xumure Al-Ittihad irraa qabxii 13n fagaatee sadaffaan xumure.

Bara 2023-24 keessas waancaa King's Cup jedhamu xumuraaf ga'anii rukuttaa peenaalitiin Al-Hilal injifate.

Bara darbe Al-Nassr kilaba Jappaan Kawasaki Frontale jedhamuun injifatamuun maayii xumuraa Chaampiyoonsi Liigii Eeshiyaaf darbuu hanqate.

Barana ammoo dorgommii waancaa sadarkaa lammaffaa- Asian Champions League Two jedhamu qofaaf darbe.

Morkataan Al-Nassr kan ta'e Al-Ahlin ammoo bara darbe taphattoota akka Riyaad Mahreez, Roobertoo Farmiinoo fi Ivaan Toonii qabatee waancaa chaampiyoonsi Liigii Eeshiyaa injifate.

Taphataan yeroo shan waancaa Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa nyaate Kiristiyaanoo Roonaaldoo erga gara Sa'uudii imalee bara 2023 qofa waancaa kilaboota Arabaa nyaate.

Waahillan isaa- kan Riyaal Maadiriid Kariim Beenzeemaa fi kan Poorchugaal Ruuben Neves, baroota inni liigii Sa'uudii keessa jiru kana yeroosaan waancaa kaasan taa'ee daawwachuu qofa ta'e hojiin Roonaaldoo.

Kunis dhimmoota isa yaaddessan keessaati.

Kanarratti dabalataan Kiristiyaanoo Roonaaldoo nama karaasaatti dhufee isa dura dhaabatu hin barbaadu.

Maanchistar Yunaayitid keessa wayita tures wanti kilabichi baayyee hin hubanne, waa'een Roonaaldoo, tureera.

Taphataan kun galma tokko hedatee kaanaan, wanti tokkollee akka duubatti isa deebisu hin eeyyamu. Rakkoo fi gufuu isa mudatutti harka hin kennu.

Balaa as deemuu maluufis itti gaafatamummaa fudhatee nama gara kaayyoosaatti imaluudha.

Maanchistar Yunaayitiditti yeroo lammaffaaf itti deebi'ee wayita keessaa ba'u kilabicha keessatti guddina isaaf wantoota hin mijanne eereera.

Yaaddoon isaa tokko waa'ee iddoo leenjii kilabichaati. Kaan akkaataa kilabichi itti caaseffamedha. Akkasumas dhimmi leenjisaa yeroo sanaa Erik Ten Hag yaaddoo isaa ture.

Kunneen walitti ida'amanii isa tursiisuu akka hin dandeenye erga hubatee keessaa ba'uuf murteesse Roonaaldoon.

Erga waan hunda xumuree booda yaadota kennaa turee fi tarkaanfii fudhatetti akka gammade ibse.

Amma Roonaaldoon umriinis deemeera, maallaqa guddaa argataa jira. Waan Al-Nassr keessatti isa mudaterratti ammallee hin dubbatin jira.

Garuu sababoota inni ibsu dhagahuuf hunduu gurra qeensee eega.