Paastariin Eertiraa waggaa 10 hidhaa ture, awwaalcha dhorkamee reeffi guyyaa 10 ol ture

Paaster Tasfaayi Siyyum

Madda suuraa, PM

Torbee darbe keessa paastariin waldaa warra wangeelaa waggoota 10 hidhaa ture tokko, dhukkubsatee hospitaalatti du’us osoo hin awwaalamin guyyaa 10 ol turuu namoonni maatiisaatti dhiyaatan BBCtti himan.

Paastariin kun Tasfaayi Siyyum jedhama. Erga du’ee guyyaa 10 darbus hanga ammaa akka hin awwaalamin jiru BBCn odeeffateera.

Itoophiyaatti tajaajilaa Waldaa Masarata Kiristoos kan ta’an Paastar Mikaa’el BBCtti akka himanitti, Paaster Tasfaay Siyyum Ertiraatti waldaa kanneen bu’uuressan keessaa tokko ta’us, waggoota 10 ol mana hidhaa Ertiraa keessa ture.

Awwaalcha dhabuu paastarii kanaatti kan gaddan maatin isaa, qondaaltota nageenyaa Ertiraallee dubbisanis hanga ammaa furmaata hin argatin jiraachuu himan.

Dhimma kanarratti dubbii himaa mootummmaa Ertiraa kan ta’an Obbo Yamaanaa Gabara’ab qunnamuuf yaallus hin milkoofne.

Paastariin awwaala dhabe kun ji’a lama dura dhukkubsatee mana hidhaatii bahee hospitaala akka galu tasifamus gaafa Ebla 9, 2023 du’aan boqote.

Sababa amantiisaarraa kan ka’e paastariin kun iddoo awwaalaa Asmaraa keessatti argamu Hazaaz jedhamutti awwaaluf hayyama hin argatin hafuu dubbata Paastar Mikaa’el.

Ertiraatti amantiiwwan seera qabeessa ta’anii waaqeffachuun hayyamamuuf Waldaa Kaatolikii, Waldaa Warra Wangeelaa Lutaraan fi Amantii Islaamaa Sunnii qofaadha.

Dhaabbilee amantii kanneen irraa kan hafe warra kaan hidhaafi dararaatu isaan eeggata.

Ji’oota muraasa dura Ertiraa, Karan keessatti dargaggoonni umurii 18 gadii dhoksaan wal-gahanii waaqeffatan dabalatee namoonni 30 ta’an hidhamanii turan.

Ertiraan Dhabbaata Mootummoota Gamtoomaniitti miseensa Mana Maree Mirgoota Namoomaa taatus mirga namoomafi mirga amantii sarbuudhan yeroo heddu himatamti.

Ertiraan himannaa irratti dhiyaatu kana hin fudhattu.

Paastariin awwaala dhorkame kun nama ganna 60fi gaa'ela dhaabbatee abbaa mucaa tokkooti.