Lammiin Ertiraa Siniit Haabta'aab bareedduu Afrikaa - US mo'atte

Siniit Haabita'aab waggoota afur dura gara US'tti kan imalte yoo ta'u yeroo ammaa barattuu waggaa afraffaa saayinsii waa'ee sirna narvii qoratu - niwirosaayinsiiti

Madda suuraa, Miss Africa USA Pageant

Ibsa waa'ee suuraa, Siniit Haabita'aab waggoota afur dura gara US'tti kan imalte yoo ta'u yeroo ammaa barattuu waggaa afraffaa saayinsii waa'ee sirna narvii qoratu - niwirosaayinsiiti

Lammiin Ertiraa Siniit Haabta’aab waggoota muraasa dura biyya dhaloota isheerraa gara Ameerikaa imaltee dorgommii bareedinaa Afrikaa – US kan bara 2023 injifatte.

Siniit dhalattee kan guddate Ertiraa keessadha. Yeroo ammaa Ameerikaa, Varjiiniyaa keessa jiraatti.

Sagantaa Sambata galgala Waashingitanitti qophaa'en injifachuun ishee yeroo dhagahamu deeggartoonni ishee alaabaa Ertiraa mirmirsaa turan.

Siniit sagalee 10,290 argachuun injifatte. Dorgomtuun ishee Amiinii Bonaane Kongoorraa dorgomte sagalee 5,155 argatte.

Lammiin Kaameroon Azhiniwii Kaatiyaane sagalee 2,440 argachuun sadaffaan xumurte.

Dorgomtuun Itoophiyaa Iddilaawit Saamson immoo qabxii 340 qofa argatte.

Kaayyoon dorgommii kanaa dubartoota aangessuun hawaasa isaanii keessatti hoggantummaan akka hirmaatan gochuudha.

Akkasumas gargaarsi namootaa hunda bira akka gahu jajjabeessu akka ta’e marsariitii qaama dorgommii qopheesserratti ibsameera.

Dhihoo BBC waliin turtii taasisteen waa'ee daa’imman rakkoo guddina sammuu kanneen akka otizimii akkasumas Down Syndrom qaban irratti dalaguu akka barbaaddu himte.

Dorgommiin Miss Africa USA Pageant jedhamu wagga waggaan dorgomama.

Dorgomii kana irratti dubartoonni Afrikaa US jiraatan ni hirmaatu.

‘’Dorgommii kana akka riqicha gara galma kootti na geessuuttin ilaala. Sababiin isaa namoota gurguddoo akkasumas tumsa gochuu danda’an waliin akka wal argu carraa uuma waan ta’ef,’’ jechuun himte.

Turtii kana dura BBC Tigrinyaa waliin taasisteen obboleettiin ishee ganna 16 rakkoo guddina sammuu jechuunis Down Syndrome qabdu carraa barnootaa akka hin arganne himte.

Sababa kanaaf barattoonni mala barnootaa guddina isaaniin wal simu akka argatan akka dalagdu kaayyeffatte.

Kanas milkeessuuf leenjiiwwan garagaraa akka hordoftullee himte.

Siniit lammii Ertiraa yoo taatu waa'ee daa'imman rakkoo guddina sammuu qaban irratti dalaguu feeti

Madda suuraa, Miss Africa US Pageant

Ibsa waa'ee suuraa, Siniit lammii Ertiraa yoo taatu waa'ee daa'imman rakkoo guddina sammuu qaban irratti dalaguu feeti

Siniit waggoota afur dura gara Yunaayitid Isteet kan imalte yoo ta’u yeroo ammaa Yunivarsitii Joorj Maasonitti barattuu waggaa afraffaa damee niiwirosaayinsiiti.

Dabalataan Montesooriitti barattoota barnoota idilee hin eegalles gargaartuu ta’un barsiifti.

Afaan Tigrinyaa, Xaaliyaanii, akkasumas Ingilizii sirriitti dubbatti. Afaan Amaaraafi Faransaay immoo akka yaaltu himte.