Mootummaan Ertiraa gibira lammiilee isaarraa walitti qabu 'seera qabeessa' ta'uu ibse

Madda suuraa, Getty Images
Ertiraan lammiilee ishee biyya alaa jiran galii argatanirraa gibira dhibbantaa lama walitti qabdi.
Haa ta’u malee, Embasiin biyyattii ala jiran lammiilee biyyatii ‘’gibira seeraan ala’’ akka kanfalan dirqa jedhamuun himannaan irra-deddeebbiin irratti ka'a.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti ergamni Ertiraa dhihoo yeroo jalqabaaf dhimma kana irratti deebii kenneen qeeqa irratti dhihaate balaaleffateera.
Gibirri Ertiraan lammiilee biyyattiirraa walitti qabdu bu'uura qabeessa ta'uufi kan lammummaa biyyattii qaban qofa ilaallatu ta'uu ibsite.
Biyyattiin qarshii lammiilee irraa walitti qabdu naannawa Gaanfa Afrikaatti ''waldhibdee itti uumuuf itti dhimma baati,'' jechuun qareen qorannoo UN kana dura himatee ture.
Yeroon kun bara Eertiraan loltoota Somaaliya waraanaan tumsaa jirti jedhamtee himatamaa turte waan ta’eef, sababa kanaan hanga bara 2018 qoqqobbiin irra kaahame ture.
Gibirri dhibbeentaa lama lammiilee Eertiraa biyya alaa jiraatanii kan jalqabe bara 1994 irraa eegaleeti.
Eertiraan bara 1991 walabummaa ishee erga gonfattee booda diinagdee biyyattii dadammaqsuuf, misoomaaf, karaa garaagaraa maallaqa walitti qabuuf yaada dhiyaateen gibira sassaabuun labsiidhaan bahe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haaluma kanaan lammileen Eertiraan fi dhalattootni Eertiraa biyyoota alaa jiraatan kamuu tajaajila mootummaa argachuuf gibira akka kanfalan gaazexeessaan BBC Afaan Tigriffaa Kaahisaay Tewoldebirhaan ni dubbata..
Mootumman garuu dhalattoota Eertiraa ta’anii lammumma biyya biraa qabaannaan hin kaffalani jedha.
Biyyi Eertiraa lammummaa lama qabachuu ni hayyamti.
Kaffaltichi kan raawwatamu imbaasiiwwan biyyoota keessa jiraatan keessattidha.
Waggaa tokko keessatti galiin lammiileen biyyattii argatan herreegamee, dhiibbeenta lama akka kanfalan ni taasifama.
Biyyoota akka Kaanadaa gibira kana dhorkan ykn biyya Imbaasiin Eertiraa keessaa hin jirrettimmoo maatiiwwan namoota biyya alaa jiraatan haala adda addaan akka kaffalan taasifama.
Ragaa gibira kana kaffaluu ibsu lammiileen hin dhiheessan taanaan tajaajiloota qoontsilaa mootummaan Eertiraa kennu argachuun isaan rakkisa.
UN'tti Ergamaan Ertiraa torban darbe ibsa baasen Eertiraan bara 2010 gibira warra biyya alaa jiraaturraa doolaara miiliyoona 14.5 sassaabu ibse.
Bara 2013 ammoo doolaara miiliyoona 24.7 sassaabamuutu ibsame.
Dabalataan waggaa afur keessatti doolaarri miliyoona 73 sassaabamuu eere.
Kanaa ala garuu haala kanaan galiin walitti qabamu hangam akka ta’e wanti beekamu hedduun hin jiru.












