Namichi adamoof bahee bosona Amaazoon keessa bade guyyaa 31f raammoo nyaachuun lubbuu tursiifachuu hime

Madda suuraa, Reuters
Namni lammii Booliviyaa bosona Amaazoon keessatti bade guyyaa 31f raammoo nyaachaa lubbuu ofii turse jedhe.
Jonaataan Akoostaan nama ganna 30 yoo tahu, kaaba Booliviyaa adamoof hiriyyootasaa afur wajjin deemetu boodarra adda bahe
Namni kuni bishaan roobaa kopheesaatiin waraabee akka dhugaa tureefi raammoo nyaachaa akka ture hime. Qeerransa dabalatee bineensota jalaa dhokachaa akka of tures himeera.
Obbo Akoostaan ji’a tokkoo booda koree namoota naannoofi hiriyyootasaan hundaa’een argame.
Imimmaan harcaasaa, ‘’yeroo dheeraaf ana barbaacha itti fufuun isaanii na dinqeera,’’ jedhe.
‘’Raammoo, ilbisa nyaadheera, lubbuu bulfachuuf waanin godhe yoon isinitti hime hin amantan,’’ jechuun TV Yuniteel jedhamutti hime.
Kuduraa paappaayyaa fakkaatus akka nyaachaa ture hime. ‘’Waaqa guddiseen galateeffadha, jireenya haaraa naa kenne,’’ jedhe.
Maatiinsaa akkamiin akka badee fi bosona keessatti of turse odeeffannoo guutuu akka hin qabneefi xiinsammuun isaa ijaa miidhameefi yeroo bayyanatu akka isa gaafatan himan.
Obbo Akoostaan yeroo bosona keessa turetti ulfaatina kiloogiraama 17 hir’ise, koronyoonsaa buqqa’ee, dhangala’aan qaamasaa keessaa hir’atee ture jedhan warri isa argatan, garuu miilaan dhaabachuu danda’a tures jedhaniiru.
Obboleessi nama kanaa, ‘’yeroo koronyoonsaa buqqa’e guyyaa afraffaa akka tureefi lubbuusaaf sodaachaa akka ture nutti himee,’’ jechuun gaazexaa Paaginaa Seete jedhamutti hime.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
‘’Qawwee isaa keessa rasaasa tokko qofti hafee deemuu hin danda’u ture, namni na barbaada jedhee hin yaadne ture jedhe, '' jechuun obboleessi quxisuu Horaasiyoo Akoostaan dubbata.
Joonaataan Akoostaan yeroo bade gooraadee ykn baatirii ibsitu harkatti hin qabanne ture. Bishaan dhugus kophee boottiidhaan kufachaa ture.
Obboleesi nama kanaa rasaasa ishee dhumaa tuta bineensaa booyyee fakkaatu doorsisuuuf bosona keessatti dhukaasuu hime.
Guyyaa 31 booda garee isa barbaadaa turan meetira 300 irraa argee hokkolaa itti tiratee, akka isa arganiif iyyaa ture.
Akka obboleessisaa Horaasiyoon jedhutti, ‘’namoota naannooo afurtu isa argatee, misiraachioo itti himuuf fiige.’’ ‘’Waan dinqii dhas,’’ jedhe.
Kana booda adamoof lammata akka hin deemne kakatee jedheera obboleessi.
‘’Waaqa galateeffachuuf muuziqaa akka taphatu, kakateera. Waadaasa waan eegu natti fakkaataa,’’ jedhe.
Poolisiin garuu namni kuni akkamiin hiriyyootasaarraa adda bahee akka bade, hiryyoota afran nan qoradhaa jedhe.












