Dhalattootni Tigiraay 9,000 kaampii Affaar keessaa jiran akka gadhiifaman KMNI gaafate

Dhalattoota Tigiray kaampii Affaar keessaa jiran

Madda suuraa, AM

Komishiniin mirga Namoomaa Itoophiyaa dhalattootni Tigiraay kumaatamaan kaampii hidhaa naannoo Affaar keessa jiran hatattamaan akka gadhiifaman gaafate.

Komishinichi hidhaan isaanii seeraan ala jedhe.

Erga Mudde bara darbee eegalee dhalattootni Tigiraay gara 9,000 tahan kaampicha keessatti walitti qabamuun tursiifaman.

Dhalattootni Tigiraay kunneen naannoo daangaa Affaarii fi Tigiraay irraa kan walitti qabame yoo tahu, yeroo waraana Tigiraay sana keessa ture.

Mootummaan dhalattoota Tigiraay kanneen kan kaampicha keessatti walitti qabeef nageenya isaanii tiksuufi namoota yakka keessatti hirmaatan jedhaman adda baasuuf akka tahe ibseera.

Dhalattoonni Tigraay bakka turtii kana keessa jiran deeggarsa gahaafi wallaansa akka hin argannee BBCtti himaniiru.

Dabalataan daa'immaniifi maanguddoonni umuriin isaanii hanga waggaa 90 dallicha keessa jiraachu dubbatu.

Mana yaalaa deemuuf human nageenyaa mooricha eeganiif birria kennuun akka bahanii deebi’anis dubbataniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Komishiniin mirgoota Namoomaa bakki tursiisa dhalattota Tigiraay '‘lubbuu isaaniif balaa qaba,’’ jedhe.

Lakkoofsa namoota buufaticha keessatti du’anii fi amma jiranii baruuf BBCn gaafatee, ammatti qorannoon isaa waan hin dhumneef yaada kennuu akka hin dandeenye dubbate komishinichi.

Haa tahu malee, '‘buufaticha keessatti dhukkubni waliin isaa hin baramne ka’uu fi ijoollee irra caalaa akka miidhuu’’ himaniiru.

Sababa kanaan lakkoofsi namoota du’anii akka dabalee jiru akka beekanis dubbataniiru.

Bakki dhalattoonni Tigiraay itti argaman kun mooraa kolleejjii Soloodaa jedhamu keessa yoo tahu, dhiirotnii fi dubartoonni bakka dallaan addaan qoodame keessa jiraatu.

BBC’n Waldaa Qaxxaamura Diimaa Adunyaa waa’ee namoota Affaar Samaraatti argamanii gaafatee '‘haalli isaa akkuma buqqaatota naannoo kaan jiranii yaadessaadha’’ jechuun ala ibsa bal’aa kennuu irraa of qusateera.

Waldaan Qaxxaamura Diimaa dhalattoota Tigiraay kanneen akka buqqaatotaatti haa ilaalu malee isaan garuu hidhaarra jirra jedhu.

Kanaaf ammoo akka fakeenyaatti kan kaasan buufaticha keessaa akka barbaadan bahanii galuu dhorkamuu isaaniiti.

Waldaan Qaxxaamura Diimaa Adunyaa, Waldaa Qaxxamura Diimaa Itoophiyaa waliin tahuun '‘namoota 9,000 bakka tursiisaa keessa jiraniif deeggarsa nyaataa’’ gochaafii akka jiru hime.