Karaawwan afran Feesbukiin waggaa 20 keessatti addunyaa ittiin jijjire

Suuraa armaan olii mee ilaalaa. Miidiyaan hawaasummaa addunyaa Feesbukiin kan duraan (The Facebook) jedhamun beekamuudha.

Miidyaan hawaasaa Feesbuukiin, waggoota 20 dura yeroo Maark Zukerbargi fi hiriyyoonni isaa muraasni barattoota yeroo turan doormiisaanii keessa taa'uun yeroo jalqaba uuman suuraa oliitti ilaaltan fakkaataa ture.

Yeroo sanarraa kaasee miidiyaan hawaasummaa addunyaa irratti baay'ee jaalatame kun yeroo danuu irra deebiin fooyyeefame.

Garuu kaayyoon isaa tokkuma: namoota toora interneetii wal qunnamsiisuudha. Akkasuma beeksisarraa maallaqa guddaa argachuudha.

Feesbukiin erga hundaa’e waggaa 20 yeroo guutu kanatti karaaleen addunyaa itti jijjiire afur kunooti.

1. Feesbuukiin tapha miidiyaalee hawaasaa jijjiire

Miidiyaaleen hawaasummaa biroo kan akka MySpace jedhamu fa’aa Feesbuukii dura turan - garuu marsariitiin Maark Zuukarbarg bara 2004 yeroo jalqabamu battalumatti ol ka'uun marsariitiin onlaayinii gosa kanaa hangam saffisaan qabachuu akka danda'u mirkaneessa.

Waggaa tokko hin guunne keessatti maamiltoota miliyoona tokko horate yoo ta'u, waggoota afur keessatti ammoo miidiyaa hawaasaa MySpace caale – Feesbuukiin kalaqawwan akka dandeettii suuraa irratti namoota biroo eeruu ykn 'tag' gochuutiin ittu hoo’e.

Halkan bashannanaa irratti kaameraa dijitaalaa fudhachuun, hiriyyoota suuraa hedduurratti 'tag' wal gochuun dargaggoota ol adeeman biratti danuu jalaatame.

Akkatti odeeffannoowwan gegeeddaraman ittifinsaan fayyadamtoota bira gahu gara jalqabaa maamiltoota Feesbuukii sirriitti hawwate.

Bara 2012tti Feesbuukiin ji'atti maamiltoota biiliyoona tokko caalan kan horate.

Xumura bara 2021tti yeroo gabaabaaf - fayyadamtoonni guyyaa guyyaan si'ayinaan Feesbuukitti gargaraman yeroo jalqabaaf gara biiliyoona 1.92tti gadi hir’atan, ta’us toorri miidyaa hawaasaa kun guddina isaa ittifufeera.

Biyyoota Feesbuukitti hedduu hin gargaramnetti babal’achuun, fi tajaajila intarneetii bilisaa dhiyeessuun dhaabbatichi lakkoofsa fayyadamtoota Feesbuukii guddisuu danda'eera.

Xumura bara 2023tti Feesbuukiin guyyaatti fayyadamtoota biliyoona lamaa ol akka qabu gabaaseera.

Feesbuukiin dargaggoota biratti duraan fudhatamni qabaachaa ture hir’achuutu amanama.

Kanas ta'e sana, miidiyaa hawaasummaa addunyaa irratti baay'ee jaallatamu ta'ee ittifufeera.

Namoonni gariin Feesbuukii fi dorgomtoota isaa akka meeshaalee walqunnamtii jabeessaniitti ilaalu, kaan ammoo miidyaaleen hawaasa akka araada nama miidhu nama qabsiisaniitti ilaalu.

2. Feesbuukiin odeeffannoo dhuunfaa gatii akka qabaatu garuu icciitummaa akka xiqqaatu taasise

Feesbuukiin waan jaalala fi jibba qabnu walitti sassaabbachuun bu'aa garmalee akka qabu mirkaneesse.

Guyyoota kanatti dhaabbati Feesbuukii of jalatti hammaate Meta jedhamu, dhaabbata beeksisa guddaa Google cina hiriiru ta’uun galii beeksisa addunyaarratti harka guddaa qooddataa jira.

Dhaabbanni Meta kurmaana sadaffaa bara 2023 keessa galii gara doolaara biiliyoona 34 (£26.7bn) kan argate.

Feesbuukiin bakka daataa walitti qabuun dogoggora ta'uus agarsiiseera.

Meetaan ofeeffannoo dhuunfaa dogoggoraan qabachuu isaatiin yeroo danuu adabameera.

Dhimmi ifatte baayye beekame bara 2014tti shira ' Cambridge Analytica s' yoo ta'u, kunis Feesbuukiin sababa seera odeeffannoo cabseef himannaa seeraa irratti dhyaate goolabuuf doolaara miliyoona 725 (£600m)kaffale.

Bara 2022ttis Feesbuukiin daataa dhuunfaa marsariitii isaarraa akka fudhatamu hayyamuu isaatiin maallaqa Yuuroo miiliyoona 265 (£228m) Gamtaa Awurooppaa kaffaleera.

Akkasumas bara darbe dhaabbatichi Daataa maamiltoota Awurooppaa gara biraatti dabarsuu isaatiin, Komishinii Eegumsa Daataa Aayilaanditiin Yuuroo biiliyoona 1.2 adabamuutu yaadama.

Feesbuukiin yeroo ammaa adabbii kana irratti ol iyyannoo dhiyeeffachaa jira.

3. Feesbuukiin interneetii siyaasa taasise

Beeksisa xiyyeeffannoo qabu dhiyeessuudhaan Feesbuukiin addunyaa guutuutti duula filannoof waltajjii guddaa ta'eera.

Fakkeenyaaf, filannoo pirezidaantummaa Ameerikaa bara 2020 gaggeeffamuuf ji’oonni shan wayita hafu gareen pirezidaantii duraanii Doonaald Tiraamp beeksisa Feesbuukiif doolaara miiliyoona 40 ol baasuu isaanii qorannoon Istatistaa ni mul’isa.

Feesbuukii fi Tiwiitarri yeroo Warraqsa biiyyota Arabaa mormii qindeessuuf gargaaruu fi waan qabatamann ta’aa jiru oduu tamsaasuu gargaaruu keessatti qooda murteessaa qabaachaa akka turan himama.

Feesbuukiin kaayyoo siyaasaaf oolchuun dhiibbaa mirga namoomaa irratti qabu dabalatee bu'aa hordofsiiseef hanga tokko qeeqamaa ture.

Bara 2018tti Feesbuukiin gabaasa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, kan namoonni toora miidiyaa hawaasaa kana fayyadamuun hawaasa Rohingiyaa Miyanmaar jiraatanirratti ''hokkora kakaasuuf'' akka hin fayyadamne dhorkuu dhabuu ibse amane.

4. Olaantummaa Meetaan horachaa dhufe

Milkaa'ina guddaa Feesbuukiin argateen, Maark Zuukarbarg miidiyaa hawaasaa fi teeknooloojii fayyadamtootaa danuu akkasuma humna guddaa qabu ijaare.

Dhaabbileen haaraa dhufan, WhatsApp, Instagram fi Oculus dabalatee dhaabbata bitamanii Feesbuukii, bara 2022tti Meetaa jala galaniiru.

Meetaan amma akka jedhutti, namoonni biiliyoona sadii ol yoo xiqqaate miidiyaasaa keessaa tokko guyyaatti nifayyadamu.

Yeroo dorgomtoota isaa bitachuu hin dandeenyetti, Meetaan yeroo baayyee isaan fakkeessee dhiyeessuun himatamaa ture -kunis ol'aantummaa isaa eeguuf jechadha.

Feesbuukii fi Inistaagiraamir qabiyyeen ‘Stories’ yeroo murtaa’e booda baduu, Isnapchaat irratti kan argamuun wal fakkaata; Instagraam Reelsi jedhamee kan maamiltootaaf dhiyaate dorgoommii aappiin viidiyoo qoodu beekamu TikTook irraa mudate deebii kennamedha. Akkasumas ‘Threads’ yaalii X, kan duraan Tiwitara jedhamuun akkeesuuf hojjatame.

Dorgommiin miidyaalee hawaasa giddutti dabalaa dhufeera akkasuma tooftaaleen dorgommii yeroo kamiyyuu caalaa barbaachisoo ta’aniiru.

Bara 2022tti Meetaan dhaabbata GIF hojjetu Giphy kasaaree gurguruuf dirqame.

Kunis erga seera baastonni UK sodaa gabaa keessatti garmalee ol’aantummaa dhuunfachuu mala jedhurra kan ka’een tajaajila kana akka hin dhuunfanne ugguran booda ture.

Waggoota 20'n dhufan akkam ta'a?

Feesbuukii olkaaasu fi ol'aantummaa ittifufsiisun dandeettii Maark Zuukarbarg marsariiticha soroorsuurratti hundaa’a.

Garuu akka miidiyaa hawaasaa baay'ee jaallatamu ta’ee waggoota 20 dhufan ittifufuuf qormaata guddaa isa eeggata.

Meetaan amma bizinasiisaa yaada’ Metaverse’ irratti ijaaru barbaada.

Hubannoon namtolchee akkasuma dhimma Meetaan xiyyeeffannoo guddaa kennuuf ta’uutu eerame.