Dhibeen maaree jaldeessaa-mpox yaaddoo fayyaa addunyaa ta'ee labsame

Maareen jaldeessaa namoota dhibba keessaa afur ajjeesaa jiraachuu qorannoon ibse

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Maareen jaldeessaa namoota dhibba keessaa afur ajjeesaa jiraachuu qorannoon ibse

Dhaabbati Fayyaa Addunyaa (WHO) dhibeen maaree jaldeessaa kutaalee Afrikaa hedduu keessa faca'e fayyaa addunyaaf yaaddoo ta'uu labse.

Dhibeen akkaan tatamsa'uu fi maqaa maaree jaldeessaa (monkeypox) jedhamuun beekamu kun jalqaba wayita Rippaabilika Dimokiraatawaa Koongoo keessatti faca'uu eegalu yoo xiqqaate namoota 450 ajjeeseera.

Dhibeen kun yeroo ammaa giddugaleessaa fi baha Afrikaatti babal'ateera. Akkaataa akaakuuwwan dhibee kanaa itti tatamsa'aa jiruu fi lubbuu namaa gaaga'amaa jiru irratti saayintistoonni guddoo yaadda'ani.

Daarektarri olaanaan WHO Dr Teedroos Adihaanom saffisni dhibeen kun ittiin Afrikaa keessaa fi Afrikaan alattis ba'ee tatamsa'aa jiru ''baayyee nama yaaddessa'' jedhan.

''Tatamsa'ina dhibee kanaa hambisuun lubbuu dhala namaa baraaruuf qindoominni addunyaa murteessaa fi dirqama,'' jedhan Dr Teedroos.

Dhibeen maaree jaldeessaa dhiheenyarratti wal tuttuquu irraa nama qaba. Keessattuu yeroo saal-quunnamtii raawwatan, gogaan nama dhibee kanaan qabamee yoo isa fayyaa tuqe, walitti dubbachuu fi dhiheenyarratti hafuura walitti baafachuun karaa dhibeen kun ittiin tatamsa'u isaan ijoodha.

Wayita nama qabu mallattoo akka qufaatu namarratti mul'ata. Gogaan baayyee madaa'ee miidhama. Dhibeen kun namoota qabe 100 keessaa afur ajjeesa akka qorannoon mul'isutti.

Gosoonni maaree jaldeessaa lamatu jiru- Clade 1 fi Clade 2 jedhamu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Maareen jaldeessaa inni bara 2022 yaaddoo fayyaa ta'uunsaa labsame Clade 2 ture.

Inni haga tokko salphaa fi baayyee kan tatamsa'us hin turre.

Inni alanaa garuu akkaan balaafamaadha. Clade 1 kan jedhamu kun namoota tatamsa'ina isa jalqabaan qabaman keessaa dhibbeentaa 10 ajjeeseera.

Fulbaana bara darbee keessa gosti vaayirasii dhibee kana tatamsaasu haaraan mul'ateera.

Vaayirasii haaraan akkuma argamaa deemu hammeenyi dhibee kanaas ni dabala. Dhibeen kunis gara Clade 1b geeddarame.

Kun isa saffisaa fi baayyinaan faca'uu danda'uudha.

Saayinstistiin tokko gosa kanaan ''akkaan hamaa fi kan lubbuu namoota baayyee galaafatu,'' jechuun ibse.

Jalqab bara kanaa erga dhibeen kun Rippaabilika Dimokiraatawaa Koongoo keessatti yaaddoo ta'erraa eegalee hanga ammaa namoota 13,700 achitti qabaman keessaa yoo xiqqaate 450 kan ta'an du'aniiru.

Biyyoota Afrikaa kanneen akka Burundii, Rippaabilika Afrikaa Giddugaleessaa, Keeniyaa fi Ruwaandaa keessattis argameera.

Adoolessa 2022 dhibeen maaree jaldeessaa inni duraanii- Clade 2 jedhamu biyyoota addunyaa 100 keessatti babal'ateera.

Biyyoonni Awurooppaa fi Eeshiyaa muraasa keessatti dhibeen kun argamee ture.

Akka Dhaabbati Fayyaa Addunyaa jedhutti wayita sana dhibee kanaan namoonni kuma 87 qabaman keessaa 140 kan ta'an du'aniiru.

Dhibeen kun nama kamuu qabuu danda'a, garuu irra jireessaan namoota dhiiraa fi dhiira ta'anii walquunnamtii saalaa waliin raawwatan qabuun beekama.

Yeroo sana namoota miidhamoo ta'an talaaluudhaan tatamsa'inni dhibee kanaa hanga tokko to'atamee ture.