Kooriyaa Kibbaatti ijoollee godhachuun waan xiqqaateef lakkoofsi loltoota biyyattii %20 hir'atee yaaddoo uume

Kooriyaa Kibbaatti lakkoofsi ijoollee haaraa dhalatanii xiqqaataa deemuu irraa kan ka'e lakkoofsi loltoota biyyattii dhibbeentaa 20 gadi bu'uun himame.

Ministeerri Ittisaa Kooriyaa Kibbaa akka beeksisetti, lakkoofsi daa'imman dhalatanii gadi xiqqaataa deemun lakkoofsa humna waraanaa biyyattii irratti dhiibbaa uumera.

Akka gabaasa waraana biyyattiitti, lakkoofsi loltootaa walakkaa miliyeenaa ta'uu kan qabu, dhibbeentaa 20 gadi bu'uun amma lakkoofsi loltootaa 450,000tti gadi bu'eera.

Sababni ijoon lakkoofsi humna waraanaa biyyattii akka gadi bu'u taasise lakkoofsi daa'imman dhalatanii baay'ee gadi bu'uu ta'uu himu qondaalonni See'ul.

Kooriyaa Kibbaa keessatti lakkoofsi daa'imman dhalatanii baay'ee gadaanafi addunyaarraa isa xiqqaa ta'uu ibsu qondaalonni. Akka gabaasa paartiin biyya bulchu ibsetti, dubartiin tokko giddu galeessan daa'ima 0.75 deessi. Kana jechuun addunyaarraa isa xiqqaadha jedhame.

Rakkoo waraanaa biyya ollaashee Kooriyaa Kaabaa waliin qabdurraa kan ka'e, Kooriyaan Kibbaa lakkoofsi loltootashee yoo xiqqaate walakkaa miliyeenaa akka gahu barbaaddi.

Haa ta'u, sababa lakkoofsi lammiilee biyyattii daa'imman godhachuu barbaadanii akkaan gadi bu'uurraa kan ka'e waggoota jahaan darban keessa lakkoofsi loltoota biyyattii %20 gadi bu'eera.

Gabaasi qorattoonni Kooriyaa Kibbaa ji'a Adoolessaa keessa baasan akka ibsutti, haleellaa Kooriyaa Kaabaa irraa itti aggaamamu qolachuuf, See'ul yoo xiqqaate loltoota 500,000 ishee barbaachisa.

Faallaa kanaa Kooriyaan Kaabaa loltoota miliyeena 1.3 qabda.

Lakkoofsi loltoota Kooriyaa Kibbaa xiqqaataa deemun haleellaa Kooriyaa Kaabaa irratti dhufuu malu qolachuuf shakkisiisaa ta'uu ibsa bu'aan qorannichaa.

Kooriyaan Kibbaa lakkoofsa loltootashee walakkaa miliyeenatti ol guddisuuf sadarkaa biyyaalessaatti hojiin manaa cimaan akka ishee eeggata jedhama.

Kooriyaan Kibbaa kanaan dura kutaalee waraanaa 59 kan qabdu yoo ta'u, bara 2006 irraa kaasee lakkoofsi kun gara 42tti gadi bu'eera.

Gama biraan ammoo muddama naannichatti yeroo yeroon dabalurraa kan ka'e, See'u bajata humna waraanaashee dabalaa jirti.

Kooriyaan Kibbaa barana qofaa bajanni isheen humna waraanaa qofaaf ramadde bajata Kooriyaa Kaabaa kan waliigalaatii oli.

Bajanni humna waraanaa Kooriyaa Kibbaa kan bara 2025 dolaaraa biliyeena 43 akka ta'e ragaalen ni agarsiisu.

Akka seera Kooriyaa Kibbaatti, dhiironni umuriinsaanii gaheefi fayyaaleyyii ta'an kamuu tajaajila waraanaa ji'a 18 kennuun dirqama.

Haa ta'u garuu, tajaajila waraanaa dirqamaan kennuun biyyattii keessatti qeeqni irratti ka'a. Sababni ammoo, dargagoonni hojii mataasaanii duukaa akka hin buune danqa kan jedhuudha.