Jarman taankii ishee Li'opard 2 jedhamu biyyoonni biroo Yukireenif yoo ergan akka hin dhorikine beeksifte

Madda suuraa, Getty Images
Ministirri Dhimma Alaa Jarmanii Anaa Baa'erbuuk Poolaandi taankiiwwan Li'opard 2 Yukireeniif erguu yoo barbaadde Jarman fuuldura akka hin dhaabbanne himan.
Yukireen waraanaa Raashiyaa waliin gaggeessaa jirtu keessatti akka ishee gargaaruuf biyyoonni Lixaa akka taankii Jarmaniin oomishame erganiif gaaffatte.
Jarman garuu konkolaataawwan sibiila uffatan kan dhiyeessitu yoo ta'u, seerri al-ergi ishee biyyoonni kaan dabarsanii akka hin kennine dhorka.
Guyyaa Dilbataa Aaddee Baa'eerbuuk akka jedhaniitti, Poolaandii erguudhaaf hayyama hin gaafanne.
''Ammatti gaaffiin dhiyaate hin jiru, garuu ammoo yoo gaafatamnee hin dhorkinu'' jechuun TV Firaansi LCI jedhamuutti himan.
Torban darbe ammoo, MM Poolaand Maate'uszi Moraawieck Jarman yoo hayyamteef biyyiisaanii taankiiwwan Leopard 2 lakkoofsan 14 ta'an Yukireeniif erguuf qophii ta'uu beeksisan.
''Yukireen keessatti dandeettiin bilisummaa ittifachuu isarratti hundaa'a,'' jedhan.
Taankiiwwan Leopard 2 kunneenis addatti akka taankiiwwan Raashiyaa T-90 kan waraanicha keessatti itti fayyadamaa jirtun akka wal gitu ta'uun oomishaman.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Addunyaa mararratti gosti taankiiwwan Leopard 2 jedhaman 2,000 ta'an akka jiran kan amanamu yoo ta'u, pirezidaantiin Yukireen Volodmiir Zelenskiin ammoo taankiwwan kanneen 300 yoo argatan Raashiyaa injifachuu akka injifachuu akka danda'an ibsan.
Biyyoonni michuu baayyeen Jarman taankiiwwan Leopard 2 erguu irratti maaliif akka booddeetti arkifateerratti abdii kutataa jiru.
Haala seera amma hojiirra jirtuutti, Jarmaniin biyyoota akka Poolaandi taankii isheen oomishte dabarsuun kennan kamuu adabuu dandeessi.
Erga biyyoonni 50 ta'an Jimaata darbe walgahii taa'aniin booda, Jarman hanga ammaa taankoota dhiyeessuuf ykn kanneen isheerraa bitaniif hayyama gadhiisu hin beeksiifne. Garuu ammoo taankiiwwan ergamuu dhorku haalte jirti.
Ibsa waloo guyyaa Dilabataa Ministiroonni Dhimma Alaa Estoniyaa, Laativiyaa fi Lituniyaa baasaniin, ''taankiiwwan Leopard 2 Yukireeniif dhiyeessuf'' Jarmaniitti himan.
Chaansilariin Jarman Olaaf Scholz waraanaa keessatti hirmaachuu irraa kan of qaban yoo ta'u, ammas Raashiyaa waliin wal dhabdee keessa akka hin seenneef yaadda'u.












