Biyya Musliimaa addunyaarra ishee guddoo, diinagdeenis dursuu feetu

    • Barreessaa, Hanna Samosir & Nicky Widadio
    • Gahee, BBC Indonesian, Jakarta & Nusantara

Namoonni umriin gaheessummaa keessa jiran yoo danda'an soorama bahuu fedhu. Abbaan warraa ganna 55 Musmuliyaadii fi haati warraasaanii ganna 55 Nurmis garuu, waan kana kan fedhan miti.

Kiloomeetira kumaatama ta'u qaxxaamuruun magaalaa guddoo haaraa Indooneezhiyaan ijaartutti godaananiiru. Magaalaan kun daggala gosti qalamee oraangutaan itti heddumaatan jidduutti ijaaramuutti jira.

"Bu'uuraalee misoomaa ijaaraa jiru waan taheef, asitti hojii argachuun hin cimu," jechuun Aabba Musmuliyaadii BBC tajaajila Indooneezhiyaatti himan.

Magaalaa haarayaa ijaaramtu Nusaantraa, kan odola Bornewoo jirtu keessa mana isaanii ijaaraa jiru.

Haati warraasaanii Nurmis simintoo ennaa bukeessan, Musmuliyaadii seraamikii hafu.

Abjuun isaanii abjuu Indoonezhiyaati. Musmuliyaadii hojii dhaabbataa argachuun, piroojektii guddaa kana keessa hojjechuu fedhu.

Erga Pireezidantiin biyyattii Jokoo Widoodoo, maqaa masoo Jokowii jedhamuun beekaman, ijaarsa Nusaantiraa waggaa lamaan dura labsanii booda, daldalli ho'eera.

Akka karoora mootummaatti, bara 2029tti namoonni miiliyoona lama magaalattii qubatu.

Haa tahu malee fageenya dhiyoorra kan jiraatan namni ganna 51 Paandii fi haati warraasaanii Shamsiyaah, qe'eerraa buqqaana yaaddoo jedhu qabu.

Lameen kun hawaasa ganamaa uummata 20,000 qabu keessaa ogguu tahan, lafasaanii irratti abbaa qabeenyummaa hinqaban. Maatiin Paandii iddoo kanatti labata hedduuf jirachaa turan.

Aabba Paandii gaaf tokko ganama ogguu hirriibaa ka'u laftisaa diigamuuf mallattoon irra kaa'ameera - akeekkachiisa tokko malee.

Mootummaan nama kana lafasaa irraa kaasuun, akka to'annoo lolaatti itti fayyadamuu barbaada. Aabba Paandiin kana mana murtiitti falmuun dhaabsisuu danda'e.

"Kana egeree ijoolleefi ijoollee ijoollee koofin godha," jechuun BBC tajaajila Indooneezhiyaatti hime.

"Ani yoon kana gochuu baadhee, dhaloonni koo mootummaan akkuma kosiitti ilaalamu. Haqa dhabuuf akkanaan falmanna."

Hawaasni ganamaa mandaroota biroo keessa jiran, beenyaan garmalee bicuu tahe kennameefii kaafamaniiru. Tarii nama kanaaf murteen kun kan yeroof tahuu danda'a.

Seenaan Mulyaadii fi Paandii piroojektoonni Pireezidant Widoodoo haaduu qara lamaa akka tahan mul'isa: tokkoof hamaa, kaaniif ammoo carraa fida.

Diinagdee gurguddoo shanan keessa seenuu?

Akka jaarmiyaan Fandii Maallaqaa Idiladdunyaa (IMF) jedhutti, safartuu diingadee humna bittaa maallaqaa PPP jedhamuun, Indooneezhiyaan bara 2014tti diingadeen 10ffaa turte. Pireezidant Widoodoo gaafas yeroo jalqabaaf aangootti bahan.

Barkurnee tokko booda biyyattiin gara torbaffaatti ol dhufte. Biyyoota akka Chaayinaa, Yunaayitid Isteetis, Indiyaa, Jaappaan, Jarmanii fi Raashiyaatti aanuun torbaffaa gubbaa jirti.

Bara 2027tti biyyattiin addunyaarra uummata Musliimaa hedduu qabdu kun, diinagdeen Raashiyaa akka caaltu ragaaleen ni akeeku.

Biyyi Kibba Baha Eeshiyaa kun filmaata pireezidaantummaa Guraandhala 14 kan gaggeessite ogguu tahu, ragaaleen jiran Ministirri Ittisaa Prabowo Subianto akka moo'an agarsiisu.

Imaammata diinagdee pireezidantii amma aangoorra jiranii itti fufsiisuuf waadaa kan seenan qondaalli kun, ilma Aabba Widoodoo Gibran Rakabuming Raka ittaanaa gochuun filataniiru.

Haatahu malee biyyattiin abdii guddoo qabdi - 2045 irratti biyyoota addunyaarra galii olaanaa qaban shanan keessaa tokko ta'uu.

Kana milkeessuuf ammoo, diinagdeen Indooneezhiyaa waggaatti %6-7 guddachuu qaba. Ammati diinagdeen biyyattii waggaatti %5n guddachaa jira.

Oomisha Nikeelii

Biyyi Indooneezhiyaa turizimii odola Baaliin akkaan beekamtus, addunyaarra kuufama elementii nikeelii isa guddicha qabdi. Albuudni nikeelii, baatirii konkolaattota elektriikin hojjetanii midhaassuuf meeshaalee qarqaaran keessaa tokko.

Pireezidant Widoodoo 2019tti alergii nikeelii hin qulqullaa'in irra uggura wayita kaa'anitti, Gamtaan Awurooppaa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa - WTO'tti Indooneezhiyaa himatee ture.

Aabba Widoodoo albuuda kana jikitasaa erguu mannaa, biyyattii keessa qulqulleessuu akka barbaadan himan.

Qorannoon walabaa tokko akka mul'isetti, imaammanni nikeelii, carraa hojii akka uumeefi diinagdee akka guddise akeeka.

Haatahu malee Indooneezhiyaan nikeelii kana midhaassuuf ammallee invastimantii Chaayinaa irratti guddoo hirkatti.

Kunammoo egeree biyyattiirra gaaffii guddaa kan kaasudha - keessaafuu barana guddinni diinagdee Chaayinaa %5.2 irraa %4.6tti gadi bu'uu wayita eegamutti.

Gama kaaniin Pireezidant Widoodoo invastimantii Chaayinaa "hafaa diimaa hafanii simatan" jedhamuun komatamu.

Kanaanis mormii dhimma lafaa, dhimmoota fayyaa fi manca'insa qabeenya naannoo imaammata kanaan dhufe maddiitti dhiibaniiru jechuun qeeqamu.

Odola jijjiiruu?

Qunnamtiin guddina Indooneezhiyaaf akkaan murteessaadha. Maaliif jennaan, biyyattiin odolawwan 17,000 kan qabdu ogguu tahu, magaalaan guddoo biyyattii Jaakaartaan gara galaanatti dhawaataan dhidhimaa jirti.

Pireezidant Widoodoo 2022 keessa wayita addunyaan weerara Koovid irraa bayyanachuuf tattaafachaa turetti, seera haaraa magaalaa guddoo haaraa jijjiiruu labsuun isaanii gaaffii kaase.

Biyyoonni kanneen akka Chaayinaa, magaalaa haarayaa kanatti invast gochuug fedhii agarsiisaniis, haga ammaa garuu "wanti qabatamaa ta'e" hin mul'anne.

Onkololeessa keessa ennaa aangoo dabarsanii kennanitti, ijaarsa Nusaantiraa akka leegaasii isaaniitti ilaalu.

Gama kaaniin, pireezidaantiin haaraa aangoo fudhachuuf jiran Obboo Subiyaantoo, qalbii namoota hedduu kan itti hawwachuu danda'an imaammatasaanii 'populist' tahaniin akka tahe himama.

Kanneen keessaa aannaniifi nyaata bilisaan haadholii fi daa'immaniif kennuu kan jedhan keessatti argamu.

Xiinxaltoonni garuu piroojektoonni akkasii bajata biyyattiirra dhiibbaa uumu jedhu.

Keessattuu piroojektoonni gurguddoo pireezidaantii aangoo gadhiisaa jiranii, bajata biyyattii irratti dhiibbaa uumeera yeroo jedhamutti tahuunsaas yaaddoodha jedhu.

Wiirtuu Qo'annoo Diinagdee fi Seeraa (CELIOS) irraa kan tahan Naayiluul Huudaa, imaammanni akkasii abjuu biyyattiin qabdu danquu mala jedhu.

"Imaammanni mootummaa ittaanu akkuma isa ammaa badaa ta'a taanaan, abjuun biyyoota addunyaarra diinagdeen badhaadhanii keessaa tokko tahuun [hafee], liqeen [biyyattii] 2029tti dachaan dabala."