Ilmaan namaa attamiin wal dhungachuu akka jalqaban beektuu? Saayinsiin waan jedhu qaba

Madda suuraa, Getty Images
Gammachuun karaa dhungootiin argamu maal akka fakkaatu filmiiwwan jaalalaa garaa garaa irratti dowwattanii jirtu ta'a. Haata'u malee, dhuguma hidhiirra wal dhungachuun karaa jaalalli ittiin ibsamuudhaa?
Ilmaan namaa dhungoodhaaf eddoo guddaa kennu, dhungachuu maaltu adda taasisaa? Qorattoonni daa'imummaarra kaasee namoonni yoo hidhiinsaanii tuqamu gammachu akka argatan yaada kaasu.
Fakeenyaaf, harma hoosisuu irraa eegalee hidhiin keenya jaalala ibsuu waliin kan wal qabatu akka ta'e ibsu.
Kanneen achii as dhufaatii dhungoo kana bara duritiin wal qabsiisanis jiru.
Dur dur adeemsa jijjiirama tirannaa ilmaan namaa keessatti, haadholiin daa'immansaanii harma hoosisuu dhaabaniin booda, nyaata soorachu akka eegalaniif ofiisaanitiin alanfachuun afaan daa'imman isaaniitti dabarsu ture.
Sababii kanaatiin, hidhiidhaan hidhii dhungachuu jaalala ibsachuudhaan agarsiiftuu gaarii akka ta'e himu qorattoonni.

Madda suuraa, Getty Images
Lammaffaa ammoo, hidhiin keenya uumamaan baay'ee miira keenyaan kan wal qabatuudha. Akka qaama keenya kaanii uffataan kan hin haguugamne keessaa tokkodha.
''Ammuma uffata baayyee uffannu, hangi irra deddeebiidhaan dhungachuu keenyas ni baayyata,'' jedhu ogeessi antiroopooloojii, Piroofeesar Wiliyaam Jaankowiyaak.
"Yoo ammi uffata uffannu xiqqaa ta'e, ammi dhungoo keenyas ni xiqqaata. Adamsitootaa fi kanneen ija mukaa funaanan biratti dhungoon hin jiru. Kun garuu warra Inuuyit kan naannoo Arkitiik keessa jiraatan biratti hin hojjatu,'' jedhu oggeessi kun.
''Warra Inuuyit garee adamsitootaa tokkicha wal dhungatanidha. Isaanis afaan isaanii walitti riguudhaan dhungoo addaa ta'e wal dhungatu. Afaansaanii afaan nama biraarratti riiguudhaan wal dhungatu.
Kunis gaaffiin guddaa - maaliidhaaf? jedhu kaasa
''Eddoowwan gara biraatti bakka adamsitoonnii fi kanneen nyaata ija mukaa funaanan argaman hundatti, huccuun baayyee hin uffatamu. Kana jechuunis qaamasaanii miiraan hidhata qabu kamuu arguu ykn tuquudhaaf ni danda'u jechuudha'' jedhan Jaankowiyaak.
''Garuu yoo uffanni uffatamu, qaamni miiraa ifatti argamu fuula ilmaan namaa qofaadha.''
Dhungachuun kaayyoon jijjiirama tirannaa qabaachuu dandaʼa jedhamee amanama.
Walitti dhiyaachuudhaan, foolii qaama walii keenyaaf fuunfachuu dandeenya.
Kunis attamiin akka jaalalaan hidhii walii keenyaa dhungachuun amala ilmaan namaa addaa ta'e itti baramelleen ibsuu danda'a.
Akka xiinxalli tokko jedhutti, aadaa hunda keessattu kanneen walakkaa gadi ta’an hidhii waliisaanii dhungatu.

Madda suuraa, Getty Images
Aadaa 168 addunyaa irraatti argaman keessaa, kanneen %46 ta'an qofati miira jaalalaa ibsachuuf hidhii waliinsaanii akka dhungatan hubachu ibsu Jaankowiyaak .
''Akkan yaaduutti dhungoon alattis karaawwan hedduun miirri namootaa wal argu danda'a'' jedhu piroofeessarri kun yoo ibsan.
''Haata'u malee, kan nama ajaa'ibu, hidhanni cimaan jira - hanguma walxaxiinsi hawaasummaa cimaa adeemu, amma baay'ina dhungoo dabalaa adeemuu argatta.''
Ragaan barreeffamaa inni durii amala gosa dhungoo ilaalchisuun barraa'e barreeffamoota Hindu vedic sanskrit waggaa 3,500 irraa kan argamedha.
"Aadaaleen hedduun kan namoonni afaaniin afaan walii itti dhungachuu akka waan har'a hojjennu kanaatti hubatan hedduutu jiru," jedhan Sheeril R Krishenbaum, kitaaba The Science of Kissing kan barreessite.

Madda suuraa, Getty Images
''Garuu dhungoon Maalaay kan [Chaarlis] Daarwiin ibsan, dubartoonni lafa irratti jilbeenfatanii dhiironni ammoo isaaniitti maxxanuudhaan saffisaan yoo urgaa qaama walii saanii fudhatan jira.''
Odola Tirobriyaand kan baha qarqara galaanaa Paappaa Niiw Giiniitti argamutti, jaalalleewwan fuula fuulatti taa'anii libsaa ijaa waliisaanii ciniinuudhaan wal dhungatu.
"Akkan yaadutti har'a baay'ee keenyaaf jaalalli sadarkaa olaanaarra gahuun hin dhagahamu jedheen yaada malee isaaniif akkas ta'a jedheen yaada," jedha Kirshenbaayum.
Itti dabalunis ''hundisaa kunis miira wal amantaa kan agarsiisuudha. Nama biraatti dhiyaachuu kan mul'isuudha. Namoota of eeggannoo taasifnuufiitti akka maxxannuuf nu gargaara,'' jedhan.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hidhii keenya waliitti maxxansuudhaan wal dhungachuun amala ilmaan namaa adda ta'eedha jechuun ni danda'ama.
Dhungoon kaayyoo jijjiirama tirannaa kan qabu yoo ta'e, maaliif bineensonni baay'een yoo wal dhungatan hin arginu turre?
Meelisaa Hogenboom gaaffii kanaaf bara 2015tti sagantaa BBC Earth'f deebii kennitee turte.
"Sababoonni namni tokko fuula hiriyaa isaatti dhiyaachuun barbaachiseef keessaa tokko foolii gaarii isaaniif kennuufidha."
"Fooliin qaama keenyaa ammoo waa'ee keenya odeeffannoo faayidaa qabu gosa hunda mul'isuu danda'a: Soorata, dhukkubbii qabaachuu, miiraa fi walitti dhufeenya hubachuun ni danda'ama.
Haata'u malee, bineensonni hedduun miira foolii fuudhuu kan namaa caalaa baay'ee ammayyaa ta'e waan qabaniif, akka namaatti walitti dhihoo ta'uu hin qabaatan."
Kanaafuu nuti ilmaan namaa dhungachuu itti fufna - garuu aadaan tokko tokko maaliif hin yaaddofne?
"Dhungannaan addunyaa mararratti sababoota adda addaatiin egalamuufi baduu argineerra. Fakkeenyaaf, sababii dhukkuba irraa kan ka'e dhungoon haalli itti hafe jira.
''Akkasumas, mootonni namoonni wal dhungachuuf mirga qabaachuu qabu jedhanii hin yaadneef ummanni isaanii akka wal hin dhunganneef dhorkan turan," jedha Kirishenbaawum.
"Haata'u malee, wanti irratti waliigalamu dandeessan tokko, hanga barbaade labsiin dhorkaa dhungoo qaamolee adda addaatiin ba'us; dhukkubni jiraatus, wal dhungachuun yeroo hunda ni jiraata."












