Pirezidantiin duraanii Naayijeeriyaa Muhaammadu Buhaariin waggaa 82tti du'aan boqotan

Pirezidantiin duraanii Naayijeeriyaa Muhaammaduu Buhaariin umuriin waggaa 82tti hospitaala Landan keessatti du'an.

Buhaariin Landaniitti osoo wallaansa irra jiranuu Dilbata kaleessaa lubbuunsaanii darbuu dubbii himaan pirezidanti biyyattii beeksiisan.

Ibsa dubbii himaan pirezidantii ammaa Boolaa Tunuubuu kennaniin, ''Pirezidanti Buhaariin dhibee yeroo baayyeef irra tureen hara guyyaa keessaa sa'aatii 10:30 irratti Landaniitti du'aan boqataniiru'' jedhan.

Reeffa pirezidantii duraanii kana dabalaanii gara biyyaatti geessuuf ittaanaan pirezidantii biyyattii Kaashiim Shatiimaa fi itti gaafatamaan waajirrisaanii gara Landaniitti akka imalaniif ajaja kennuu dubbataniiru.

Amantaadhaan Islaamaa kan ta'an Buhaariin bakka dhalootasanii Kaabaa Lixa Kaatiitaa bakka awwaalcha islaamtootaatti awwaalamuu jedhamee akka eegamu aanga'oonni mootummaa ibsaniiru.

Buhaariin fonqolcha mootummaa bara 1980mota gaggeeffameen erga aangoo qabatanii booda irra deebiin filannoodhaan dorgomuudhaan nama hoggansa biyyattii ta'un filataman kan jalqabaa turan.

Buhaariin ejjannoo farra malaammaltummaa qabaniin hordoftoota hedduu horatanii turan.

Ofiisaanii akka gaggeessaa dimokiraatawa jijjirameetti kan ilaalan Buhaariin, uffata waraanaa dhiisanii uffata aadaa Naayijeeriyaafi koffiiyyaa kaawwachuu jaalatu ture.

Buhaariin filannoo bara 2015 kan hanga har'aatti dorgommii haqa qabeessaa ture jedhamee himamuun Guudlaak Joonaataan injifatanii ture.

Buhaariin bara aangoo isaaniitti akkuma yeroo ajajaja waraanaa turaniitti, humnootii hidhattootaa biyyattii keessaa ni balleessu jedhamuun abdii godhamee ture.

Haata'u malee, tasgabbii dhabiinsii duraan kaaba baha biyyattii keessa qofa keessa ture babalachuu eegale.

Buhaariin yeroo hunda hiyyeeyyii kaabaa biratti keessaatiin kan (afaan Haawusaan "talakawa" jedhamuun beekamaniin) jaallatamaadha. Innis duula filannoo bara 2015f garee mormitootaa tokkummaa duubasaa akka dhaabbataniif fayyadameera.

Hidhattoonni kaabaa lixa biyyattiitti argaman, riphee loltoonnii fi wanbadeewwan kaabaa Naayijeeriyaatti argaman to'annoo humnoota nageenyaatiiin ala taasisan.

Buhaariin waraanaa akkasumas ajajaa siivilii ta'anii irra caalaa ajandaansaanii malaammalatummaa ittisurratti ture.

Aadaa siyaasaa Naayijeeriyaa keessatti hundee kan gadi fageeffate malaammaltummaan namoota booddeetti harkiisaa jira jechuun amanu turan.

Maanguddoon waggaa 82 Buhaariin osoo wallaansa irra jiranuu Landaniitti lubbuunsaanii kan darbe, akka nama siyaasaa dimokiraatawaa ofiin jechuun filannoodhaan deebii'anii aangoo qabatan illeen waadaa raawwachuuf seenanii ture akka milkeessan amansiisuuf baayyee yaalanii ture.

Buhaariin erga bara 2015tti deebiisanii aangoo erga qabatanii booda uummata hedduu gammachiisuu hin dandeenyee ture.

Buhaariin aangoo kan qabatan erga gareen hidhattoota Islaamaa Bookoo Haaraam Kaabaa Baha biyyattii keessatti magaalaa Chiibook keessaa barattoota shamarranii 300 ukkaamsee erga fudhateen boodadha.

Buhaariin bara aangoosaanii jalqabaatiin kaabiineesaanii hundeessuuf baatii jaha itti fudhatee ture.

Yeroo sanatti diinagdeen biyyattii boba'aa irratti hundaa'e ture sababii gadi bu'iinsa gatii jikita boba'aatiin kan ka'e baayyee kufee kan ture yoo ta'u, namoonni maqaa masoo harkiifataa (Baba Go Slow) jedhu itti moggaasanii ture.