Booleetti walitti dhukaasa tureen 'hidhattootni Faannoo lama' ajjeefaman

Madda suuraa, Miidiyaa Hawaasa
Handhuura Finfinnee naannoo Booleetti walitti dhukaasa miseensota Faannoo waliin taasiseen hidhattoota lama ajjeesuu Poolisiin BBCtti hime.
Itti-gaafatamaan saba-himaa Komishinii Poolisii Finfinnee Komaadarri Itti-aanaa Maarqos Taaddasaa BBCf akka ibsanitti, Jimaata, Ebla 12, 2024 poolisiin miseensota garee [Faannoo] hordoffii irratti taasisaa turerratti tarkaanfii fudhatee namni hoganaa isaaniiti jedhame ajjeefameera.
Poolisiin magaalichaa namoota kanneen gocha shororkeessummaatiin shakkee hordofaa akka ture kan eeran qondaalli poolisii kun, walitti dhukaasa hoggantoota Faannooti jedhan kana waliin gaggeeffameen lamaan isaanii yoo ajjeefaman, tokko osoo miidhaan irra hin ga’iin qabamuusaa ibsaniiru.
Yeroo walitti dhukaafamaa turetti miseensota poolisii lama dabalatee namoonni afur madaa’uu poolisiin Finfinnee ibsa baaseen beeksiseera.
Akka ibsa kanaatti, namni maqaansaanii Obboo Indashaawu Geetinnat jedhaman ammoo miseensoonni finxaaleeyyii kanneen akka konkolaataa isaaniitiin isaan fe'uuf dirqisiisanilleen, lakkii jechuu isaaniitti miseensa finxaaleenyii kanneeniin ajjeeffamaniiru.
Poolisiin magaalaa Finfinnee ibsa har’a miidiyaa hawaasaa isaarratti baaseen, miseensa garee finxaaleeyyii kan jedheen, Naahusannaay Andaargee Taaraqany, Abeenazar Gaashaawu Abaateefi Habtaamuu Andaargee Tasammaa kanneen jedhaman osoo magaalaa guddoo biyyattii, Finfinnee keessatti ergama haleellaa shororkeessummaa raawwachuuf qabatanii socha’aa jiran hordoffii qaamoolee nageenyaatiin taasifameen irra gahameera jedhe.
Poolisiin ibsa isaa kanaan akka jedhetti, osoo miseensonni poolisii shororkeessoonni kunneen gochaa shororkeessummaasaanii hin raawwatiin dura to’annoo jala oolchuuf sochii taasisaa wayita jirutti harkasaanii akka kennaniif gaafatamanilleen diduun poolisoota waliin walitti dhukaasuu eegalan.
Namoonni kunneenis har’a Ebla 12, 2024 kutaa magaalaa Boolee, aanaa 3 bakka addaa naannoo Galma Barkumee jedhamee beekamutti konkolaataa Ayisuuzii Diizaayiir kan lakkoofsi gabatee isaa 2C 14373 AA ta’etti fayyadamuun miseensota poolisii waliin dhukaasa walitti bananii hogganaan finxaalleessaa Faannoo, Naahusannaay Andaargee Taaraqany miidhaan qaqqabuun erga mana yaalaa geeffameen booda yoo du’u, Haabtaamuu Andaargee Tasammaa ammoo yeroo walitti dhukaafamaa jirutti ajjeeffameera jedhe.
Kana malees, miseensi garichaa maqaansaa Abeenezar Gaashaawu Abaatee jedhamu ammoo, osoo miidhaan irra hin qaqqabiin to’annaa jala oolfamuu poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiseera.
Sochii garee finxaaleeyyii kanneen to‘anna jala oolchuuf taasifameen ammoo miseensoonni poolisii Saajiin Araarsaa Tashoomaafi Konstaabiil Maatiiyaas Pheexiroos kan jedhaman madaa’uun ibsameera.

Madda suuraa, PMF
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Baatii Bitooteessaa keessa gareen gurmaa’ee magaalaa Finfinneefi naannawaasheetti hokkaraafi jeequmsa hidhannoon deeggarame uumuuf socho'aa turuun shakkame to'atachuu Humni Waloo Tikaafi Nageenyaa ibsa miidiyaalee biyya keessaatiif ergeen beeksisuunsaa ni yaadatama.
Kanaanis shakkamtoonni garee kanaa 50 ta’an shira badii naannoo Amaaraatti gaggeessee milkaa'uu dide gara magaalaa Finfinneefi naannawaa daangaa Naannoo Oromiyaatti fiduuf ergama shororkeessummaa raawwachuuf waayita socho'an to'atamuu himee ture.
Humni Waloo Tikaafi Nageenyaa ibsa isaa kanaan, gareen kun kana dura Naannoo Amaaraa giddu-gala hokkoraafi jeequmsa taasisuuf shirri xaxaa ture oppireeshinii qaamoleen nageenyaa, Raayyaan Ittisaa Biyyaafi mootummaan Federaalaa qindoominaan gaggeessaniin fashalaa'uu himeera.
Shakkamtoonni kunneen gareen ta’uun Finfinneefi Naannaa Amaaraa Minjaar Shankooraa giddugaleessa godhachuun bifa gurmaa'een magaalaa Finfinneefi naannawaa daangaa Oromiyaatti hokkoraafi jeequmsa hidhannoon deeggarame uumuuf qophii taasiisaa waayita jiranitti to'atamuu Humni Waloo Tikaafi Nageenyaa dabaluun ibseera.
Gareen kun gurmaa’insa isaatiif haala gaarii naa uuma jedhu hordoftoota Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa tokko tokko fayyadamuun dhaabbilee bakka walga’iifi gurmaa’inaa taasifachuun dhoksaadhaan socho’aa akka ture mirkanaa’uu ibsi kun mul’iseera.
Kana malees gareen Faannoo ofiin jechuun hidhatee naannoo Amaaraa keessa bal'inaan socha'u, gara waggaa tokkoo ta'uf humnoota mootummaa waliin wal dhabdee keessatti argama.
Tasgabbii dhabiinsa sababbiidhuma humna hidhate kanaatiin wal qabatees naannoo Amaaraa keessatti baatiiwwan muraasa darbaniif labsiin yeroo mudamaa labsamuun ni yaadatama.
Itti dabalunsi poolisiin dhimmicharratti odeeffannoo dabalataa kan ummataaf ibsu ta’u beeksiiseera.












