Gareen 'Finfinneefi naannawaasheetti jeequmsa uumuuf' ture to'atamuu mootummaan ibse

Madda suuraa, Fuula FB Humni Waloo Tikaafi Nageenyaa
Gareen gurmaa’ee magaalaa Finfinneefi naannawaasheetti hokkaraafi jeequmsa hidhannoon deeggarame uumuuf socho'aa turuun shakkame to'atamuu Humni Waloo Tikaafi Nageenyaa ibsa miidiyaalee biyya keessaatiif ergeen beeksise.
Shakkamtoonni garee kanaa 50 ta’an shira badii naannoo Amaaraatti gaggeessee milkaa'uu dide gara magaalaa Finfinneefi naannawaa daangaa Naannoo Oromiyaatti fiduuf ergama shororkeessummaa raawwachuuf waayita socho'an to'atamuu himeera.
Humni Waloo Tikaafi Nageenyaa ibsa isaa kanaan, gareen kun kana dura Naannoo Amaaraa giddu-gala hokkoraafi jeequmsa taasisuuf shirri xaxaa ture oppireeshinii qaamoleen nageenyaa, Raayyaan Ittisaa Biyyaafi mootummaan Federaalaa qindoominaan gaggeessaniin fashalaa'uu himeera.
Shakkamtoonni kunneen gareen ta’uun Finfinneefi Naannaa Amaaraa Minjaar Shankooraa giddugaleessa godhachuun bifa gurmaa'een magaalaa Finfinneefi naannawaa daangaa Oromiyaatti hokkoraafi jeequmsa hidhannoon deeggarame uumuuf qophii taasiisaa waayita jiranitti to'atamuu Humni Waloo Tikaafi Nageenyaa dabaluun ibseera.
Gareen kun gurmaa’insa isaatiif haala gaarii naa uuma jedhu hordoftoota Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa tokko tokko fayyadamuun dhaabbilee bakka walga’iifi gurmaa’inaa taasifachuun dhoksaadhaan socho’aa akka ture mirkanaa’uu ibsi kun mul’iseera.
Gareen dhoksaan socho’aa ture kun magaalattii bakka gara garaa keessatti hojii miseensota fo’achuufi loojistikii qixeeffachuu hojjechaa akka ture kan eere ibsi kun, Naannoo Amaaraa bakka tokko tokko keessatti kiyyoo badisaa diriirsuun garee farra nageenyaa socho’u waliin hidhata ummatee eergama fudhachuun magaalaa Finfinneefi daangaa Oromiyaa dabalatee wiirtuu shira dhoksaan gaggeessuu godhatee socho’aa tureera jedheera.
Tajaajilli Odeeffannoofi Tika Biyyaalessaa Itoophiyaa ji’oota shan darban hordoffii cimaa icciitiin taasiseen waan irra gahee Humna Waloo Tikaafi Nageenyaatiif dhiyaatee booda erga gama gamamee booda gara oppereeshiniitti galamuun shakkamtootarratti tarkaaanfiin fudhatamuusaa ibsi kun eereera.
Gareen dhoksaan socho’aa tue kun meehsaalee waraanaa gara garaa kaneen dhuka’an, boombiifi kaan dabalatee nootiiwwan maallaqaa biyya gara garaa, akkaawontiiwwan baankiifi sanadoota gara garaa waliin to’atamuu isaa Humni Waloo Tikaafi Nageenyaa dabalee beeksiseera.
Hogganaa garee kanaa Sintaayyoohu Nigaatuu Gabra'iyyasuus maqaa biraa Abrahaam jedhamu,, akkasumas hoggantoonni faayinaansii, loojistiksiifi qabeenyaa ta'uun hoggansa kennaa kan turan Faasiil Geetaachoofi Tawaldee Birhaan kan jedhaman shakkamtoota to'ataman 50 keessatti kan argaman ta'uu ibsameera.
Gareen kun qaamolee biyyoota alaa addaa addaa taa'uun shira kana gurmeessaa turan, Ajajaa Kumaa Daawwit Waldagiyoorgis, Haabtaamuu Ayyaalew, Maasaay Makonniin, akkasumas,biyya keessaa Iskindir Naggaan kan hogganamu ta'uu eereera.
Gurmuun kun A L I bara 2016 baatii Sadaasaa eegalee sanada qopheessuufi waliigaltee uumuun caasaa siyaasa, leenjii waraanaa, odeeffannoofi faayinaansii, akkasumas miidiyaa olola gaggeessu gurmeessuun socho'aa turuu himeera.












