Haleellaa Israa’eliin buufata xiyyaara Iraanirra miidhaan gahe mul’ate

Madda suuraa, Umbra Space
Ragaan suuraan saatalaayitii sa’aatii 24 darbe fudhatame akka agarsiisutti, buufata xiyyaara humna qilleensa Iraan Isfahaan keessatti Jimaata barii haleellaa Israa’el raawwatteen mancaatiin qaqqabu akka hin hafne mul'ise.
BBC’n suuraawwan lama sirni ittisa qilleensaa buufata xiyyaaraa Isfahaan keessatti argamu tokko tokko miidhamuu agarsiisan xiinxaleera.
Qondaaltonni Ameerikaa Israa’el haleellaa misaa’elaa Iraanirratti raawwatte jedhu, Israa’el garuu hanga ammaa haleellaa raawwachuu hin mirkaneessine.
Torban darban keessa waldhabdeen biyyoota akka diinatti wal ilaala kana gidduutti hammaatera.
Jalqaba baatii kanaatti Israa’el qoonsilaa Iraan Sooriya jirurratti haleellaa raawwatte jedhamee shakkama, Haleellaa sana hordofee Iraan Ebla 13, 2024 Israa’elirratti haleellaa haaloo ba’iinsa raawwatte.
Jimaata darbe Israa’el, Isfahaan – bakka gabbisni niwukilaraa Iraan argamutti haleellaa raawwatteen miidhaan qaqqabee guddaa ta’uu hin hafne hamiin jedhu dhahagamaa ture.
Iraan haleellichi diroonotaan kan raawwatame ta’uu ibsuun, ittisa humna qilleensaatiin fashaalessuu ibsite.
Haleellaa sana keessatti meeshaan waraanaa akkamii Israa’el akka fayyadamte ifa ta'uu baatus, suuraan saatalaayitii buufata xiyyaaraa kanarratti miidhaa qaqqabu mul’ise.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
BBC’n kana kan qorate xiinxala suuraa saatalaayitii Raadarii optikaalaa fi Sinteetikii Apperchar’ kan Jimaata darbe Isfahaan irraa kaafame gargaaramuudhaan ture.
Teeknoloojiin Sinteetikii Apperchar(SAR) dambalii raadiyoo fayyadamuun suuraa fuula lafaa kaasa.
Faayidaan teknooloojii saatalaayitii kanaa tokko halkan ykn duumessaa keessa suuraa kaasuu danda'uu isaati.
Fakkiin walitti qabamu kun bifa gurraachaafi adii qaba garuu qulqullina olaanaa qaba.
Kanaafuu jijjiirama halluu lafarratti mul'atu adda baasuu hin danda'u – kan jechuun mallattoo bakka gubatee hin agarsiisu jechuudha - garuu miidhaa caasaa meeshaaleerra qaqqabe, konkolaatota mancaa’e fi kkf agarsiisuu danda'a.
Suuraan akkasii tokko kan Umbra Space Ebla 15, 20215 kaafame sirna ittisa qilleensaa S-300 kan buufata xiyyaaraa Shikari gara kaaba dhihaatti argamu agarsiisa.
Sirni ittisaa kun konkolaattota raadarii qaban, misaa'ela adda ta'anii fi meeshaalee biroo qaban hedduu of keessaa qaba.
Suuraan Umbra Space kan Jimaata darbe haleellaa raawwatame booda kaafame miidhaa fi caccabaa naannoo bakka tokkootti qaqqabe agarsiisa - tarii raadara ta’uu mala .
Konkolaattonni biroo bakka sanarraa fageeffamaniiru.












