Humni Sudaan ollaawwan Itoophiyaa daangaatti kalaa'an meeshaa waraanaa gurguddaan haleele

Madda suuraa, Getty Images
Humni Sudaan ollaawwan Itoophiyaa daangaatti dhiyoo jiran meeshaa gurguddaan haleeluu aanga'oonni Itoophiyaa naannichaa BBCtti himan.
Gamtaan Afriikaa Itoophiyaa fi Sudaan muddama jidduu isaaniitti hammaataa jiru kana akka laaffisan gaafateera.
Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Musaa Faki Mahamaat “walitti bu’iinsarraa akka of qusachuun, tasgabbii fi mariin” biyyoota lamaan giddu akka jiraatuuf waamicha dhiyeessan.
“Biyyoonni obbolaa lamaan waldhabbii isaanii karaa nagaatiin furachuu qabu,’’ jedhan Musaa Fakii Mahaamaat.
Walitti bu'insa torbee darbe keessa humnoota sudaan fi milishoota Itoophiyaa naannicha turan jidduutti uumamee tureen, Sudaan loltoonni booji'aman torba jalaa ajjeefamuu komachuun Itoophiyaatti gadoo qabachuu ibsitee turte.
Kana hordofee humni ittisaa Sudaan gandoota Itoophiyaa daangaatti kaluu jiran meeshaalee waraanaa gurguddaa akka moortaarii, madfii fi kaaniin guyyootaaf haleelaa turuu Godina Lixa Gondaritti bulchaan Lixa Armaacihoo Obbo Dassaalenyi Ayyaanaa BBCtti himan.
Haleellaa amma dura raawwatameen miidhaan namarra gahe akka hin jirre kan himan Obbo Dassaalenyi Ayyaanaa, haata'u malee oyiruu fi kaampiiwwan qonnaa irra miidhaan gahuu himaniiru.
Jiraattonni BBCn dubbise haleellaan Wiixata darbe raawwatae ulfaataa ta'uu fi Kibxata hanga waareetti haleellaan sun itti fufu himan.
Guyyoota sadan darban haleellaa meeshaalee gurguddaa gama Sudaan irraa dhufuun dhohiinsaa fi dhukaasa dhagahaa akka turan himu jiraattonni.
Walitti bu'iinsa Roobii darbe Waxabajjii 22 uumameen loltoonni torbaa fi namni nagaa tokko Itoophiyaan jalaa ajjeefamuu kan himte Sudaan, haaloo akka baatu dhaadachuu hordofeeti muddamni kan jabaate.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Aanaa Lixa Armaacihoo Sudaaniin wal daangessitu walitti bu'iinsi keessatti uumame kan bulchan Obbo Dassaalenyi akka jedhanitti, walitti bu'iinsi torbee darbee kan uumame humnoonni Sudaan lafa Itoophiyaa kanaan dura humnaan qabatan turan darbanii gara Itoophiyaa siqnaan milishoota naannichaa waliin dhukaasni banameeti.
Mootummaan Sudaan garuu ajjeechaan kun loltoota Itoophiyaatiin daangaa Sudaan keessatti akka raawwate hime.
Itoophiyaan booji'amtoota Sudaan ajjeesuu waakkattee, walitti bu'iinsi uumamee akka turee fi dhimmicha akka qorattu himte.
Humnoonni Sudaan hidhattoota TPLFn deeggaramuun daangaa Itoophiyaa seenanii milishoota naannicha turan waliin walitti bu'iinsi uumameera jedhe ministeerri haajaa alaa Itoophiyaa.
Ta'us TPLF ibsa ministeera haajaa alaa Itoophiyaa kana balaaleffachuun walitti bu'iinsa kana keessaa akka harka hin qabne hime.
Itoophiyaa fi Sudaan waggoota dheeraaf lafa qonnaa al-Fashagaa daangaa biyyoota lamaanii irratti argamu irratti wal-dhabaa turan. humnoota biyyoota lamaanii jiduuttis darbe darbee walitti bu'iinsi kan uumamu ta'ullee kan tibbanaa guyyootaaf itti fufuun muddama jabaa uumeera.
Haleellaa meeshaa waraanaa gurguddaa hanga Kibxata waareetti itti fufeen ka'uumsa godhachuun jiraattoni walitti bu'iinsichi hammaachuu mala jedhanii yaaddoo akka qaban himu.
Namoonni tokko tokko gara bakkoota isaanitti dhiyatuutti godaanuuf yaada akka qabanille himu.
Sababuma yaaddoo kanaatiin qonnaan bultoonni hojii qonnaa isaanii hojjechuu akka hin dandeenye Obbo Dassaalenyi BBCtti himaniiru.
Miidiyaaleen gara garaa biyyoota lamaan jidduutti lolli adeemaa jiraachuu gabaasanillee, haleellaa Sudaan raawwatteen alatti lolli akka hin jirre aanga'aan kun ni dubbatu.
Gabaasaaleen naannoo al-Fashagaatti loltoonni Itoophiyaa booji'aman jedhanis sirrii akka hin taane himu.

Madda suuraa, Getty Images
Muddama akka haaraatti dhalate hordofee pireezidantiin mana maree walabaa cehuumsaa Sudaan fi ajajaa waliigalaa humnoota Sudaan kan ta'an Jeneraal Abdulfattaa al-Burhaan Baha biyyattii iddoo walitti bu'iinsi uumame jedhametti imaluun jiraattotaa fi loltoota waliin mari'achuu miidiyaan biyyattii SUNAn gabaaseera.
Sadaasa bara darbee Kaaba Itoophiyaatti waraanni dhalachuu hordofee loltoonni Itoophiyaa lafa biyyoonni lamaan irratti wal dhabaa turan gadi dhiisanii kan bahan yoo ta'u, humnoonni Sudaan iddoowwan kana to'atan.
Itoophiyaan Sudaan lafa humnoonni ishii waraana Tigraay keessatti dhalate dahoo godhachuun qabatan gadhiisanii akka bahanii fi mariin akka godhamu gaafachaa turte.
Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa ibsa Kibxata baaseen humna Sudaan daangaa Itoophiyaa cabsee seene waraanee baasuuf gahuumsa qabaachuufi ajaja mootummaa akka eeggatu beeksise.
Lafti qonnaa al-Fashagaa biyyoonni lamaan irratti wal-dhaban heektaara kuma 10 yoo ta'u, lafti amma humnoonni Sudaan to'atanii jiran heektaara kuma 30 akka ta'u bulchaan Lixa Armaacihoo Obbo Dassaalenyi ni himu.
Iddoowwan Sinaar, Galaaluban, Taach Abooxar fi Laay Abooxar akkasumas Salaam Bar jedhaman to'annoo humnoota Sudaan jala jiraachuu himu.
Qonnaan bultoonni Itoophiyaa naannawa kanatti hojii qonnaan hojjetaa turan humnoota Sudaaniin naannicha gadi dhiisanii akka bahan godhamaniiru jedhu.
Biyyoonni lamaan komiishinii daangaa waloon ijaaranii rakkoo daangaa jidduu isaanii jiru furuuf waggoota dheeraaf mari'atanillee furmaati hin argamne.
Sudaan bakkeewwan amma qabattee jirtu akka hin gadhiisne kan ibsite yoo ta'u, Itoophiyaan gochi Sudaan kun weerara ta'uu himtee, loltoonni Sudaan naannicha gadi dhiisanii bahanii mariin eegalame akka itti fufu gaafachaa turte.















