Sudaan gara bulchiinsa al-Bashiritti deebi'aa jirtii laata?

Bulchaa duraanii Sudaan deeggartoota isaanii fuulduratti

Madda suuraa, AFP

Waggoota soddomatti siqaniif olaantummaa nama tokkoon Sudaan bulchaa kan turan Pireezidantiin duraanii Omaar Hasan al-Bashir, bara 2019 mormii uummataan aangoorraa gaggeeffaman.

Waggaa sadi booda garuu miseensi Paartii isaanii, Kongiresii Biyyaalessaa (NCP), kan turan aangoo murteessaa ta'e argachuun, bulchiinsi Bashir deebi'aa jira yaaddoo jedhu kaaseera.

Mootummaan ce'umsaa durumaanuu dadhabaa fi qormaataan guutame, waggaa darbe Jenaraal Abdel-Fattah Burhan, waahillan isaanii hooggantoota siivilii irratti erga fonqolcha raawwatanii booda dhumate.

Jenaraalli waraanaa gameessi kun warraaqsi al-Bashir aangoorraa fonqolche keessatti ga'ee olaanaa nama gumaachan turan.

Jenaraalonni gameeyyiin hundi isaaniiyyuu miseensota koree dhimma nageenyaa ta'an, kanneen al-Bashir wayita aangoonsaanii obba'uuf jedhu muudan paartii NCP akkaan deeggaru.

Warraaqsa jijjiiramaa fi dimokiraasii- pro-democracy Forces for Freedom and Change (FFC) movement- jedhamutti miseensa gameessa kan ta'an Hamza Balol, humni waraanaa NCP kunuunsuuf jecha mootummaan ce'umsaa akka badu godhe jechuun komatan.

Qondaalli garee siivilii keessaa ta'an kun hanga fonqolchi gaggeeffamutti Jenaraal Abdul-Fattah waliin aangoo qooddataa turan.

Namoonni fonqolcha kana qindeessan ''aanga'oota mootummaa duraanii waliin ta'uun bulchiinsa isaanii deebisuuf hojjechaa jiru,'' jedhan Aab Barol.

Erga Onkoloolessa darbe fonqolchi mootummaa bulchiinsa siivilii irratti gaggeeffamee as mormii gaggeeffamaa tureen namoonni 100 caalan ajjeefamaniiru.

Jenaraal Burhaan fonqolcha erga gaggeessee booda koree caasaa aangoo mootummaa duraanii diiguuf bu'uureffame balleessuun kaayyoosaanii duraa ture.

Koree yakka malaammaltummaa bara aangoo mootummaa al-Bashir ture saaxiluuf hundaa'e kan dursaa ture Abbaan Seeraa Wajdi Saleh erga humni waraanaa aango qabatee booda hidhameera.

Koreen kun wayita fonqolchi mootummaa gaggeeffamu hariiroon NCP fi jenaraalota waraanaa gidduu ture maal akka ta'e qorataa ture.

Lammiileen Sudaan kanneen dimokiraasii fedhan ammas fonqolcha mootummaa mormuun hiriira ba'an

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Fonqolcha booda humni waraanaa NCP fi deeggartoota isaatti michoomuun aangoo akka deebifatu hojjechuu eegalaniiru.

Hojjettoonni hari'aman hedduun hojiitti deebi'aniiru, aanga'oota NCP namoota turan keessaa Jenaraal Ahmad Mufdal bakka aangoo mootummaa ijoo ta'e- General Intelligence Service (GIS) irratti muudaman.

Akkaawuntiin baankii miseensota NCP akka hin sochoone dhorkamee ture hedduun dhorkaan irraa ka'uu, qondaaltonni fi miseensonni hidhaman gadhiifamuu fi hedduun hojiitti deebi'uun bulchiinsi al-Bashir bakkatti deebi'aa jiraachuu mul'isa.

NCP dursaa kan turan Ministirri Dhimma Alaa duraanii Ibrahim Ghandour, Bulchaa Daarfuur Bahaa kan turanii fi dhiittaa mirgoota namoomaan kan himataman Anas Omar fi Garee IS deeggaraa kan turan Muhammad Ali Al-Jizouli kanneen tibbana mana hidhaatii gadhiifamaniidha.

Garuu al-Bashir humna waraanaa biyyattiitiin hidhamaniituma jiru.

Qondaalli bara 1989 fonqolcha mootummaan aangoo qabatan al-Bashir waggaa sadi dura bara 2019 malaammaltummaan yakkamanii turan.

Waa'een fonqolcha mootummaa isaan ittiin aangootti dhufaniis Adoolessaa 2020 irraa kaasee ilaalamaa jira.

Himannaa kana warra dimokiraasii fi jijjiiramaaf socho'antu eegalan, osoo Jenaraal Burhan aangoo hin qabatin kan eegaleedha.

Al-Bashir yakka Daarfuuritti raawwateen walqabatee mana murtii yakkoota waraanaa Idil-addunyaatiin (ICC) himatamanii kan jiran ta'us, humni waraanaa Sudaan garuu dabarsee kennuu dide, al-Bashir himannaa ICC ni waakkatu.

Xiinxaltoonni tokko tokko akkuma Masriin erga humni waraanaa aangoo to'atee booda bara 2013 Pireezdanti Hosnii Mubaarak gadhiiste, humni waraanaa Sudaanis al-Bashir gadhiisuu danda'u yaada jedhu qabu.

Deeggartoonni humna waraanaa Sudaan, jenaraalicha deeggaruun hiriira ba'u

Madda suuraa, Getty Images

Qondaalli NCP'f amanamaa ta'ee fi Sochii Islaamaa Sudaanitti qondaala kan ta'an Ali Karti NCP'n akka deebi'ee bakka qabatuuf nama ga'ee olaanaa gumaachaa jiruudha jedhama.

Sochiin kun garee IS waliin hidhata qaba jedhamee amanama.

Duraan Ministira Dhimma Alaa kan ture qondaalli kun, koree caasaa mootummaa al-Bashir diiguuf hundaa'een akkaan irratti qiyyaafatamee ture.

Qabeenyi isaa fi namoota garee isaa turaniin horatame hedduun irraa fudhatameera.

Namni akkaan al-Bashiriif amanamaa ta'e kun bara 1990 Humna Ittisa Uummataa hundeessuun maqaa horatee nama tureedha.

Humni kun Sosochii Bilisummaa Uummata Sudaan (SPLM) waraanuu keessatti ga'ee guddaa gumaacheera.

Gareen SPLM yeroo sana naannoon hordoftoonni amantii Kiristaanaa itti heddummaatan akkasumas kanneen amantii biraa hordofan akka walabummaasaanii gonfatan falmaa ture.

Naannoon haala kanaan ibsamu kun Sudaan Kibbaa ammaati.

Humni Ittisaa Uummataa bara 1990 hundaa'e

Madda suuraa, Getty Images

Bara bulchiinsa al-Bashir Ministira Odeeffannoo kan turan Amin Hasan Umar, tibbana haasawa taasisaniin weeraraa fi doorsisa kamuu Sudaan irraa ittisuuf gareen- Islamist Movement jedhamu loltoota kuma 500 qopheeffatee jiraachuu ibsan.

Lakkoofsa kana qaama walabaarraa mirkaneesuun hin danda'amne, garuu wanti qondaalli kun jedhan dhugaa yoo ta'e lakkoofsi hidhattoota kunneenii kan humna Daarfuur keessa socho'aa turee hedduu caala.

Waraana Daarfuur keessatti haleellaa hamaa raawwachuun kan himatamu gareen- Rapid Support Forces (RSF) jedhamu loltoonni isaa 50,000 hanga 150,000 gidduutti tilmaamamu.

Humni waraanaa fonqolchaan aangoo harkatti galfatee jiru (Juntaan) bara dhufu filannoo gaggeessee aangoo gara bulchiinsa siiviliitti dabarsuuf akka jiru ibseera.

US fi Sa'uudi Arabiyaan jenaraalonni waraanaa fi gareen FFC garaagarummaa gidduusaanii jiru furuun akka walitti araaramaniif jaarsummaa taa'aa turan.

Garuu koreen mormii qixeessu- kan rogeeyyii fonqolcha hadheeffatanii balaaleffataniin gaggeeffamu humna waraanaarraa amantee waan dhabeef mormiin akkuma itti fufetti jira.