Ronaaldoon walitti aansee tapha lama Al Naasiriif osoo hin taphatiin hafe

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Kiristiyaanoo Ronaaldoon walitti aansuun tapha lammataa kilabiin isaa Al Naasir qabu hiriiree osoo hin taphatiin hafe.

Kilabiin Sa'udii Al Naasir gaafa Jimaataa bakka Ronaaldoon hin jirretti Al Itihaad galchiiwwan Saadiyoo Maaneefi Anjeloo Gabri'eeliin 2fi 0'n mo'ateera.

Gareen deeggartoota kilabichaa dirree keessa Ronaaldoof deeggarsa mul'isaa turan.

Ronaaldoon gaafa Wiixataas kilabiin isaa Al Riyaad 1fi 0'n yeroo m'ates hin taphanne.

Liigiin Sa'udi Arabiyaa Kiristiyaanoo Ronaaldootiin ''namni kamuu - hammamuu guddaa ta'u - kilabii isaanii caaluun murteessuu hin danda'u'' jechuun akeekkachiisee ture.

Kunis, egeree isaa kilaba Al Naasir kessa jiru yaaddessaa godheera.

Miidiyaan Porchugaal A Bola jedhamu akka gabaasetti, Ronaaldoon taphachuu hin feene.

Sababnimmoo akkaataa dhaabbanni Sa'udi Arabiyaa Pabliik Invastimant Fand (PIF) jedhamuu liigii Sa'udi hoogganuurratti gammachuu dhabuu isaati.

BBC Ispoortiin akka hubatetti, michuun duraanii Ronaaldoo Kaarim Benzemaan dhihoo Al Itihaad keessaa bahuun liigicha dursaa kan jiru Al Hilaal seenuun isaa Ronaaldoo hin gammachiifne.

Jifataan lammii Faransaay Kaarim Benzemaan, ganna 38, Al Hilaaliif tapha jalqabaa isaa hiriiree galchii sadii galche.

Al Hilaal kilabii Al Okhdood walumaagala galchii 6fi 0'n mo'ate.

Al Hilaal kilaboota Sa'udii keessaa waancaa 19 kaasuun kan isatti qixxaatu hin jiru.

Al Naasir fi Al Hilaal kilaboota dhaabbata Sa'udii jalatti bulan keessaati.

Ronaaldoon gaafa Roobii dirree kubbaa itti shaakalanitti suuraa ka'e gadhiiseera.

Haa ta'u malee, gaafa Jimaataa tapha AL Itihaad waliin qaban irratti yoo hiriire taphata ta'ee aangawoonni mirkaneessuu hin dandeenye ture.

Ibsa Dubbii Himaan Sa'udi Piroo Liig BBC'tti ergeen akkana jedhe:

''Liigiin Sa'udii qajeelfama salphaa tokko jalatti sosso'a: kilabiin kamuu of danda'ee qajeelfama tokko jalatti bula.

''Kilaboonni boordii mataa isaanii, hojii gaggeessitootaafi hoggansa kubbaa miilaa ofii qabu. Qacarrii, baasiifi imaammatan kilabootatu murteessa,'' jedhan.

''Kiristiyaanoon erga dhufe booda Al Naasir waliin haasawaa guddinaafi hawwii kilabichaa keessatti guddoo gumaate,'' jedhan.

''Akka dorgomaa cimaa kamuu, mo'uu barbaade.

''Haa ta'u malee, namni kamuu, - hammamis guddaa ta'u - kilabiirra darbee murteessuu hin danda'u.

''Jijjiirraan taphataa tibbanaa sirriitti isa mul'ise. Kilabiin tokko gama tokkoon guddate. Kaan karaa biraa hordofe. Kuni murtee kilabaati,'' jedhan.

Ronaaldoon bara 2022 gidduu bara dorgommiitti Maanchistar Yunaayitid gadhiisee Al Naasir seene.

Waggaatti paawundii miiliyoona 177 argachuun seenaa keessatti taphataa gatii guddaa argatu ta'e.

Haa ta'u malee, hanga yoonaa Waancaa Shaampiyoonaa Kilaboota Arabaa qofa mo'ate.

Mo'ataan badhaasa Baalon doorii kuni Adoolessa 2025 keessatti waliigaltee waggaa lamaa mallattesseera.

Haa ta'u malee, osoo waliigaltee hin mallatteessiin dura Al Naasir gadhiisee morkataa isaa Al Hilaal seenuu mala oduun jettu turte.

Al Hilaal bara dorgommii baranaa hin mo'amne, Al Naasir immoo qabxii afuriin xiqqaatee sadarkaa sadaffaarra jira.

Ta'us tapha hin taphanne of harkaa qaba. Waan adeemaa jiruurratti Ronaaldoon as bahee waan dubbate hin qabu.