Harargee Lixaa: Kantiibaan duraanii ummata goyyomse akkamiin hidhaa cimaan adabame?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Himatamaa Mahaammadsaafii Haji Kadir Godina Harargee Lixaa aanaa Gammachiisitti Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Dagaagaa ture.

Himatamaan kun ALI Fulbaana 14, 2016 hawaasa naannoo sanaa lakkooftuu ifaa hinqabne walitti qabuun 'lakkooftuu ifaa isiniifan galcha' jechuun amansiise.

"Ummannis gahee hojiisaarraa ka'uun amantaa irra kaa'uun 'lakkooftuu ifaa nuuf galcha' jechuun maallaqa sassaabanii itti kennan" jedhan Waajjira Abbaa Alangaa Godina Harargee Lixaatti Abbaa Adeemsaa Yakkoota Malaammaltummaa kan ta'an Abbaa Alangaa Muluqan Awwaqa.

Namoonni kantiibaa isaaniirra amantaa kaa'uun maallaqa kennan kunis namoota 30 yemmuu ta'an, tokkon tokkonsaanii hamma maallaqaa garaa garaa kantiibichaaf laatan.

"Maallaqa birrii 10,200 akkasumas 5,100 kan kenne jira. Waliigala gara birrii 150,000 laatan" jedhan.

Haa ta'u malee himatamaan maallaqa kana nagahee malee akkasumas beekamtii qaama dhimmichi ilaallatuu Tajaajila Ibsaan ala walitti qabuusaa Abbaan Alangaa himu.

Jiraattonni magaalichaa lakkooftuu ifaa argachuuf hawwiin eegaa turanis hanguma guyyaan oolee bulu dhimmicha kantiibaasaanii gaafachuu eegalan. Kantiibichis "ni dhufa, isiniif gala" jechuun deebisa.

Yeroo keessas himatamaan iddoo hojii kantiibummaarraa kaafamee achuma aanaa Gammachiisitti iddoo hojii biraarratti ramadame.

Jiraattonni kantiibaan waadaa galeefi iddoo biraatti jijjirames eeruusaanii Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gammachiisitti kennanii qorannaan eegalame.

Ragaaleen namaafi sanadaas walitti qabamanii gara Waajjira Abbaa Alangaa Godina Harargee Lixaatti ergaman.

Himatawwan saddeet fi hidhaa cimaa waggaa 17

Abbaan Alangaa Godina Harargee Lixaas kantiibaa duraanii namoota 30 goyyomsuun shakkame Labsii Yakkoota Malaammaltummaa 881/2007 Keewwata 32'n himate.

Himatamaan "Keewwata 32 'Goyyomsuu' kan jedhu jalatti himatame. Sababni goyyomsuu itti ta'eefis gaheen hojiisaa kana raawwachuu osoo hin ta'in akka rawwachuu danda'utti beekamtii waajjira ifaa malee yookiin qaama dhimmi ilaallatu waliin walitti dhufeenya osoo hingodhin maallaqa waan fudhateef yakka goyyomsuutiin himatame" jedhan Abbaa Alangaa Muluqan.

Abban Alangaa shakkamaarratti himatawwan saddeet kan bane yemmuu ta'u, kantiibaan duraanii kunis himatawwan irratti dhiyaate ni haale.

Kana malees ragaa ittisaa dhiyeeffachuun jecha ragummaa akka kennan kan godhe yemmuu ta'u, ragaaleen ittisaa dhiyeesse ragaalee Abbaa Alangaa kufaa gochuu hindandeenye.

Kanaafis himatamaan yakka goyyomsuu raawwachuusaafi maallaqa miidhamtoota goyyomsuun funaanes faayidaa dhuunfaaf oolchuunsaa jala murame.

Manni Murtii Olaanaa Godina Harargee Lixaas dhaddacha Guraandhala 12, 2018 taa'een adabbii himatawwan saddeetii walitti ida'uun himatamaa Mahaammadsaafii Haji Kadir hidhaa cimaa waggaa 17 fi birrii 20,000'n akka adabamu murteessee jira.