Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ogeessa ijoollummaatti doktara lubbuusaa baraare wajjin onnee waldhaanaa jiru
Mesfin hakima ogeessa baqaqsanii hodhuu onneeti.
Baadiyyaa Itoophiyaa keessatti dhalatanii guddatan. Umuriin isaanii waggaa 11 yeroo ta'u akka malee dhukkubsatan.
Doktooronni naannoo sanaa isaan gargaaruu hin dandeenye. Wal'aansa fooyya'aa argachuuf gara Finfinneetti geeffaman.
Dhaabbanni tola ooltummaa tokko akka isaan yaalaaf gara Ameerikaa deeman haala mijeesse.
Umurii isaa waggaa 15tti gara Atlaantaa, Joorjiyaa deeman. Doktara Ameerikaa Dr. Jiim Kawton jedhamu tokkoon baqaqsanii hodhuu onnee lubbuu baraaru lama godhameef.
"Nan du'a jedheen yaade. Dr. Jiim Kawtoon lubbuu koo baraare," jedhu Mesfin.
Baqaqsanii hodhuu jalqabaa booda, haala fayyaa walxaxaa waan qabaniif Ameerikaatti baqaqsanii hodhuu lammataa gochuu qabu turan.
"Ani nan du'a jedheen yaade. Garuu Dr. Riik Hootz sana hin fudhatu ture. Jiim yeroo lammataaf baqaqsanii hodhuu raawwatee lubbuu koo yeroo lammataaf baraare," jechuun yaadatu.
Podcast BBC 'Happy Pod' irratti kan dubbatan Dr. Jiim lubbuu namootaa baraaruun waamicha lubbuu isaanii ta'uu nan amana jedhan.
"Baqaqsanii hodhuu onnee raawwachuudhaan lubbuu namaa baraaruuf addunyaa kanarratti akkan dhaladhe kan hubadhe walakkeessa bara hojii kootti ture," jedhan.
Jiim baqaqsanii hodhuu lammataa booda onnee Masfin keessatti vaalvii makaanikaalii kan kaaʼan siʼa taʼu, yeroo tokko tokko immoo sagalee dhageessisaa ture.
"Mucaan sagalee kana ni dhaga'a. Akkamittan ibsaaf? Maalin godha?" jedhanii yaaduu jalqaban.
Isaanis Masfiniif sa'aatii kennan. "Ijoolleen waa'ee sagalee valvii onnee isaa irraa dhufu yeroo isa gaafatan sagalee sa'aatiiti akka jedhee deebisuufi'' jedhan
Mesfin erga wal'aansa argateen booda Ameerikaatti hafe. Yeroo guddachaa dhufeen, wayita baqaqsanii yaaluun onnee raawwatu ogeessa meeshaa sirna hargansuusaanii hordofu cardiac perfusionist jedhamuu ta'uuf murteessan.
Gaaffii fi deebii BBC waliin taasisaniin sababni murtoo isaanii baqaqsanii hodhuu onnee dargaggummaa isaaniitti godhamee fi lubbuu isaanii baraare ta'uu ibsaniiru.
Erga baqaqsanii hodhuun onnee lubbuu isaanii baraare erga raawwatee waggaa 25 ta'eera.
Amma Masafin ogeessa baqaqsanii hodhuu lubbuu isaa baraare Jiim Kawtoon waliin ta'uun tajaajila baqaqsanii hodhuu kennuu danda'aniiru.
"Ani siree baqaqsanii hodhuu irra ciisuun maal akka ta'e beeka. Dhukkubsachuu jechuun maal akka ta'e nan beeka. Sodaa jiru nan beeka," jedhu.
Ogummaa isaaniitiin dhukkubsattoota gargaaruu akka danda'an waan amananiif oogummaa fayyaatti makaman.
Dhaabbanni tola ooltummaa tokko yeroo dargaggummaa isaaniitti gara Ameerikaatti imaluun wal'aansa akka argatan haala mijeesse.
Marsaa jireenyaa hordofee Masfin 'Heart Attack Ethiopia' keessatti tola ooltummaan tajaajiilu.
Mesfin yeroo gara 'Heart Attack Ethiopia' deeman, Jiim achitti tola ooltummaan akka hojjetan hin beekan ture.
"Lamaan keenyayyuu yommuu wal arginu ajaa'ibsiifanne. Marsaan jireenyaa hammam nama ajaa'ibsiisaa akka ta'e sa'aatii sanatti hubanne. Akka kanaan dura turetti deebi'uuf yeroo nutti hin fudhanne," jedha Mesfin.
Jiim hanga har'aatti Mesfiniin ni yaadatu. Waggaa 25 boodas dhukkubsataa isaa kana hin daganne.
"Mucaa baayyee kutataa fi gammachuu qabu ture. Isa jaallachuun salphaa ture," jechuun dargaggummaa Masfin yaadatu.
Wanti Mesfin fi Jiim tokkoomsu daandii jireenya isaaniiti. Lamaanuu lubbuu namootaa baraaruu barbaadu.
"Iddoo dhiifne irraa jalqabna. Duraan dhukkubsataa ture. Amma garuu waliin lubbuu namootaa baraaraa jirra," jedhu.
Jiim fi Mesfin lubbuu namoota 400 ol baraaraniiru. Ogeessota baqaqsanii hodhuus ni leenjisu.
Jiim garee isaatiin baay'ee boona.
"Masfiniin nan dinqisiifadha. Hojii fi jireenya isaa isa boqonnaa hin qabne irraa gara biyyaatti deebi'ee oolmaasaa deebisaa jira. Waan inni hojjete hundaan baay'een boona," jedha.
Abjuun Mesfin Jiim waliin hojjechuu ture.
"Abjuun koo dhugoomeera. Doktoruma yeroo tokko na baqaqsanii hojjetan waliin hojjechaa jira. Waliin namoota biroo gargaaruu danda'uun hiika guddaa qaba," jedhu.
Amma hariiroon isaanii kan dhukkubsataa fi doktora miti.
"Abbaa koo afraffaa naan jedha. Kanaan kabajni natti dhagahama," jedha Jiim.
Mesfin akkasumas "Waliin hojjechuu danda'uun keenya carraa guddaadha. Galata guddaa qaba" jedhan.
Mesfinii fi Jiim gaafii fi deebii waliin ta'uun BBC irratti taasisaniin, imala waliin ta'uun lubbuu baraaruuf taasifamuu isaaniitti gammaduu isaanii ibsaniiru.
"Lubbuun koo isaaniin baraaramte. Galataa ol ta'ee natti dhagahama. Abbaa ta'uu koo fi hojjechuu kanan danda'e doktoroota irraa kan ka'edha," jedhan Masfin.
Galata kana kan dhagahe Jim Mesfin akka itti boonu dubbateera.
Jiim amma soorama baʼaniiru, garuu waggoota 36f ogeessa baqaqsanii hodhuu taʼee hojjeteera.
"Namoota kuma 11 ol baqaqsanii hodhuu onnee raawwadheera," jedhu. Namoota fayyisuuf waamicha jireenya isaa raawwateera jedhee amana.
"Masfiniif baqaqsanii hodhuu milkaa'aan lama taasifameera. Kanatti gammadeera," jedha.
Ogeeyyiin fayyaa lamaan kunneen tajaajila tola ooltummaa kennuuf yeroo afur Ameerikaa irraa gara Itoophiyaa imalaniiru.
Jiim imala tola ooltummaa jalqabaa isaa irratti buufata xiyyaaraa irratti Mesfin yeroo argu amanuu dhabuu keessa ture.
Jiim fi Mesfin waggoota 25 booda walitti makamuu isaanii fi ergama lubbuu baraaruu isaanii waliin itti fufuu isaanii dubbatu.
Lubbuu namootaa waliin baraaruun addadha jedhu Mesfinii fi Jiim.
Masfiin "Abjuun koo dhugoomera" jedha.
"Mucaa namaatiif abdii kennuun gatii guddaa qaba," jedha. "Yeroo tokko akka isaanii baqaqsanii hodhuu onnee akkan godhe dhukkubsattootatti nan hima. Sun nagaa isaaniif kenna, abdiis isaaniitti hora"