Namni tokko akkamiin miindaa ji'aa hojjettoota mootummaa 36 nyaate?

Taateen Kun kan raawwate Godina Harargee Bahaa Aanaa Guraawaatti. Yeroon isaa ammoo ALI Gurraandhala bara 2016.

Manni murtii Godina Harargee Bahaa dhimma kana ilaalee erga murtii itti kennee amma baatiin sadii darbeera.

Abbaan Alangaa Godina Harargee Bahaa garuu Galmee kana qabatee mana murtii waliigala Oromiyaa dhadhacha bahaatti ol iyyannoo gaafachuutti jira.

Akkamiin raawwatame?

Obbo Asladdiin Ahimadnuur Itti gaafatamaa waajjira abbaa alangaa Godina Harargee Bahaati.

Dhimma kana ilaalchisuun turtii BBC waliin taasisaniin dhimmichi gocha seeraan alaa faayidaa isaaf hin mallee argachuuf taasifame ta'uu eeru.

Yakka miindaa hojjettoota mootummaa 36 seeraan ala nyaachuun kan himatame ogeessa waajjira maallaqaa aanaa Guraawaa Obbo Aliyyii Umar Aliidha.

Nami kuni ji'a tokko keessatti miindaa dhuunfaasaa malee miindaa ji'aa hojjettoota 36 herreega baankii dhuunfaa isaarratti galfate.

"Yakkichi kan raawwatame A.L.I Gurraandhala bara 2016 keessa.

''Ji'a kana keessa miindaan hojjettoota mootummaa kan hospitaala Gaara mul'ataa 33 fi BLTO irraa namoonni sadii mindaan isaanii akka dhorkamu waajjira isaaniirraa xalayaan waajjiraa maallaqaatti ergame," jedhan.

"Ogeessi kun ammoo namoota mindaan isaanii haa dhorkamu jedhaman kana miindaa isaanii guca mindaa qopheessuun gara baankiitti erge.

'Herreegni irratti galu garuu kan hundaatuu herreeguma dhuunfaa hojjetaa kanaati," jedhan Obbo Asladdiin.

Hojjetaan kun miindaan hojjettootaa dhorkame kun herreega mootummaa keessatti qooda hafu ati fudhadhu akka waan jedhameetti miindaa dhuunfaa isaa waliin ji'a tokko keessatti mindaa ji'aa nama 37 herreega baankii dhuunfaasaatti naqate jechuudha.

"Ji'a tokko keessatti miindaa hojjetaa 36 birrii kuma 500 fi kuma 29 caalu fudhatee faayidaa dhuunfaasaaf oolfate.

''Maallaqichi herreega dhuunfaasaa irratti galuu ragaa qabatamaan baankiirraa argame," jedhan.

Ooditii herreegaa adeemsifamee fi eeruu dhihaate hordofuun himatamaan kun yakkicha raawwachuu ragaan qabatamaan waan argameef abbaan alangaa Godina Harargee bahaa himatamaa kana mana murtiitti himatee hidhaan itti murame.

"Himatawwan ja'a irratti dhiheessinee turre. Falmii keessa erga turree booda manni murtii olaanaa Godina Harargee Bahaa himatamaa kanarratti murtii hidhaa waggaa afurii fi ji'a ja'aa akkasumas adabbii birrii kuma torbaa dabarse," jedhan.

Murtiin adabbii kun ji'a Onkololeessaa darbe keessa darbee himatamana kun mana sirreessaa jiraatus maallaqni mootummaa birrii miliyoona walakkaa caalu faayidaa dhuunfaaf oole garuu hin too'atamne jedhan angaa'aan kun.

Hojjettoonni waajjira maallaqaa aanaa Guraawaa yeroo ogeessi kun yakka kana raawwatetti isa waliin himaatamanii turan lama ammoo manni murtii bilisaan gaggeesse.

Tibbana erga abbaan alangaa Godina Harargee Bahaa dhimmi hojjetaa ji'a tokko keessatti mindaa ji'aa hojjettoota mootummaa 36 nyaatee hidhame kanaa ol'iyyannoo itti gaafatee akka haaraatti ijoo dubbii ta'eera.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.