Hojiin haaromsa gamoo Faasiil maaliif tibbana ijoo ta'e?

Eddoowwan seena-qabeeyyii Itoophiyaa keessatti maqaansaanii ka'an keessaa tokko Gondariidha.

Gondar akka seenaadhaan kaafamtu kanneen taasisan keessaa ammoo, guddina Itoophiyaa jaarraa 17ffaa fi 18ffaa keessa madda oomishaa ta'uu fi jidduugala amantaa Ortodoksii, akkasumas amantichaan walqabatee eddoo ogbarruu guddaarra kan itti geessee akka ta'e himama.

Agarsiiftuuwwan dhimmoota kanaa keessaa tokko ammoo masaraa mootii motoota Gandar keessaa tokko kan ta'an Astee Faasilidas bara jaarraa 17ffaa irratti ijaarsiisan gamoo Faasiiliidha.

Gamoon Faasiil qabeenyaawwan biyyattii UNISCOtti galmaa'an keessaa tokko yoo ta'u, duloomee fi babaqaquun waggoota dheeraa turuunsaa hedduun dhimma kaasaa turaniidha.

Gamoo seena qabeessi Faasiil kan hojiin haaroomsaa taasifamaaf jiru kunis dhiheenya ifa taasifamuusaa hordofee ijoo dubbii ta'ee ture. Gamoon Faasiil kan haalluu shiroo fakkaatu qabaachaa ture amma addaatee mul'achuunsaa yaadawwan hedduun akka kaa'aniif kara baneera.

Haalluun gamoo seena qabeessa kanaa barootaaf kan ittiin beekamu jijjiramee maaliif addaate? gaaffii jedhuu akka ka'u taasiseera.

Gaaffii kanaaf deebii argachuuf gorsaa haaroomsa ijaarsaa fi kan qorannoo keessatti hrimaatan Arkteekti Faasiil Giiyoorgiis, galteewwan ijaarsi gamoon Faasiilii ittiin ijaaramee kaasuun deebii BBC Amaariffaaf kennan.

Ijaarsi gamoo Faasiin waggaa 100n dura wayita ijaaramuutti, dhagaawwan xixiqaafi nooraadhaan yoo ta'u, baroota dheeraadhaaf roobni, aduu fi adeema umamaa keessa yoo darbu bifa ittiin namoonni baayyeen beekan ''kan shiroo'' fakkaatu akka qabaate dubbatu oggeessi kun.

Amma nooraan haaroomsi ittiin hojjatame haaraa ta'usaatti haalluunadii akka fide dubbatu.

Faasiil akka ibsaniitti, hojiin haaroomsaa kan hojjatame meeshaalee duri gamoon Faasiil ittiin ijaarame keessaa mummee nooraa fi dhagaa ture.

''Kan hojjatames haaluma seera eegumsa hambaa eeggateeniidha'' jedhu.

"Nooraan haaraa ta'usaatiin qofa haalluu adii kana fideera'' jechuudhaan, haalluun nooraa fi dhagaa waggoota murtaa'aniin booda gara haalluusaa duriitti ni dee'a jedhu Arkteekti Faasiil.

Garaagarummaansaa haaraa ta'u fi dulloomuusaa qofaadha jechuun ibsu. Gamoon Faasiil jalqaba yoo ijaaramu nooraansaa baatiiwwan ykn waggoota dheeraa awwaalamee kan ture yoo ta'u, amma yeroo haaroomfamu ka'umsiisaa hordofee nooraan yeroo dheeraaf akka awwaalamu taasifamuun haaromsiisaa gaggeeffamu himan.

Qabeenyaan sababii umamaa, aduu, rooba, urkaa fa'iitiin waggoota keessatti haalluusaanii jijjiramaa kan deemu yoo ta'u, kunis haalluu barootaaf beekamu ni qabata jedhan.

Haala seera haaroomsa hambaa addunyaatti dhimmi dursi keennamuuf mummeen, meeshaa ittiin hojjatameen haaroomfameeraa? kan jedhuudha kan jedhan Faasiil, dhagaafi nooraa ittiin jalqaba ijaarameen deebiisanii haaromsuun dhimma murteessaa ta'u kaasan.

''Kun sirriitti hojiirra oolfamusaa mirkanneessineerra'' jedhan gadi qabanii.

Bakkee biraatti yeroo tokko tokko haalluu durii fiduuf jecha biifaaf jecha keemikaalli akka itti makamu kan kaasan oh=geessi kun, dhimmonni keemikaalummaa qaban kunneen balaa hin yadamne hordofsiisuu danda'u jedhu.

''Haalluunsaa kan dur sana osoo fakkaatee ni jaallanna ture garuu haalluusaatiif jecha wantoota itti dabalaman balaa hin yaadamne hambaarraan gahu'' jechuun yaaddoo jiru kaasan.

Itti dabaluunis, akka sadarkaa eegumsa hambaa addunyaatti dursi kan kennamuuf yada ka'umsaa ta'u kaasuudhaan, nooraan sirrii fi amansiisaa ta'usaatti akkuma kan duriisaa qabateetti hojii haarosa isaa gaggeeffamaa jira jedhan.

''Osoo ka'umsa isaa gadi hin lakkisiin kan ilkaan keenya ciniinnaane hojjanneedha'' kan jedhan Faasiil, yeroo keessa bifti isaa durii ni deebii'a jechuudhaan bifti ture yeroo keessa akka dhufu BBCtti himan.

Kanaafuu biftii gamoo Faasiil kan duraan ittiin beekamu yoo deebii'ee dhufuu danda'a? jechuun gaaffiin oggeessa kanaaf dhiyaateefii ture.

Yeroo roobni itti roobuufi haalli qilleensaa yoo itti bu'u bifasaa jijjiramaa adeema kan jedhan Faasiil, gamoon kun gara bifasaa duriitti deebii'uudhaaf waggaa sadii hanga waggaa afur ykn isaan ol itti fudhachu danda'a jedhan.

Faasilii akka ibsaniitti ''gubbaa gamoorratti baayyee kan gurraacha'e ture'' Dhagaawwan sana bakka turaniitti deebiisuudhaaf hanga waggaa shanii kan ta'y ykn bifti gubbaa gamichaarratti gurraacha'ee mullataa ture sana deebiisuudhaaf yeroo sana caalaayyu fudhachuu akka danda'u dubbatan.

Masaraa Faasil haaromsuun akkamiin jalqabame?

Gamoon masaraa Faasil waggoota afurtama dura ture kan Damee Saayinsiifi Aadaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti (UNESCO)tti akka godambaa addunyaatti kan galmaa'e. Goambaan UNESCotti galmaa'e kun waggoota dura waan dulloomeeruuf baduu danda'a jedhamee sodaatamaa tureera.

Haaromsi masaraa kanaa wagga tokko dura kan jalqabme yoo ta'u, qorannoo duraan ogeessonni taasisan bu'uura godhachuun akka ta'e Faasil BBCtti hima.

Godambaalee suphuufi haaromsuun yeroo gaggeeffamutti tokko kan ilaalamu hojiin suphuu duraan taasifame adeemsa akkamii hordofee akka raawwatame kan jedhu qama qorannoo ta'uu himu.

Masaraaleen mootummaa Gondar kanaan dura suphaawwan garagaraa taasifameeraaf. Waggaa 20 dura sadarkaa ammaatti ta'uu baatus suphaan hanga tokko akka tasifameeruuf dubbatu.

Isaan dura ammoo A L I bara 1960 Arkitektii Xaaliyaanii Saandiroo Anjeliinii, mootummaa Itoophiyaafi Fandii Monoomentii Addunyaa, akkasumas qindeessummaa UNESCOtiin suphameera.

Suphaa yeroo sana taasifame adda durummaan jabeessuu, akkasumas wantota kufuu turan sibiila galchuun akka hidhamu gochuu ture.

Hojiin gamoo kana haaromsuu dogoggoraan kan taasifame bara Xaaliyaan wagga shaniiif Itoophiyaa turtetti akka ta'e kaasu ogeessi kun.

Haaromsi amma taasifame kun isa yeroo sana akka hin taane sana sirreessuu dabalata. Akka halluun isaa jijjiiramu kan taasise sababiin tokko kana ta'uu dubbatu.

Masaraan mootummaa kun kanaan dura yeroo haaromfamanitti dhakaa duraan ijaaramanirra dhakwwaan gurguddoorraa hojjetaman ture. Haaromsa ammaa kanaan dhakaawwan gurguddoo kunneen akka ka'aniifi "akka haala duraan tureetti akka deebiyan taasifamuu isaa argeera," jedhu.

Haaromsi ammoo kun adeemsa gara duraan turetti deebisuufi waan duri fakkaaa ture akka hin gadhiifne gochuudha jedhu.

Godambaaleen yeroo haaromfaman adeemsa akkamii hordofuu qabu?

Godambaan kamiyyu yeroo suphamu seenaan isaa akka qoratamu kan eran Arkitek Faasil Giyoorgis, Akkamii hojjetame? Eenyufaatu hojjete? Galtee ijaarsaa akkamiitu faayidaarra oole? Tekinooloojiin hojmaataa sirriitti qoratama jedhu.

Qorannoon erga taasifameen booda hojiin itti aanu haala godambaan sun itti jiru madaaluu akka ta'e ibsu.

Itti aansuun karoorawwaniifi dizaayinoon kan qophaa'an yoo ta'u, dizaayinootarratti Paatoloojii (hanaga miidhaa qaqqabee) dizaayina agarsiisuti qophaa'a.

Miidhaan godambaaleerra gahu harki caalaan sababa bokkaafi umuriin turuu ta'uusaarraa kan ka'een furmaata sirrii barbaadu. Miidhaa kanaaf furmaata kan ta'u suphaa miidhaa qaqqabe sana hambisuun danda'amuun taasifama.

Jijjiiramuun yoo irra jiraate waan umurii gamoo sanaa dabaluufi jabeessuu danda'uti yaadamee taasifama.

Godambaan tokko erga suphameen booda hordoffiifi kunuunsa garagaraa akka isa barbaachisu dubbatu ogeessi kun.

Yroo ammaa kana hojiin haarumsoo isaa gaggeeffamaa kan jiru gamooni Faasil, hojiin suphuu isaa erga xumurameen booda waggoota 30 hanga 40 turuu akka danda'u ibsa arkitektiin kun.

Masaraa mootummaa Atse Faasileedes

Masaraan mootummaa Atse Faasileedes bara 1979 ture kan akka ambaa addunyaatti galmaa'e.

Gamoo Atse Faasil keessa masaraawwan mootummaa jiran kutaaleen 100 ol qabu. Abbaa darbii sadiifi afurii yoo ta'an, walumaa galatti lafa hektaara 7 (iskuweer kaareemeetir kuma70) qabateera.

Gamoon kun kan hojjetame kaabaa dhakaa waggoota 300-400 tureen yoo ta'u, caalmaatti dhakaa, nooraafi muka gargaaramuunidha. Ogeessota biyya keessaatiin hojjetamuun isaas ni himamaaf.

Masaraawwan mootummaa gamoo Atse Faasil eessa jiran adda kan isaan taasisu, mootummoonni tokkoo tokkoon isaanii ashaaraafi seenaa mataa mataasaanii dhalootaaf kaa'anii darbaniiru.

Masaraawwan kunneen warra itti aanan kanadha:

Masaraa mootummaa Atse Faasil: Inni kun isa duraati. Mootichi masaraa mootummaa kana ijaaruudhaaf waggoota 10 itti fudhate.

Masaraa mootummaa Atse Yohaannis: Atse Faasil wagogota 36f erga mo'een booda, ilmi isaanii isa bakka bu'anii gara aanootti dhufuun A L I 1667-1682 yeroo mo'atti kan hojjetamedha.

Masaraa mootummaa Adiyaam Saggad Guddicha: Kan mo'e A L I 1682-1706tti ture. Mootichi abbaa fardaa beekamaa waan tureef masaraa mootummaa boca koorichaatiin akka hojjetame seenaan ni kaasa.

Masaraa mootummaa Atse Daawwiti: Gamoo turtii wagga shanii (A L I 1716-1721) mo'etti kan ijaaramedha. Gamoo muuziqaa guddaa kan qabu yoo ta'u, Gamoo guddaa hojii artii keessatti agarsiisan akka ta'e himama. Bakki jireneyaa leencota 'leenca guraacha' jedhamanis kan ture kana keessadha.

Masaraa mootummaa mootii Masiisaggad Bakaafaa: Waggaa sagaliif (A L I 1721-170) kan bulche yoo ta'u, fedhii isaa kan ture gamoo guddaa keessatti namoota gibira sooran ijaaruu ture. Kanaaf, galma gibiraa guddaa namoota 250 ol qabachuu danda'uufi bakka Fardeen dhaabbatan ijaareera.

Masaraa mootummaa Ittege Mintiwwaab: A L I 1730-1755tti kan bulchite yoo ta'u, gadamiiwwan Xaanaa irras ashaaraashee keessee dabarteetti.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.