Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Gabaan Istookii' Itoophiyaan waggaa 50 booda deebistee jalqabuun maaliif barbaachise?
Itoophiyaan waggoota 50 booda yeroo jalqabaaf 'Gabaa Istookii' akka haaraatti deebiftee jalqabde.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad guyyaa 'seena-qabeessa' jedhan Jimaata Amajji 10, 2025 ture Gabaa Istookii Itoophiyaa kana ifatti kan jalqabsiisan.
'Gabaa Istookii'-Bakka gabaa ummanni ykn investeroonni qabeenya jiru keessaa gahee bitachuu ykn gurgurachuu danda'anidha.
Ethiopian Securities Exchange (ESX) kaappitaala biyya alaa hedduu gara biyyattiitti hawwachuufi dhaabbilee mootummaa gara dhuunfaatti dabarsuu jajjabeessa jedhamee eegama.
Ofii 'Gabaan Istookii' biyyattii waggaa 50 booda deebistee jalqabuun maaliif barbaachise? Oggeessa dubbifneera kunooti dowwadhaa.