Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dr Kumalee: 'Wanti isin keessa jiru akka dhugoomu ofiin cabsitanii bahuu qabdu'
Dr Kumalee Tolasaan yaala ijaatiin ogeetti maqaa gaarii horattedha. Yeroo ammaa Yunivarsiitii Jimmaatti sabispeeshaalistii yaala ijaa daa'immaniiti.
Harmeenshee fakkeenya guddaa akka taateefis dubbatti. Barattootaa fi namoota waldhaansa kennituuf waliinis hariiroo gaarii qabdi.
Waggoota ogeettii ijaa ta'un tajaajiltetti, namoota hedduuf ifa horteetti.
Dargaggoo ijjisaa ifa osoo hin argiin waggaa 20f turee fi dubartii ulfa ijjishee jaamee waggaa torbaaf mucaashee sagaleen malee bifaan hin beekne dabalatee wal'aanteetti.
Kunis baay'ee ishee gammachiisa. Dr Kumaleen garuu eenyudha?