Itoophiyaan 'Gabaa Istookii' waggaa 50 booda deebistee jalqabuun maaliif barbaachise?

Itoophiyaan waggoota 50 booda yeroo jalqabaaf 'Gabaa Istookii' akka haaraatti deebiftee jalqabde.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad guyyaa 'seena-qabeessa' jedhan Jimaata Amajji 10, 2025 ture Gabaa Istookii Itoophiyaa kana ifatti kan jalqabsiisan.

'Gabaa Istookii'-Bakka gabaa ummanni ykn investeroonni qabeenya jiru keessaa gahee bitachuu ykn gurgurachuu danda'anidha.

Ethiopian Securities Exchange (ESX) kaappitaala biyya alaa hedduu gara biyyattiitti hawwachuufi dhaabbilee mootummaa gara dhuunfaatti dabarsuu jajjabeessa jedhamee eegama.

Hojii Gaggeessaan Olaanaa ESX, Dr Xilaahun Kaasaahun BBC'tti akka himanitti, "Kaayyoonsaa fedhii olaanaa mootummaan karaa fi mala walitti fufiinsa qabu uumuuf, akkasumas gama kaappitaala liqaa maddawwan biyya keessaa irraa walitti qabuudha," jedhan.

Ji'a Adooleessa darbe keessaa Itoophiyaan dhaabbata Maallaqa Idil-addunyaa (IMF) fi Baankii Addunyaa irraa gara doolaara biiliyoona 10.7 (£8.3bn) argachuuf jecha gatii maallaqnishee dolaara waliin yeroo jijjiiramu qabu lolaafteetti.

Tarkaanfiin kun birriin gabaa sharafa alaa keessatti bilisaan akka ittiin daldalamu kan taasise yoo ta'u, innis sadarkaan sharafa alaa mootummaan murtaa'uun faallaa ta'uu ibsameera.

Ji'a Waxabajjii keessa, kaabineen Itoophiyaa labsii baankonni biyya alaa dhaabbilee ijoo biyya keessaa akka hundeessan fi lammiileen biyya alaa aksiyoona baankii akka argatan kan hayyamu raggaasiseera.

Wixineen seeraa kun paarlaamaan raggaasisuuf osoo jiruu kanaan dura baankonni Keeniyaa, Morookoo fi Yunaayitid Arab Emireets irraa fedhii guddaa argateera.

Itoophiyaan biyyoota diinagdee gurguddoo Afrikaa keessaa tokko yoo taatu, baay'ina ummata miliyoona 100 ol qabdi.

Yeroo ammaatti, biyyattiin daldala kaawuntarii irratti hirkattee waan jirtuuf, gabaan istookii jalqabuun gara sirna daldalaa caaseffama qabuu fi idilee ta'etti tarkaanfii guddaa kan bakka bu'udha.

ESX attamiin hojjataa?

ESX kan waloo bulu yoo ta'u, mootummaan aksiyoona isaa keessaa %25 qabatan. Kan hafe %75 ammoo invastaroota dhuunfaaf kan ramadamu ta'a.

Qabeenyawwan Invastimantii Itoophiyaa (Ethiopian Investment Holdings (EIH)), fandiin qabeenyaa abbaa biyyummaa biyyattii doolaara biiliyoona 38 kan ta'e, dantaalee mootummaan ESX irratti qabu bakka bu'a.

ESX Sadaasa bara 2023 keessa kaappitaala walitti qabuu yeroo jalqabu, hojii jalqabuudhaaf, invastaroota biyya keessaa fi biyya alaarraa gara birrii miiliyoona 631 ($11.07m) argachuuf abdatee ture.

Ebla 2024 yeroo kaappitaala walitti qabuun cufamutti, ESXn galma jalqabaa dachaa ol kan mirkaneesse yoo ta'u, birrii Itoophiyaa biiliyoona 1.51 ($26.6m) irra gahe.

"Gabaa akka keenyaa keessatti, kaka'umsi ijoon dandeettii dinagdee guddaa fi hirmaannaa xiqqaa invastaroota biyya keessaa fi biyya alaarraa argamudha," jedhu Dr. Xilaahun.

ESX Abbaa Taayitaa Gabaa Kaappitaalaa Itoophiyaa (ECMA)n kan to'atamu yoo ta'u, ulaagaalee danbii fi iftoomina addunyaa guutuuf sirna gatii gabaan- geggeeffamu fayyadamuun kan hojjetu ta'a.

Dhaabbanni telkoo guddichi biyyattii, Itiyoo-Telekoom, kaaluma karoora mootummaan dhaabbilee mootummaa gara dhuunfaatti dabarsuudhaaf qabateetin, dhaabbata jalqabaa ESX irratti galmaa'u ta'a.

"Dhababanni Itiyoo-Telekoom kan umurii ganna 130 qabus aksiyoona isaa %10 ummataaf dhiyeessuun gabaa aksiyoonaa Itoophiyaaf bu'uura kaa'uu fi dhaabbilee mootummaa biyyattii adda duree ta'an keessaa tokko, argamsa abbummaa babal'isaa jira," jechuun ture Ministirri Muummee Abiy Ahmad kan toora X irratti barreessan.

Tarreefama ESX irratti galmaa'uun duras, mootummaan aksiyoona Itiyoo- Telecom %10 ummataaf dhiyeessuu eegaleera.

Dura Taa'aan Addunyaa Dhaabbata Invastimantii Ameerikaatti bu'uurreeffate Fairfax Africa Fund kan ta'an Obbo Zamadinah Nigaatuu BBC'tti akka himanitti, "Namoonni qabeenya Itoophiyaa keessatti uumamu keessatti qooda fudhachuu danda'uutti gammachuu guddaatu ​​itti dhaga'ama," jedhan.

"Dhumarratti kan guddina Itoophiyaa tarkaanfachiisuuf deemu damee dhuunfaa biyya keessaati," jedhan.

Gara fuulduraatti dhaabbilee mootummaa biroo ESX keessatti tarreessuuf karoorri akka jiru Dr Xilaahun ni dubbatu.

"Dhaabbileen gara 10 ta'an madaallii qophii raawwataa turaniiru, isaan keessaa Itiyoo -Telekoom tokkodha," jedhan..

ESX attamiin dhaabbilee daldalaa fi jiraattota Itoophiyaa irratti dhiibbaa qabaata?

ESXn dhaabbilee xixiqqaa fi giddu galaa Itoophiyaa kanneen qooda dinagdee guddaa bakka bu'aniif kan haala jijjiiruu ta'uu danda'a.

Daldaltoonni kunneen hedduunsaanii liqii argachuu daangeffameen rakkachaa kan turan yoo ta'u, faayinaansiidhaaf baayinaan baankota aadaa fi hidhata dhuunfaa irratti hirkatanii jiru.

ESX waliin, amma karaa idileetiin aksiyoona gurguruudhaan maallaqa walitti qabuuf, kaappitaala babaliisuu argachuuf, kalaqa fi carraa hojii uumuuf barbaachisu mirkaneessuu ni qabaatu.

"Daldaltoonni maatiin gaggeeffaman baay'eedha, dhaabbileen jalqabarratti argaman jajjabeessoo ta'an baay'eedha, amma kaappitaala guddaa fayyadamuu danda'an," jedhu Obbo Zamadinah.

Akkasumas ESXn lammiilee Itoophiyaa idileenis akka qabeenya invastimantii horatanii fi qabeenya yeroo dheeraa akka maddisiisan jajjabeessuufis carraa haaraa dhiyeessuu mala.

Akka Obbo Zamadinah jedhanitti, "aksiyoonaa irratti invast gochuun maal jechuu akka ta'e ummata barsiisuuf hojjiiwwan barnooraa hedduun hojjatamaa jira."

Riiformiin diinagdee Itoophiyaan dhiheenyaa akkamitti fudhatame?

Riiformiin diinagdee Ministirri Muummee Abiy biyyattii keessaa fi idil-addunyaa irraa deebii miira wal makaa argateera.

Itoophiyaan bara 2021tti konsortiimii dhaabbata Keeniyaa Safaricom'n durfamuuf hayyama telekoomii dhuunfaa isa jalqabaa, Doolaara miiliyoona 850 yeroo kenniteetti tarkaanfiin kunis haalaan simatamee ture.

Itiyoo-Teeleekoom yeroo dheeraaf damee kanarratti dhuunfaan qabachuun, maamiloota miiliyoona 70 ol waan qabuuf biyyattiin dorgommii fudhachuuf qophii ta'uushee kan agarsiise ture.

Sanaan boodas, Safaricom tajaajila maallaqa moobaayilaa M-Pesa jedhamu Hagayya 2023 eegale. Kunis ji'oota muraasa keessatti fayyadamtoota miliyoona tokkoo ol horachuun tajaajila faayinaansii dijitaalaa argachuuf carraa uumeera.

Haata'u malee, lammiileen Itoophiyaa hedduun faayidaa haaromsa kanaan dhufuu danda'u irratti of eeggannoo gochaa akka jiran xiinxaltoonni ni dubbatu.

Fakkeenyaaf, yaada mootummaan baankonni biyya alaa dhaabbilee ijoo akka hundeessan hayyamuuf dhiheesse, dorgommiin dabaluusaatti baankota biyya keessaa yaaddoo keessa galcheera.

Wixineen labsii baankii kun invastaroota biyya alaa tarsiimoowaa ta'an qooda kallatti hanga %40 akka argatan kan hayyamu yoo ta'u, invastimantiiwwan akkasii maallaqa biyya alaa qofaan kan raawwataman ta'uu ibsameera.

Dameen baankii Itoophiyaa yeroo ammaa kan ol'aantummaa Baankii Daldalaa Itoophiyaa kan mootummaa ta'een yoo ta'u, baankonni 32 hafan hundinuu kan biyya keessaati.

Baankiin giddu galeessaa maallaqa biyya alaa baayyee barbaachisu fiduuf waggoota shanan dhufan keessatti invastaroota biyya alaatiif hayyama baankii hanga shanii akka kennu ibsee ture.

Kana malees, erga baatii Adooleessa bara 2024 yeroo gatiin birrii doolaara Ameerikaa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu %50 olin gadi bu'usaatti lammiileen Itoophiyaa muraasni sodaataniiru.

Kun qaala'insa jireenyaa duraanuu olka'aa ta'e hammeessa jedhanii yaadda'uun, gariin birrii caalaa laafaa adeema jechuun doolaara kuufachuu filataniiru.

Sana booda, Ministirri Muummee Abiy sodaa sana hanga ta'e salphisuuf jecha, hojjettoota mootummaa mindaa gadi aanaa argataniif mindaa %300 akka dabalamu labsan.

Dinagdeen Itoophiyaa maal fakkaata?

Jijjiiramni diinagdee Itoophiyaa ammatti qabsoo qaala'iinsa jireenyaa, liqaa, hanqina sharafa alaa fi barbaachisummaa bu'uuraalee danbiiwwan ciccimoo ta'an waliin keessa jirtu to'achurratti hundaa'a.

"Adeemsa keessaa qormaanni jiraachuu mala, garuu ilaalchikoo riiformiin guddina dinagdee kun sadarkaa ittaanutti akka ce'uuf haala adda ta'een barbaachisaadha," jedhan Obbo Zamadnah.

Biyyattiin Muddee darbe boondii abbaa biyyummaashee erga hin kaffallee booda, liqaashee irra jiru deebiin akka gurmeessuuf abbootii liqaa waliin marii cimaa taasisaa turteetti.

Itoophiyaan tasgabbii dhabuu siyaasaashee hangam akka gaariitti akki itti qajeelchitus, miidhaa dinagdee waldhabdee dhiheenya kana mudateen fooyyeessuuf invastaroota hawwachuufis furtuu ta'a.

Waraanni biyya keessaa gara jabeessa waggoota lamaaf naannoo kaaba Tigraay keessatti bara 2022 xumurame. Innis invastimantii biyya alaarratti dhiibbaa hamaa kan geessise yoo ta'u, IMFn waldhabdee jeequmsaa naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti deemaa jiru ''dhiphisaa fi yaaddessaa'' jechuun ibsuunsaa ni yaadatama.

Ta'us, madaallii dambii fi deeggarsa sirrii ta'een, riiformiin dinagdee Itoophiyaa waggoota dhufan keessatti biyyattiin guddinaa fi misooma hunda hammate akka kakaastuuf gargaaruu danda'a.

"Waggoota shanii hanga kudhan dhufan keessatti, yoo waan sirrii hojjenne dhuguma invastimantii biyya alaa gara doolaara biiliyoona hedduu hawwachuu yaada," jedhan Dr. Xilaahun.

Odeessaalee Itoophiyaarratti dabalataan dubbisuuf: