Yunaayiitid Raashfoord gabaaf dhiyeesse, Liiverpuul dhimma Mo Saalaah fixachaa jira

Maarkas Raashfoord

Madda suuraa, Getty Images

Maanchester Yunaayitid jifataa Ingilaand Maarkas Raashfoord gurgurtaaf dhiyeesse. Liiverpuul ammoo Mohaammad Saalaah kontiraata haaraa mallatteessifachuutti dhiyaateera.

Leenjisaa isaa kan ari'e Saawozhaampitan ammoo Daanii Rohil manaajera haraa godhee fudhachuu barbaadaa jira.

Maanchester Yunaayitid taphataa isaa sarara duraa Maanchester darbii Dilbata darberratti hin hiriiriin hafe Maarkas Raashfoord gabaaf kan dhiyeesse yoo ta'u, jijjiirraa taphattootaa Amajji keessa gaggeeffamuuf gatii ittiin kennu murteessuuf jira.

Taphataan umuriin isaa wagga 27 ta'e Raashfoord eessa akka deemu jijjiirraa Amajji kana keessa gaggeeffamuun kan ilaallu ta'a.

Taphataan lammii Masirii umuriin isaa yeroo ammaa wagga 32 ta'e Mohaammad Saalaah Liiverpuul waliin kontiraata haaraa mallatteessuutti dhiyaachaa jira.

Oduu jijjiirraa laalchisuun odeeffamaa jiru biroon ammoo Saawozhaampiten manaajera Shefiild Daanii Rohil kajeelaa jira.

Leenjisaan lammii jarmanii umuriin isaa wagga 35 ta'e kun kilaba yeroo ammaa Piriimer Liigii keessatti sadarkaa dumaarra jiru gara Saawozhaampiten dhufee kufaatiirraa oolchaa laata?

Teenyee ilaalla.

Taphataan sarara gidduu kilaba Jarmanii Baayer Liiverkusen Filoriyaan Wiirtiz kontiraata kilabasaa kana waliin qabu hanga bara 2028tti dheereffachuuf jira.

Mo Saalaah

Madda suuraa, Getty Images

Kana taanaan ammoo jijjiirraa taphattootaa Ganna dhufu keessa taphataan umuriin isaa waggaa 21 ta'e kun gara kilaboota gurguddoo sadii-Baayer Muniik, Riyaal Maadiriid ykn maanchester Siitii keessaa tokkoo deema jedhamee eegamaa ture ni hafa jechuudha.

Taphataan sarara cinaa Ingilaand Raahim Isterling turtii ergisaan Arsenaal jiru turtiisaa gabaabsuu hin barbaadu. taphataan umuriin isaa waggaa 30 ta'e kun yeroo ammaa Arsenaal keessatti daqiiqaa inni taphatu xiqqaa ta'us waan achuma turuu barbaadudha.

Taphataan sarara ittisaa Arsenaal Jaakub Kiwoor Amajji keessa kilabicha gadhiisuuf akka jiru murteesseera. Taphataan umuriin isaa waggaa 24 lammii Polaand kun maqaan isaa Naappoolii waliin ka'aa jira.

Maanchester Yunaayitid ammoo jifataa kilaba Giriik Olompiyaakos Charallaampos Kostowulaas kajeelaa jira.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Biraayiten taphataa lammii Biraazil umuriin isaa waggaa 18 Vikor Reyisiif Paawondii miliyoona 20.7 dhiyeessus jalaa kufaa ta'e.

Kilabni isaa Palmeeyiraas ammoo tapha Club World Cup booda egree taphataa kanaa sarara ittisaa kanarratti akka mariyatu beeksiseera.

Arsenaal taphataa Faransaay kilaba Seviilaa Luusiyeen Agumee hordofaa jira. Taphataan sarara gidduu umuriin isaa waggaa 22 ta'e kun bakka taphataa lamii Gaanaa umuriin isaa waggaa 31 ta'e Tomaas paartee akka bu'u barbaadameeti.

Taphataa buleessi lammii Faransaay yeroo ammaa kilaba Sa'ud Rabiyaa Al-Itihaad keessa jiru Kaarim Beenzemaa umuriin isaa amma waggaa 36 guuteera waan ta'eef bara dorgommii 2024-25 keessa soorama bahuuf jira.

Taphataan duraanii sarara gidduu Arsenaal Seesk Faabirigaas yeroo ammaa kana manaajera Komoo ta'uun tajaajilaa jira. Taphataa lammii Ingiliiz Deelee Alii kan umuriin isaa waggaa 28 ta'e jijjiirraa bilisan Amajji kana fudhachuuf abbalaa jira.

Ammarraa kaasee kilabicha waliin akka shaaaluufillee carraan kan kennamef yoo ta'u, kun ammoo taphataan sarara gidduu kun akka deebisee of cimsuuf gargaara jedhameera.

Karra eegaan Jarmanii Maanu'eel Nuuwer kan yeroo ammaa umuriin isaa waggaa 38 kontiraata isaa Baayer Muniik waliin waggaa tokkoof dheereffachuu barbaadaa jira.