'Nan du'a malee irraan hafa hin seene' - Nama maaree jaldeessaarraa fayye

Akkatti dhibee kanarraa hafe dubbata
Ibsa waa'ee suuraa, Harun Tuluna liqimsituun isaa erga dhukkubee booda lubbuusaaf yaadda'ee ture

Haruun Tulunaay waggaa lama dura wayita maariyyee ykn maaree jaldeessaan qabameetti jalqaba Covid ykn qufaa hamaatu qabe jedhee yaade ture.

Garuu hojjataan fayyaa walhormaataa irratti hojjatuu fi lammiin Tarkii Landan jiraatu kunis, madaa garmalee isaa dhukkubeen erga miidhamee booda, sirumaayyuu adeemsa keessa qoonqoonsaa cufamuu wayita jalqabu, hammeenya dhukkubichaa hubate.

“Sana booda nyaachuu ykn waa liqimsuus hin danda'uun ture” jechuun BBCtti hime.

''Ho'ii qaamaakootii digrii seentigireedii 42 ta'e of na wallaalchisee, anis sun waan guyyaa du’a kootti dhiyaadhe natti fakkaatee ture. Dhugutti sodaachisaa ture.”

Tulunaay, namoota UKtti maaree jaldeessaan qabamanii hospitaala seenan kan jalqabaa keessaa tokko ture. Haata'u malee, haalli adeemsa dhibicha adda baasuu qajeelaa hin turre.

Torban lamaaf manasaatti dhibichaa waliin dararamaa turuu fi osoo hakimiin dhibeesaa Maaree Jaldeessaa (Mpox) ta'u adda baasee hin bariin dura yeroo afur qoratamu dubbata. Isaan booda hospitaala ciisee akka wallaanamu taasifame.

''Maaree jaldeessaan ta'uusaa eenyumtuu hin beeku ture. Dhumarratti yeroo adda baafamutti boqonnaan natti dhagaʼame. Wal’aansi muraasni akka jiru waanan beekuuf, hakiimonni kiyyas yeroo sanatti dhuguma maal akka gochu qaban ni beeku turan.”

Seelii maaree Jaldeessaa

Madda suuraa, Getty Images

Babal'achuu dhibichaa

Adooleessa 2022 keessa gosti maaree jaldeessaa Clade 2 jedhamu kutaalee Afrikaa, Eeshiyaa fi Baha Giddugaleessaa dabalatee, biyyoota Awurooppaa, Ameerikaa fi addunyaa kaan gara 100 ta'an keessatti babal'ate.

Akka ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) mul‘isutti, gosti dhibichaa saffisaan kan babal’atu yoo ta’u, namoota 87,000 ol qabuun, isaan keessaa namoonni 140 du’uunsaanii yeroo weerarri dhibichaa mudate gabaaafameera.

Ji’a Hagayyaa bara 2024 keessa, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa erga gosti maaree jaldeessaa balaafamaa fi haaraan, Clade 1b jedhamuun Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo (DRC) irraa gara biyyoota ollaa Afrikaatti babal’achuu eegalee booda, sadarkaa addunyaatti rakkoo fayyaa atattamaa ta’uun labse.

Ergasii Afrikaan alatti namoonni lama diibee gosa haaraan qabaman Siwiidinii fi Taayilaanditti argaman.

DRC keessatti weerara maaree Jaldeessaa isa dhiyoo bara darbe eegale kanaan yoo xiqqaate namoonni 450 du’aniiru.

Amma ammoo biyyoota kanneen kanaan dura hin tuqamne kan akka Burundii, Keeniyaa, Ruwaandaa fi Yugaandaa keessattis babal'ateera.

Harkaa fi miila nama dhibichaan qabamee

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Maariyyeen jaldeessaa qaama namaa guutuu madeessa

“Dhukkubichi haaraa waan ta’eef ogeeyyiin fayyaallee waa’ee isaa beekumsa gahaa hin qaban turan,” jetti Daayreektarri Giddugala Fayyaa Hawaasaa atattamaa Burundii Dr Liliyaan Nikengurutsi.

Itti dabaluudhaanis, “Hubannoo hojjettoota hunda, qooda fudhattoota, hawaasallee cimsuu qabna. Dhugaatti hubannoo guddaa barbaanna” jetti.

Dr Liliyaan deeskii isaaniirra taa'anii

Madda suuraa, AFP

Saamu’eel Niduwimana, dhukkubsataan maaree jaldeessaa giddugala magaalaa guddoo Burundii Bujumburaa keessatti yaalamaa jirudha. “Maal akkan dhukkubsadhellee hin beeku ture,''jedhe.

‘’Halkan keessa garuu namoonni narraa baqachuu jalqaban. Ani sababiin maalummaasaa hin barreef namoota natti dhiyaataniin homaa hin jenne.”

Nama dhibichaarra hafe

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Saamu’eel Niduwimana addatti fo'amee yaalamaa ture

Walitti dhufeenya saalqunnamtii

Weerarri addunyaa waggoota lamaan dura adda durummaan, dhiirota waliin saalqunnamtii raawwataniifi karaa walitti dhufeenya saalqunnamtiin nama irraa namatti darbuun miidheera.

Lammiin Arjentiinaa Liisaandiroo Mooisees Enrikee kan teessoo isaa Baarseloonaa godhate, bara 2022 keessa weerara vaayirasii koronaatti hiriyyaa saalaa dhiiraa waliin hariiroo cimaa uumuun dhukkuba maaree jaldeessaan qabame.

''Mallattoon jalqabaa ani hubadhe mudaamuddiin na dhiita’uu (naannoo tafaa ),'' jechuun BBC'tti hime.

“Guyyaa itti aanutti, madaa xiqqaa qaama saalaa koo irratti arge, sana booda guyyaa lama booda madaa harka koo keessatti argadhe.” Dhibichaan qabamu wayita baru sodaatee akka ture dubbate.

Garuu akka carraa ta'ee ogeessa kaameeraa HIV waliin jiraatu, dhukkubni isaa dafee waan adda baafameef mallattoon isaa baay'ee itti hin cimne.

Hiriyaan isaarratti garuu hedduu madaa’e, mallattoon dhibichaas yeroo dheeraaf irra ture.

Graphic representation of the mpox virus

Madda suuraa, Getty Images

Addatti fo‘amuu

Hojjataan gorsaa Enrikee ammoo ji'a tokkoof adda baafamuu kan qabu yoo ta'u, kunis ogummaa fi jireenya hawaasummaa isaa akkasumas maallaqa isaa irratti dhiibbaa uumeera.

Lisandro Moises Enrique
Ibsa waa'ee suuraa, Enrikeen bara 2022 dhibee maaree jaldeessaan qabame ture
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka godaantota Arjentiinaa irraa gara Ispeenitti godaaneetti, Enrikeen hawaasa godaantota naannoo sanaa keessa jiran kaan waliin kan wal qunnamu yoo ta'u, kunuunsaa fi odeeffannoo maaree Jaldeessaa waliin walqabatu argachuuf yeroo yaalan qormaata addaa akka isaan mudatu dubbata.

“Godaantota haala bulchiinsaa furmaata hin qabneef daran rakkisaadha. Sababiin isaas bu’aa dhufuu danda’u waan sodaataniifidha,” jedha.

“Kanaafuu rakkoolee akkasii kana haalli itti furuu dandeenyu xiyyeeffannoo kennuu qabna.”

Godaantota ta'uu wajjin walqabatee loogiin jiru qormaanni namoota maaree jaldeessaan qaban muraasa qofaa kan mudatu miti.

“Ni beekta, bara 80moota keessa Eedsii dhukkuba warra saala walfakkaataati jedhama ture,” jedha Tulunaay. “Kanaaf sababa weerara bara 2022 keessa ka'eetiin kan miidhama, irra caalaansaanii namoota saala walfakkaataa fi kanneen garee dhiirota waliin saalqunnamtii raawwataniidha.

Itti dabaluudhaanis, “Maaree jaldeessaa ykn saalqunnamtiin hin babal’atu,” jedha.

Kanaafuu, ''haala fayyaa kamiyyuu loogii taasisuu dhiisaa. Osoo karaa saalqunnamtiin kan hin dabarre ta'ee, akkasii hin hin gootan ture. Kanaafuu maaloo dhibeewwan karaa saalqunnamtiin daddarboo ta'aniif loogii hin godhinaa.”