Itoophiyaa Naannoo Somaaleetti namni Maaree Jaldeessaan qabamuu shakkame adda baafame

Madda suuraa, Getty Images
Biiroon Fayyaa naannoo Somaalee nama Maaree Jaldeessaa (Mpox)'iin qabamuu hin oolle jechuun shakke adda baafamee akka turu gochuu beeksise.
Mpox yaaddoo fayyaa hawaasaati jedhamuun Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO)n labsameera.
Saamudni nama dhukkuba daddarbaa kanaan qabamuun shakkame kanaa qorannoo dabalataatiif gara Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaatti erguu isaa itti-aanaan itti-gaafatamaa Biiroo Fayyaa N. Somaalee Obbo Mahaammed Ayaanillee BBCtti himaniiru.
Aanga’aan kun akka ibsanitti, namni mallattoon dhibee Mpox irratti mul’ate kun naannicha godina Faafen, aanaa Qabiriibayyaa keessattidha.
Haata’u malee, mallattoon nama kanarratti mul’ate dhibee Mpox ta’uu hanga ammaa akka hin mirkanaa’iin dubbatan.
Naannoo Somaalee keessatti suurri nama mallattoo dhibee Mpox fakkaatu gogaasaarratti madaan argame namoota miidiyaa hawaasaa fayyadamaniin qoqqoodamaa jira.
Biiroon Fayyaa naannoo Somaalees namichi naannichatti dhibee kanaan shakkame nama suurri isaa miidiyaalee hawaasaarratti qoqqoodamaa jiru akka ta’es himaniiru Obbo Mohaammed.
“Suurri nama miidiyaa hawaasaarratti qoqqoodame kanuma namicha shakkame kanaati. Haata’u malee, ammatti garuu [dhibeen kun qoranoon hin mirkanoofne].
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Kanan duras dhikkubni nama lamarratti mallattoon dhibee kana fakkaatu argameera. Haata’u malee, booda qoratamee dhibee biroo ta’e.
''Dhikkuboonni wal fakkaatan waan jiraniif ammatta kanadha jechuun hin dandeenyu. Amma adda akka baafamu gooneerra waan ta’eef mirkanaa’ee booda ilaalla,” jedhan aanga’aan kun.
Itti-aanaan itti-gaafatamaa biiroo kun namni dhibee kanaan qabamuun shakkame tokko akka ta’e ibsanis, Biiroon Fayyaa naannichaa Dilbata darbe ibsa baaseen, “saamuda namoota lamaa gara laaboraatoorii biyyaalessaatti erguu'' beeksisee ture.
Biiroon kun ibsa isaatiin, ogeessonni fayyaa aanaa Qabiriibayyaatti bobbaase namoonni ja’a miseensa maatii tokkoo ta’an torban lama dura naannoo sanatti “Sugurta” jedhamee kan beekamu mallattoon dhibee Maaree (smallpox) argamee akka ture gabaasuu isaanii beeksiseera.
Namoonni torban lama dura mallattoon irratti mul’atee turus dhibee isaanirratti mul’aterraa “fayyuu isaanii” ibsichi eereera.
Haata’u malee, mallattoon akkasii kun namoota lama abbaafi ilma ta’an irratti irra deebiin mul’achuusaa kan ibse Biiroon kun, haalli namoonni kunneen laman keessa jiran “fooyye kan qabu” ta’uu himeera.
Namoonni lamaan dhibee kanarraa hin fayyiin jiran “dabalataan mirkaneeessuuf” jedha gara “laaboraatoorii biyyaalessaatti” ergamuusaa Biiroon kun ibsa baaseen beeksiseera.
BBCn odeeffannoo kana mirkaneeffachuuf gara Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaafi Ministeera Fayyaatti bilbilus deebii hin arganne.
Ministeera Fayyaatti Dr Maqdas Dhaabaa Kamisa torban darbee ALI Hagayya 16, 2016 ibsa dhukkuba kana ilaalchisuun kennaniin, ‘‘hanga ammaatti namni maaree jaldeessaan shakkamees ta’e kan dhukkubichaan qabame akka hinjirre’’ beeksiisanii ture.
Ministeerri Fayyaa dhukkubbichi akka gara Itoophiyaa hin seenne to’achuuf daangaalee biyya ollaa Keeniyaa kan ta’an, keellaawwan seensaafii bahuumsaa naannooleen biyyattii kan akka Somaalee, Oromiyaa fi Kibba Itoophiyaatti argaman irratti hojii ‘‘to’annoofi adda baasuun’’ hojjatamaa jiraachuu beeksisanii ture.
Naannoo Somaaleetti hojiin akkasii hojjatamaa kan jiru keellaawwan bahuumsaafi seensaa ‘‘daangaalee Somaaliilaand, Jibuutiifi Keeniyaa’’ irratti ta’u, Ittigaafatamaan Biiroo Fayyaa Naannoo Somaalee Obbo Mahaammad dubbataniiru.
Namoonni karaa keellawwan kanneenii darban irratti mallattoo shakkisiisaan irratti yoo argame akka adda bahan taasifamuun qorannoon saamudaa akka gaggeeffamu ibsaniiru.
Dhaabbani Fayyaa Addunyaa torban lamaan dura Mpox akka yaaddoo fayyaa hawaasa addunyaatti kan labse yoo ta’u, gosti haaraan dhibee kanaatiis biyyoota bahaa fi gidduugala Afrikaa keessatti saffiisaan babal'chuu erga eegaleen boodadha.
Biyyoota dhukkubni kun keessatti argame keessaa Keeniyaa, Ruwaandaa, Gidduugala Riipablika Afriikaa fi Buruundii kan eergaman yoo ta’u, Dimokiraatik Riipablik Koongoon ammoo Amajjii irraa kaasee namoonni kuma 14 ta’an qabamusaanii mirkanaa’eera.
Biyyattii keessatti namoonni 450 ta’an ammoo sababii dhibee kanaatiin lubbuunsaanii darbeera.
Dhiibeen Maaree Jaldeessaa madaa’u qoonqoo hordofsiisuu kun, nama dhukkubichaan qabame miidhuu ni danda’a. Namoota dhukkuba kanaan qabaman 100 keessaa afur lubbuun darbuu akka danda’u himama.
Maareen Jaldeessaa kun tutuqqaa qaamaa nama dhukkubichaan qabame waliin taasifamuufi karaa quunnamtii saalaatiin daddarba.
Nama dhukkubichaan qabame waliin walitti dhiheenyaan haasa’uu ykn afuurasaatiif saaxilamuun dhukkubichaan qabamuuf ka’umsa ta’utu himame.












