Haleellaa hidhattootni awutoobisii hojjetota warshaa simmintoo Mugar irratti bananiin lubbuun namootaa darbe

Warshaa Simmintoo mugar

Madda suuraa, MUGHER CEMENT FACTORY/FB

Naannoo Oromiyaa Shawaa Lixaatti haleellaa hidhattootni awutoobisii hojjettoota warshaa simmintoo mugar deddebisu irratti bananiin yoo xiqqaate lubbuun namoota lamaa darbuun heddun madaa’an.

BBC’n hojjettoota warshichaa fi jiraattota naannichaa irraa akka adda baasetti haleellichi Wiixata Onkoloolessa 03/2022 ganama sa’a 12:00tti dhaqabe.

Jiraattotnii fi hojjettootni akka jedhanitti haleellicha kan raawwate hidhattoota WBO naannicha socho’anidha.

Haleelchi kan raawwate yeroo awutoobisiin hojjettoota deddebisu hojjettoota fe’ee gara galteen oomisha simminto bahutti geessaa turedha.

Haleellichaan namootni lama du’uun gara 12 tahan ammo madaa’uu himan. Konkolaatichi namoota meeqa fe’ee deemaa akka ture adda baasuu hin dandeenye.

BBC’n haleellicha ilaalchisuun odeeffannoo dabalataa argachuuf itti gaafatamaa Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenya Oromiyaa Kaffaaloo Taffarraa gaafatus dhimma kana irratti odeeffannoo akka hin qabne himan.

 Komishinerri Komishinii Poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaa fi Itti Aanaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenya naannchaa Kolonel Ababaa Garasuu deebisnee akka bilbillu nutti himuun cufan.

Odeeffannoo dabalataaf warshaa simmintoo mugar irraa qulqulleeffachuuf yaallees hin milkoofne.

BBC’n maddeen dhimmichatti dhiyeenya qaban irraa akka adda baasetti hidhattootni daheeffatanii eeggataa turan gommaa konkolaatichaa fi qama isaa bakka adda addaa rasaasaan haleelaniiru.

Imaltootnii fi konkolaatichi haa rukutaman malee konkolaachisaan osoo hin dhaabiin bakka galteen simmintoo bahuun geesiseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

BBC’n hojjettoota warshaa simintoo kanarraa akka hubatetti warshaaleen simintoo naannicha jiran dhakaa oomishaaf galtee tahuufi laayimstoon jedhamu naannoo warshicha irraa kilo meetira muraasa irratti argamu fayyadamu.

Lafti galteen simintoof tahu iddoon itti bahu humnoota nageenya mootummaan eegumsi kan godhamuufi yoo tahu, otoobisiin dhukaasa hidhattoota irraa hafe haleellaan booda charkeedhaan konkolaatee nagaa eegsistoota bira gahuu hojjetaa warshaa fi jiraattonni BBCtti himaniiru.

Hidhataan mootummaan Shanee jechuun waamu WBO’n naannolee itti socho’u keessaa tokko naannoo warshaaleen simintoo bayyee itti argaman Lixa Shawaa aanaa Ada’aa Bargaa fi naanoosaati.

Bara darbe aanaa Ada’aa Bargaatti miseensonni Poolisii Oromiyaa hidhattootaan ajjeefamuun booda, tarkaanfii poolsiin fudhateen namoonni nagaa ajjeefamuu jiraattonni BBCtti himanii turan. Namoonni kanaan du’anis lakkoofsi 21-40 akka gahu jirattonni himaniitu turan.

Kanaan dabalataan jiraattonni miseensota mootummaaf dirqiinis tahe fedhiin tajaajila geejibaa kennan haleellaan irratti raawwatameera.

Lixa Shawaan ala godinaalee Wallaggaa keessatti ji’oota darbanitti haleellaawwan raawwataniin namoonni nagaa dhibbaan lakkaa’aman lubbuun isaanii darbuuf sababa jedhamuun gareen hidhataa kuni himatama.

Gareen kuni garuu haleellaa kana hin raawwanne jechuun haalaa turus. Haleellaa isa har’aa irratti hamma yoonaa waan jedhe hin qabu.