Humnootiin Tigraay naannawa Walloo Kaabaa keessaa baane jedhan

Humnootiin Tigraay naannawa Walloo Kaabaa, kan baatii tokkoo oliif to’atanii turan, gadhiisanii bahuu ibsan.
Komaandiin Jidduugala Tigraay ibsa karaa TV naannichaatiin baaseen, haala qabatamaa waqtaawaa jiru hubannoo keessa galchuun, humna waloo Itoophiyaa fi Ertiraa ‘‘haala amansiisaa ta’een qolachuuf kallattiifi eddo ittisaa irratti jijjirama taasisuun barbaachisaa ta’uun argameera,’’ jedhe.
Tarkaanfii humnootiin Tigraay fudhadhe jedhe kana ilaalchisee gama mootummaa Itoophiyaatiin hanga yoonaatti kan jedhame omtu hin jiru.
Humnootiin Tigraay guyyoota sadan darbaniif naannawa Walloo kaabaatii gadhiisanii bahuu fi loltoonni Tigraay murtee kana hojiirra oolchaa akka turan ibsameera.
Ibsichi dabalunis waraana tokko malee ofiidhuma isaanitiin eddicha gadhiisanii bahuu kaasuun, ‘‘adda Kanaan haleellaan kan banamu yoo ta’e ammo jireenya keenyaaf jecha deebinee seenuu dandenya,’’ jedhe.
Erga gargaarsa namoomaaf jecha waliingalteen dhukaasa dhaabuu taasifame diigamuun waraanni deebi’ee ka’een booda, humni raayyaa ittisa Itoophiyaa dhuma baatii Hagayyaa keessa Qobboo gadhiisee bahuu beeksisee ture.
Yeroo sanattis raayyaan ittisaa ‘dhumaatii ummataa’ hambisuuf jecha magaalaa Qobboo kan Waloo kaabaatti argamtu dhiisee bahu beeksisuun isaa ni yaadatama.
Humnootiin Tigraay gama isaanitiin, ‘‘duula yeroo sanatti haleellaa irratti baname qolachuuf taasiseen’’ eddoowwan kannen qabanne jedhee ture.
Humnootiin Tigraay eddoowwan to’anneerra jedhe tures magaalaa Qobboo dabalatee, Guguwudo, Fokiisaa, Zoobil, Mandafaraa, Roobiiti, Takulaashiifi kanneen fa’i ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waraanicha eegaluudhaaf qaamni kaan isa biraa himataa kan ture yoo ta’u, ibsa humnootiin Tigraay kaleessa galgala kennaniin, ‘‘karaa Qobbootiin haleellaa kan bane ture humna Maqalee to’achuu kaayyeffateedha’’ jedhe.
‘‘Lafa Amaaraa qabachuufis ta’e laficha dirree waraanaa taasisuuf karoora hinqabnu’’ kan jedhe ibsichi, ‘‘jireenya ummataa mirkanneessuuf haleellaa ofiirraa qolachuuf dirqiisiifamne kan itti seeneefi humna waloo dadhabsiisuun gara marii nagaatti fiduufidha’’ jedhe.
Torbanoota darban keessa suuraaleen saatalaayitii irraa kaafaman akka agrsiisaniitti, daangaa Itoophiyaa fi Ertiraa irratti kuufamni looltootaafi meeshaalee waraanaa jiraachu adda baasuu BBCn gabaasuun ni yaadatama.
Akkasumas Ertiraan walaan eeggataa isheetiif waamicha taasisuun Tigraay keessatti haleellaa raawwachun ishee gabaafameera.
Waraanni sababii waliigaltee namootaa qaama lameeniinuu irratti waliigalameen baatiiwwan shaniif dhaabbate ture erga baatii Hagayyaa keessa diigamuun waraanni deebii’e ka’ee as, addawwan garaa garaatiin lolli gaggeeffamaa jiraachutu dhagahama.
Kana hordofes dhaabbileen idil-addunyaa fi biyyoonni qaamooleen wal waraanaa jiran waraana dhaabuun akka gara marii nagaatti deebii’aniif waamicha taasisaa jiru.
Mariin nagaa hoggansa ergamaa addaa Gamtaa Afriikaatiin baatiiwwaniif yaalamaa tures bu’aa osoo hin argamsiisiin waraanichi deebii’e ka’unsaa ni yaadatama.












