Namichi ofii HIV AIDS qabu intalasaa gudeeduun hidhaa waggaa kudhaniin dabame

“Waggaan 10 baay’ee xiqqaata. Ilmoo ofiitii bar kan gudeede. Ani (murtee) sirriidha jedhee hin fudhadhu” jedhan Itti Gaafatamtuu Waajjira Dhimma Dubartootaa, Daa’immaniifi Dargaggootaa Bulchiinsa Magaalaa Keelee kan ta’an Aadde Ribqaa Taayyee.

Yakki kun ALI Bitooteessa bara 2015 Naannoo Kibba Itoophiyaa, Godina Koree, Bulchiinsa Magaalaa Keelee keessatti raawwatame.

Himatamaan yakka kana raawwate Sintaayyoo Katamaa kan jedhamu akka ta’efi, ilmoonsaa yakkicha irratti raawwates daa’ima waggaa 13 akka taate galmeen Abbaa Alangaa hima.

“Namni Obbo Sintaayyoo Katamaa jedhamu ilmoosaa daa’ima waggaa 13 taate waliin osoo jiraatanuu galgala iddoo isheen raftee jirtutti seenuun qunnamtii saalaa irratti raawwachuuf yemmuu jedhutti, mormitee yemmuu ofirraa ittiste.

''Innis doorsisuun, shaashiidhaan afaanshee ukkaamsuun akka isheen hin iyyine gochuun osoo boossuu dirqamaan quunnamtii saalaa irratti raawwate” jechuun BBC’tti himan Naannoo Kibba Itoophiyaatti Itti Gaafatamaa Qajeelcha Haqaa Godina Koree kan ta’an Obbo Fireew Taarikuu.

“Warra ollaatti himatte…”

Daa’imni waggaa 13 abbaa ofiitiin yakki dirqisiisanii gudeeduu irratti raawwatame yakkichi irratti erga raawwatamee booda warra ollaatti ture kan himatte.

“Guyyaa Jimaataa ishee gudeedee gaafa Sanbata Duraa wayita dhukkubbiin itti dhagahamu ture kan warra ollaatti himatte. Namoonni eeruu kana argatanis nuuf bilbilanii gara hospitaalaa ishee geessine,” jedhan Aadde Ribqaa Taayyee.

“Qorannoon taasifame tokkoffaa gudeedamuushee agarsiisa. Lammaffaammoo dhiigashee keessa HIV’n akka jiru nutti himan. Sana booda gara himataatti qajeelle” jedhan.

Adeemsa himataarratti bu’aa bahiin heddu akka ture kan himan Aadde Ribqaan, himannicha danquufii miidhamtuun jechashee akka jijjiirtu maatiirraa dhiibbaan irratti taasifamuu himan.

Obboleettiin himatamaa (adaadaan miidhamtuu) miidhamtuun jechashee akka jijjiirtufi “nan gudeedne, birrii fudhadheen na reebe” jechuun jecha akka kennitu dhiibbaa gochaa turuus himan.

Adeemsa seeraa ture…

Dhimmichi Qajeelcha Haqaa Godina Koree erga gahee booda Abbootiin Alangaa godinichaa, himatamaa Sintaayyoo Katamaa Seera Yakkaa Itoophiyaa bara 1996 bahe Keewwata 620/2 A fi B jalatti Mana Murtii Olaanaa Godina Koreetti himatan.

Abbootiin Alangaa godinichaa ragaalee namootaafi mana yaalaa kan dhiyeeffatan yemmuu ta’u, himatamaan garuu ragaa ittisaa dhiyeeffachuu hin dandeenye.

Gama biraatiin immoo himatamaan vaayirasiin HIV dhiigasaa keessa kan argamu ta’uusaafi kana dura galmee yakkaa kan hinqabne ta’uusaa Manni Murtiitti himachuun dhimmoonni lamaan akka yaadawwan adabbii salphisanitti fudhatamuusaanii Obbo Fireew Taarikuu himaniiru.

Manni Murtichaas dhaddacha ALI Amajjii 16 bara 2016 ooleen himatamaa Sintaayyoo Katamaa irratti adabbii hidhaa cimaa waggaa 10 murteesse.

Murtee muufii uume…

Murteen hidhaa waggaa 10 himatamaa Sintaayyoo Katamaa irratti murtaa’e ‘ni xiqqaata’ jechuun fayyadamtoonni marsaalee hawaasaa muufii qaban ibsachaa jiru.

Fayyadamtoota miidiyaalee hawaasaan cinatti murtichatti gammadoo akka hintaane kan himan Itti Gaafatamtuu Waajjira Dhimma Dubartootaa, Daa’immaniifii Dargaggootaa Bulchiinsa Magaalaa Keelee kan ta’an Aadde Ribqaa Taayyeeti.

“Waggaan 10 baay’ee xiqqaata. Ilmoo ofiitiim bar kan gudeede. Ani (murtee) sirriidha jedhee hin fudhadhu. Oliyyannoos ni gaafanna. Haa ta’u malee haala qabatamaa amma jiruun xinsammuu daa’imattii wal’aanaa jirra” jedhan.

“Oliyannoo akka hin gaafanneefillee gufuu kan natti ta’e manaa ari’amuusheeti. Loogamtee jirti, ari’amtee jirti, qoricha fudhachaa jirti. Kanaaf gara ishee kunuunsuuttin seene” kan jedhan Aadde Ribqaan “Garuu gurra hawaasaa bira gahuunsaa anaaf waan guddaadha. Fulduraaf gochaaleen akkanaa akka hin raawwatamneef kaan ni barsiisa amantaa jedhun qaba,” jedhan.

Gama biraatiin yaadawwan ‘murteen kanname ni xiqqaata’ jechuun dhiyaachaa jiran ilaalchisee kan gaafanne Obbo Fireew, “oliyyannoo ilaalchisee Abbootiin Alangaa murteen kenname gahaadhamoo miti kan jedhurratti mari’achaa jiru. Yemmuu itti amananitti oliyyannoo kan gaafatan ta’a,” jedhan.

Seerri yakkaa yakkichi hidhaa cimaa waggaa shanii hanga 15 kan adabsisu akka ta’e akka himu kan dubbatan Obbo Fireew, “hidhaan cimaa waggaa kudhanii hagas mara xiqqaa kan jedhamu miti. Yakki raawwatame ulfaataa ta’us murteen kenname barsiisaadha” jedhan.

Dhimma dhibee HIV Eedsii…

Abbaan ilmoo ofiirratti yakka dirqisiisanii gudeeduu raawwachuun dhibee HIV Eedsii akka itti dabarse namoonni toorawwan miidiyaalee hawaasaarratti odeeffannoo qoodaa turaniiru.

Haata’u malee ragaan mana yaalaa daa’imni kun yakkichi irratti raawwatamuun durallee qoricha farra dhibee HIV Eedsii fudhachaa akka turte akka agarsiisu Obbo Fireew himu.

“Ragaan mana yaalaa kan agarsiisu isa durallee (yakkichi osoo irratti hin raawwatamin dura) vaayirasiin HIV dhiigashee keessa akka jiru agarsiisa. Qorichas fudhachaa akka turte ragaan mana yaalaa ni hima” jedhan.

Aadde Ribqaan immoo gama isaaniitiin yakkichi irratti raawwatamuun dura daa’imni tun qoricha farra HIV fudhachaa turuushee odeeffannoo akka hinqabne himu.

“Tarii haala qabatamaa naannoorraa ka’uun qorichicha dhoksaadhaan fudhachaa turtee jirti ta’uu danda’a. Garuu ifatti nutti hin himne,” jedhan.

Miidhamtuu kanarratti loogiin raawwatamaa jiraachuu kan himan Aadde Ribqaan, ammatti gargaarsa dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaarraa argataniin mana kireeffachuun ishee tursiisaa jiraachuu himan.

Keessattuu dhaabbanni miti mootummaa ‘World Vision’ jedhamu haalaan isaan cinaa dhaabbachuu dubbataniiru.

Daa’imni tun nyaataaf dhugaatiin dabalataan tajaajila gorsa xinsammuu argachuu akka qabdu himuunis, “wantoota baay’eetu ishee barbaachisa. Akka magaala keenyaatti giddugala tursiisaas hinqabnu” jechuun qaamoleen gargaarsa gochuu dada’an harka akka itti hiixatan gaafataniiru.

Iddoo tursiisa miidhamtoota akkanaa naannoo sanatti kan hinjirre ta’uunsaa rakkoo ta’uu kan himan Obbo Fireew Taarikuus, qaamoleen dhimmisaa ilaallatufi dhaabbileen gargaarsaa gama kanaan deeggarsa akka taasisan gaafataniiru.