'Baaleen Itoophiyaaf baddaa eegee, Itoophiyaan Baaleef daandii hin hojjettu taanaan baayyee rakkisaadha'

Madda suuraa, Abiy Ahmed fi Getty Images
Ergamaa Addaa AU kan Gaanfa Afrikaa waliin Godina Baalee kan daawwatan Ministirri Muummee Abiy Ahimad, naannichi bu'ura misoomaarraa dagatamee turuun isaa gaaffii akka itti uume dubbatan.
Qabeenya uumamaa, misooma qonnaafi hawwata tuurizimii godina Baalee ergamaa addaa Gaanfa Afrikaa Oluseeguun Obasaanjoo waliin kan daawwatan MM Abiy, ''Baaleen adda'' jechuun dinqisiifatan.
Paarkii biyyoolessaa Gaarren Baalee, misooma qonnaa fi Holqa Soofumar fa'a daawwachuu isaanii addatti Oromiyaa Biroodkaastiin Neetwoorkitti -OBN kan himan MM Abiy, waan arganiin 'gammachuufi aariin' akka itti dhagaahame himan.
''Hanga ammaa bakka midhagaa akkasii argine akkamitti misoomsuu dadhabne kan jedhu baayyee nama aarsa. na dhukkubaas oole. Garuu ammoo abdii natti horee jira.''
''Baalee durumaanuu nan jaaladha'' kan jedhan MM Abiy, ''Soofumar garuu adda,'' jedhan.
''Soofumar misoomnaan biyyi kun galii guddaa irraa argatti. Seenaan keenyas ni baha, warri nu tuffatanis enyummaa keenya hubachuu danda'u,'' jechuun naannicha misoomsuuf xiyyeeffannaa akka kennan dubbatan.
Waraana waliinii Itoophiyaa karaa nagaa xumuruuf hooggantoota TPLF waliin Tigraayitti irra deddeebiin marii gaggeessaa kan turan Obasaanjoon gama isaaniin, daawwannaa isaanii godina Baaleetti gammaduufi ajandaa waraanaa cufanii misoomatti deebi'uun akka barbaachisu himan.
Holqa Sofumar wayita daawwatan ammoo naannichi hawwata tuuristii dinqisiisaa ta'uu himanii, akka misoomu gahee isaanii bahuuf doolaara 10,000 akka arjooman himan.

Madda suuraa, Abiy Ahimad
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Israa'elitti namootni miiliyoonaan lakkaawwaman Iyyarusaaleemin daawwatu, dhugaa dubbachuuf hanga Soofumar hin gahu. Biyya Tarkiittis akkasuma wanti daawwatamu jira. Addunyaa guutuutti hanga ammaa waanin arge keessaa kan akka Soofumar argee hin beeku,'' jedhan MM Abiy.
''Soofumar Baaleef nadaajiidha. Baleef Sofumar Warqeedha. Oromoof seenaa eenyummaa isaati. Itoophiyaaf qabeenya guddaadha. Afrikaaf fakkii addaati'' jedhanii, ''maaliif Soofumar gatamee hafe kan jedhu naa hin galu badaa,'' jedhan.
''Soofumariin misoomsuun Baaleef miti uummata Afrikaa kan boonsudha,'' jechuun naannicha misoomsuuf kaka'umsa guddaa qaban ibsaniiru.
MM Abiy haroo Wancii dabalatee naannoo Uummattoota Kibbaa fi Amaaraa keessatti hojiilee hawwattummaa qaban misoomsuuf piroojektoota gurguddoo gaggeessaa jiru.
Uummatni Oromoof lammiileen biyyattii akkasumas ogeeyyiin bakka kana akka daawwatan gaafataniiru.
Hamma dandeenyu misoomsuu qabna kan jedhan MM Abiy, ''Baaleen baddaa kana Itoophiyaaf tiksee eegee, Itoophiyaan Baaleef daandii ijaaruu hin dandeessu taanaan baayyee rakkisaadha'' jedhan.

Madda suuraa, Abiy Ahimed
Daandii dabalatee hanqinni misooma bu'uraa hedduun naannicha keessa jiraachuu himanii ''hojii hojjenneerra jennee dubbachuu hin dandeenyu,'' jedhan.
Keessummoonni waliin dhufan lafti qonnaaf mijataan, hawwataan akkasii jira jedhanii yaadanii hin beekani jedhanii ''Baaleen Itoophiyaa jijjiiruu waan danda'uuf tokkummaan hojjeechuu qabna,'' jedhan.
Itti dabaluunis ''rakkoon keenya inni guddaan hojii dhalootaaf ta'u hojjechuu, yaaduu dhiifneeti ajandaa gatii hin qabne irratti yeroo balleessina,'' jedhan.
Leenca gurraacha lafa qotamee hin dhumne, bishaan bayyee naannichi qabu eeranii ''amma gaaffiin maal taaneedha? Oromoon maal ta'e maa dubbii dhiisnee hin misoomsinu?'' jedhan.
Dawwannaa isaanii kanaa booda misooma naannichaa irratti waa yaadaa akka jijjiiran himanii ''eenyuyyuu yoo wace badhaadhina wanti dhaabu hin jiru,'' jedhaniiru.












