Dorgomaan buunyaa Itoophiyaa dorgommii Olompikii Paaris keessaa baafame

Atileet Fiqiramaariyaam Yaadasaa Shaampiyoonaa Buunyaa Afrikaa Fulbaana keessa Senegaal dorgomameerratti 57kg'n lammaffaa bahe

Madda suuraa, EBC

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Fiqiramaariyaam Yaadasaa Shaampiyoonaa Buunyaa Afrikaa Fulbaana keessa Senegaal dorgomameerratti 57kg'n lammaffaa bahe

Itoophiyaa bakka bu’uun gosa ispoortii buunyaan kan dorgomu Fiqramaariyaam Yaadasaa Lataa dorgommii buunyaa Olompikii keessaa baafamuu qindeessitoonni beeksisan.

Atileetin ulfaatina 57kg dorgomuufi ga’umsa gaarii agarsiisaa ture Olompikii Paarisitti ramaddii dorgomtootaaf Kamisa bahe keessaa akka baafamu ta’eera.

Sababni isaas ragaa barbaachisu gareen Itoophiyaa dhiheessuu waan hin dandeenyeef jedheera qopheessitoonni Olompikii Paaris ibsa baasaniin.

''Gareen Itoophiyaa hirmaannaa Fiqiramaariyaam Yaadesaa Lataa ilaalchisee ragaawwan dorgommii bunyaarratti akka hirmaatuf barbaachisan dhiheessuu hin dandeenye.

''Sababa kanaaf, dorgomaan buunyaa kuni dorgommiirratti hirmaachuu hin danda’u,'' jedheera ibsi bahe.

Fiqramaariyaam akka Olompikiirratti buunyaan dorgomu marsariitii Olompikii Paaris tarree dorgomtoota buunyaa jalatti maqaan isaa torban dura mul'atee ture.

Dorgomaan kuni biyya Awurooppaatti koolu-galtummaa gaafatu osoo gabaafamaa jiruuti Koreen Olompikii Itoophiyaa Itoophiyaan buunyaan akka hirmaattu kan ibse.

Erga qindeessitoonni Olompikii Paaris waa'ee lammii Itoophiyaa kana ibsa baasan booda Koreen Olompikii Itoophiyaa addatti waan jedhe hin qabu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Atileetiin ganna 26 dorgomtoota Itoophiyaa shan biroo waliin ta’un Olompikii Paaris 2024 irratti hirmaachuuf morkataa ture.

Fiqiramaariyaam Shaampiyoonshippii Buunyaa Afrikaa Fulbaana keessa Senegaal, Magaalaa Daakaaritti dorgomameerratti ga'umsa abdii namatti horu agarsiise.

Taphoota shan dorgomaan kuni dorgome keessaa afran isaanii jechuunis dorgomaa Keeniyaa, Liibiyaa, Mozaambik fi Aljeeriyaa mo’ateera.

Shaampiyoonaan Seenegaalitti taasifame Olompikiirratti hirmaachuuf akka calalliittis ilaalama ture.

Walakkaa maayiirratti dorgomaa Aljeeriyaa Hichaam Maawuchee jedhamu qabxii bal'aan injifachuun xumuraaf darbe.

Xumurarratti garuu dorgomaa Naayijeriyaa Joshuwaa Omoleen mo’ame. Kanaanis, kallattiin carraan Olompikiirratti hirmaachuu dhibee ture.

Haa ta’u malee, dorgomaan Naayijeeriyaa miidhamaan dorgommii keessaa bahun isaa gabaafame.

Kana hordofee Koreen Olompikii Idil-addunyaa kootaadhaan akka dorgomu waamicha taasiseef.

Haa ta’u malee, dorgomaan Itoophiyaa kuni qabxii Olompikarratti hirmaachuuf isa barbaachisu guuttachuuf dorgomtoota kaan waliin gara Xaaliyaanii imalee ture.

Booda kana BBC’n akka odeeffateetti Fiqramaariyaam biyya Ingiliziitti koolu-galtummaa gaafateera.

Gaazexeessaan dhimmicha itti dhiheenyaan beeku durumaa ‘’waan ta’u hin dandeenye’’ ture jedheera waa'ee hirmaannaa isaa yoo ibsu.

Ibsa qopheessitoonni Olompikii Paaris baasaniin gareen Itoophiyaa ragaa barbaachisu hin guunne jedhaniiru

Madda suuraa, Paris Olympic

Ibsa waa'ee suuraa, Ibsa qopheessitoonni Olompikii Paaris baasaniin gareen Itoophiyaa waa'ee Fiqiramaariyaam ragaa barbaachisu hin guunne jedhaniiru

Osoo kanaan jiruu jalqaba torban kanaa sirna gaggeessaa Garee Olompikii Itoophiyaaf Masaraa Mootummaa Itoophiyaatti taasifameerratti Itoophiyaan buunyaanis akka dorgomtu ibsame.

Pirezidantiin Koree Olompikii Itoophiyaa Dr Ashabbir W/Giyoorgis Itoophiyaan Olompikii Paaris irratti atileetiksii, daakkii bishaaniifi buunyaan akka dorgomtu ibsanii turan.

Jilli Itoophiyaa Olompikii Paaris guyyaa har’aa eegaluurratti hirmaatu jala jalaan gara Paaris imaluu eegaleera.