“Mootii bishkileetii Afrikaa” kan jedhamu Biniyaam Girmaay warraaqsa addaa uumaa jira

Madda suuraa, Getty Images
Ho’a cimaa nama ukkaamsuufi aduu Siwiiz nama waadu keessatti, Biniyaam Girmaay marii bishkileetiiisaarra hirree isaan hirkatee, miilla isaa mirgaa ammoo faannoorra ejjetee gaaffiifi deebii taasisa.
Biniyaam miira injifannootiin mul’ata.
Isa qofaa miti, bishkileetiin isaa Paawondii kuma 15 baasu inni bilinjaasisus (oofu) sarara xumuraa irra ce’eera.
Saaykilistoota 534 tarree saaykilistoota pirofeeshinaalaa idil-addunyaa keessa jiran 6 gurraachota Afrikaa irraati. Isaan keessaa tokko ammoo nama lammii Ertiraa Biniyaam Girmaay.
Biniyaam kan adda isa taasisu kennaa isaati. Saaykilistoota Afrikaa jiru jedhaman keessaa tokkodha. Bara darbe dorgommiiwwan lama irratti Afrikaarraa jalqaba ta’uun seenaa hojjeteera.
Dorgommii inni jalqabaa Gent-Wevelgem ture. Dorgommii guyyaa tokkooti. Biniyaam Kiristoofer Laappaart of duubaan aansee galuudhaan seenaa dorgomichaa keessatti gurraacha Afrikaa yeroo jalqabaatiif mo’ate ta’e.
Itti aansuun ammoo dorgommii bishkileetiitti guddinaan isa lammafaati kan jedhamu gara ‘the Giro d’Italia’ deemuun ‘stage’ injifachuun alaabaa ol kaasuun mirmirseera.
Dorgommiiwwan bishikileetii baayyeen guyyootaaf kan gaggeeffamanidha. Dogommii bishikileetii keessatti ‘satage’ jechuun guyyaa isaa kan agarsiisudha. Fakkeenyaaf, dorgommiin jalqabamee guyyaa lamaffaarratti saakilistiin mo’ate injifataa ‘stage 2’ jedhama.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Goota dorgommii bishikileetii Afrikaa umuriin isaa wagga 23 ta’e Biniyaam, Tour de France irratti hirmaachuudhaaf boqonnaa jalqabaarratti hiriireera.
Kun ammoo dorgommii bishikileetii addunyaa guddicha Tour de France’tiif kaka’umsa ta’aaf.
Binyaam dorgommii Tour de France irratti ‘Stage’ yoo mo’ate, guutummaa Afrikaatiif seenaa galmeesse jechuudha.
Biniyaam bishikileetii isaa yeroo bilinjaasisu ilaalaanii haalaan nama hawwata, hamilee namatti hora.
Saakilistiin qaxalee lammii Ertiraa kun Tour de Swisse irratti ‘Sage’ jalqabaa [guyyaa jalqabaa] erga mo’atee booda “saayikilistiin Afrikaa Tour de France osoo injifatee nuuf injifannoo guddaadha… maal akkan jedhu hin beeku,” jedha. France
Tour de Swisse ‘satge’ jalqabaa mo‘atee yeroo galetti ijoolleen biyyasaa alaabaa Ertiraatiin itti marsuun hammachuun simataniiru.
Namoonni hedduun injifannoon Binyaam ispoortii saakilistoota warra adiitiin dhuunfatame hundaaf akka banamu taasisa amantaa jedhu qabu.
Seenaan bishikileetii ardiiAfrikaas jijjiiramuu danda’a. Afrikaan dorgomtoota qofa osoo hin taane warra mo’atanis baasuu ni dandeessi.
Biniyaam garee Beeljiyeem Antermaarshee Saakars Waantii jedhamuuf dorgoma. Gareen kun kampaanota Firaansiifi Beeljiyeemiin deeggarama.
Biniyaam malee saakilistoonni pirofeeshinaal ta’an ijoolleen biyyasaa afur jiru.
Kan biraan ammoo garee Jeeyikoo Alulaaf kan dorgomu lammii Itoophiyaa Wallaay Hagoos Bariheedha.
Tour de France bara 2023 irratti garuu gur’aacha Aafrikaa irraa kan hirmaatu Binyaam qofaadha.
Warra filataman keessaa ammas filatamanii kan itti hirmaatan dorgommii Tour de France seenaa jijjiruuf ka’eera Biniyaam.
Biniyam dorgommii Tour de France bara kanaa irratti humna hangamii akka qabu agarsiisaa jira.

Madda suuraa, Getty Images
Dorgommii guyyaa torbaffaatiin [‘Satage 7’] irratti Filiipsaniifi Kaaveendishitti aanee sadaffaa ta’uun dorgomaa abdiin eegamu akka ta’e agarsiiseera.
Biniyaam amma jiraachaa kan jiru Ertiraa keessadha. Magaalaa guddoo Ertiraa Asmaraa keessa. Magaalaa milli bishkileetii hoofuu hin nuffine keessa jechuudha.
“Bishkiliitii hoofuun dhiiga keenya keessa jira, jedha Biniyam. “Yeroo jalqabaa yoom akkan bishkileetii oofuu jalqabe hin yaadadhu. Ababiin isaa ammoo daa’ima xiqqoon ture.”
Binyaam Girmaay ijoollee ol adeemaa ta’ee yeroo jirutti Asmaraa keessatti Inteneet Kaaffee fayyadamuuf yeroo deddeebiyutti bishkileetii oofuu baayyisa ture. Itti aansuunammoo dorgommiiwanmagaalattii keessatti gaggeeffaman keessatti hirmaachuutti ka’e. Yeroo kanatti ture ija warra dandeettii qaban calalanii fudhatan keessa kan gale.
Biniyaam sadarkaa amma irra jiru kanarra gahuudhaaf waan baayyee keessa darbeera.
Amma garuu Tuurii addunyaa mo’achuu danda’eera.
Akka warri isa beekan jedhanitti, yeroo hunda gammachuun fuula isaarraa hin dhibu. Waan hundaaf deebiin isaa kolfuudha. Jireenya kolfaanidha kan mo’atu.












