Osoo gaaffii hin gaafatiin namatti dhukaasuu akka dandeessuuf seerri siif hayyamaa?

Raalf Yaarl

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Raalf Yaarl si'a lama rasaasaan rukutams, lubbuun ooleera

Dhiyeenya US keessatti namoonni nagaa lama erga rasaasaan rukutamanii ajjeefamanii booda seera “of eeguu” jedhamu irratti marii dubbiin ka'aa jira.

Torban darbe keessa umurii ganna 16 kan ta’e Raalf Yaarl erga balbala manaa dogoggoraa rurukkutee booda si’a lama rasaasaan dhahame.

Shamarreen ganna 20 Kaatlin Gilis jedhamtu ammoodaandii dhuunfaa keessa dogoggoraan seentee rasaasaan rukutamtee ajjeefamteetti.

Taateen kun US keessatti mirga namootni ofiifi qabeenya isaanii eeggachuu qabu jedhuufi yeroo namoonni of eeguuf jecha humna cimaa fayyadaman irratti gaaffii kaaseera.

Deebiin kanaa bakka jiraattu irratti hundaa’a.

Seerri 'of eeguu' maalidha?

Seerri of eeguu sadarkaa bulchiinsaatti kan kaa’amu yoo ta’u, hedduun isaanii namoonni miidhaa ykn du’a ofirraa ittisuuf humna cimaa (kan du’a geessisu) dabalatee, humna akka fayyadaman ni eeyyama.

Seerri of eeguu “castle doctrine” jedhamu, yeroo namni tokko mana isaanii ykn bakka jiraatan balaarra eeguuf “itti gaafatamummaa fudhachuu qabanidha".

Itti-gaafatamummaan baqachuu ykn yoo danda’ame waldhabdee irraa of faggeessuun, seera of eeguu hedduu keessaa baafameera. Kun qeeqtotaan maqaa seera “jalqaba dhukaasi” jedhamuun akka wamaamu taasiseera.

Seerri kun heera bulchiinsota US keessatti mul’achuu kan eegale, wiixineen hima “namni mirga of eeguu qaba,” jedhu bulchiinsa Filooridaa keessatti bara 2005 ba’ee boodadha.

Yeroo himatamtoonni gocha isaaniif falmii seera of eeguu fayyadaman, yeroo hedduu dhimmichi namni kun humni isaan fayyadaman dorsiisa ykn yaddoo irra ga’e waliin waan wal gitudha kan jedhutu ilaalama.

Akka Yunivarsitiin Korneel jedhutti, seerotni tokko tokko “humna du’a geessisu,” kan jedhuuf hiika humna nama irratti du’a ykn miidhaa qaamaa cimaa gessisu jedhu kennuf.

Bulchiinsota US meeqatu seera 'of eeguu' qaba?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Seerootni of eeguu adda adda bulchiinsota 28 keessatti hojiirra jiru – kun bulchiinsa Raalf Yaarl itti rasaasaan rukutame Misuurii fi Porte Rikoo ni dabalata.

Bulchiinsoti seerri kun hojiirra oole keessa gariin isaan kanadha: Alabaamaa, Alaaskaa, Arizoonaa, Filoorida, Joorjiyaa, Aaydahoo, Indiyaanaa, Ayoowaa, Kaansas, Kantakoo, Luwiiziyaanaa, Mishigaan, Misissippii, Mizuurii, Montaanaa, Nevaadaa, Niw Hamsheer, Karolaayinaa Kaabaa, Dakootaa Kaabaa, Ohaayoo, Oklohomaa, Pensalveeniyaa, Karoolaayinaa Kibbaa, Dakootaa Kibaa, Tenesii, Teeksaas, Yutaah fi Vargiiniyaa Lixaa Wayooming.

Bulchiinsota kunneen keessatti, nama haleellaa raawwaturraa dheessuun ykn duubatti deebiyuuf itti gaafatamummaan hin jiru.

Miszuurii keessatti, namni tokko bakka qabeenya dhuunfaa isaanii keessa itti gaafatamummaa haleellarra baqachuu hin qabamu. Raalf Yaarliin rasaasaan rukutuu isaan walqabatee maanguddoon ganna 84, yakka haleellaa fi yakka meeshaa waraanaan himatameera.

Bulchiinsota saddeet biroo – Kaliforniyaa, Koloraado, Ilenooyis, Niw Meeksikoo, Origan, Barjiiniyaa, Vermoont fi Waashington – keessatti miidhaa ofirra ittisuuf humna du’a geessisu danda’u fayyadamuun ni eeyyamama.

Bulchiinsi Niw Yoork, bakka shamarreen Gilis itti ajjeefamte, seera mirga of eeguu hin qabu, itti gaafatamummaa lubbuu balleessuurraa baqachuu ykn duuba deebiyuu hojiirra oolcha.

Ta’us seerri bulchiinsichaa haala tokko tokko keessatti ilaacha ‘castle doctrine’ hojiirra ni olcha. Du’a Aadde Gilisiin wal qabate namni tokko yakka ajjeechaan himatameera.

Miidhaa seerota of eeguu

Akka ragaaleen mul’isanitti bulchiinsota seera of eeguu qaban keessatti, yakki ajjeechaa %10 oliin ol ka’eera.

Yunivarsitii Chikaagootti hogganaa Wiirtuu eegumsa hawaasaa fi haqaa kan ta’e Joon Romaan, yakkoota sababa seera of eeguun uumaman 53,019 irratti qorannoo gaggeesseera.

Seerri kun “hokkora leellisa” jechuun BBC’tti himeera.

“Namootni eegumsa dabalataa kan qaban itti fakkata, eegumsa akka isaan dhukaasa bananan taasisu, utuu eegumsa kana qabna jedhani hin yaadan ta’e dhukaasa hin banani,” jedha.

Dabaluunis sirna haqa yakkaa US keessatti ‘haala nama gaddisiisuun’ adda addummaa sanyummaa uuma jedha.

Qorannoon kun akka mul’isutti, yeroo kan dhukaasa bane nama adii ta’e kan miidhame nama gurracha ta’u, carraan gochi isaa itti fudhatama argatu kan yeroo namni dhukaasa bane gurracha kan miidhame adii ta’urra harka 10’n caala.

Seera of eeguu fayyadamuun ajjechaa namni adii nama guaracha irratti rawwaatu keessaa %11.4 akka waan sirritti yemmuu fudhatamu, ajjechaa namni gurrachi nama adii irratti raawwatu keessa garuu %1.2 qofaatu fudhatama argata.

Taatewwan bebbeekamo seera of eeguun walqabatan

Bara 2012 irratti ajjeechaan dargaggeessa umurii ganna 17 Tireeyvon Maartin, ilaalcha seera of eeguu duuba jiru irratti guutummaa biyyattitti mataduree xiyyeeffannoo argate uumee ture.

Abukaatoon namicha ganna 29 Joorgi Zimarmaan, humna du’a geessisu fayyadamuun isaa seera of eguu jalatti fudhatama akka qabu himaniiru. Joorji himata yakkaa hundarraa bilisa jedhameera.

Dhimmi kun magaalota Saan Firaansiskoo, Filedaalfiyaa, Chikaagoo, Waashingitan DC fi Atlaantaa keessatti hiriirri mormii guddaa akka gaggeeffamu taasiseera.

Taatee biraan dargaggeessi guraachi ganna 25, Ahmuuf Arberii, utuu safara Jorjiyaa tokko keessa ispoortiif fiigaa jiru namoota adii sadiin rasaasaan rukutamee ajjeefameera. Namootni kunneen gochi isaanii seera of eeguu jalatti fudhatama qaba jedhanii falmuuf yaalanii turani. Ta’us, hin milkaa’in hafanii sadanuu yakka ajjechaa fi biroon himatamaniiru.