Hojjetaan baankii US dhukaasa baneen waayiloota isaa shan ajjeese

Dhukaasa Kantakii

US bulchiinsa Kantakii, Luwiisviil keessatti hojjetaan baankii tokko bakka hojii isaatti dhukaasa baneen lubbuu namoota shanii galaafateera.

Hidhataan kun haleellaa gaggeesse kana kalllattiin Instagram irratti tamsaasaa akka tures poolisiin himeera.

Namootni lubbuun isaanii darbe kunneen umurii ganna 40 fi 64 gidduutti argamu. Namoota haleellaa kanaan miidhaman keessaa tokko qondaala poolisii haaraa torban lama dura hojii eegaledha.

Qondaalli poolisii kun mataa isaarra rasaasaan rukutamee booda wal’aansi sammuu baqaqsanii hodhuu kennameefii, ammayyuu haala yaaddessaa keessa jira.

Poolisiin dhuukasi banamuu odeeffannoo argatee daqiiqaa sadii keessatti deebii kennuun, dhukaasa booda hidhaata kana ajjeessaniiru.

Haleellaan kun kan taasifame Baankii Biyyaleessaa Old jedhamu wiirtuu magaalatti keessatti argamutti, akka biyyattiiti ganama naannaa sa’aatii 02:30’tti dha.

Kaaleb Guudlet akka miidiyaalee naannichati himeen, hojjettuu baankichaa kan taate haadhi warraa isaa yeroo haleellaan kun eegalametti kutaa kuusaa maallaqaa keessatti ofitti cuftee dhokattee turte.

Namootni ijaan argan biroon, poolisii fi hidhaataa kana gidduutti dhukaasa gaggeeffame arguu isaanii himaniiru.

Bulchaan Kantakii, Andii Bisheer akka himetti, “hiriyyaa isaa gaarii” fi itti-aanaa hogganaa baankicha kan ture, Toomii Eliyeet namoota haleellaa kanaan ajjeefaman keessa tokkodha.

“Toomii Eliyeet hojii seeraa koo ijaaruu irratti na gargaareera, akkan bulchaa ta’uuf na gargaareera, akkamiin akkan abbaa gaarii ta’u irratti ana goorseera,” jedha Obbo Bisheer.

Namootni haleellaa kanaan lubbuun isaanii darbe adda baafamaniiru:

  • Toomaas Elliyeet, 63
  • Jeemsi0 Tuut, 64
  • Joshuwaa Baarik, 40
  • Juliyaanaa Faarmar, 45
  • Diyaanaa Eekaart, 57
Qondala poolisii Nikoolas Wiilti

Madda suuraa, TWITTER/ @LMPD

Ibsa waa'ee suuraa, Qondaalli poolisi Nikoolas Wiilti (gidduu) torban lama dura eebbifame
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qondaalli poolisii mataarra rasaasaan rukutame, dargaggeessa ganna 26, Nikolaas Wiilti jedhamudha.

Shakkamaan haleellaa kana gaggeesse dargaggeessa umurii ganna 25 Koonar Isturjiin jedhamuu yoo ta’u, haleellaa kanaaf qawwee gariin atoomaatikii gosa AR-15 ta’e fayyadamuu fi haleellaa kana kalllattii interneeta irratti tamsaasuu isaa poolisiin himeera.

“Haleellaan kun viidiyoon waraabamee interneeta irra jiraachuu isaa baruun baayyee nama gaddisiisa,” jechuun hoogganaan poolisii Jaakliin Giwiin-Vilaroyeel ibsaniiru.

Abbaa qabeenyaa Instagram kan ta’e Meta, “vidiyoo haleellaa kanaa kallattiin tatamsa’aa ture hatattamaan haqeera,” jechuun ibseera.

Hidhataan kun hojjetaa baankii kanaa ta‘ee kan qacarame wagga tokko dura ture.

Hojjetaan kun akka hojiirraa ari’amuu malu baankichi dhiyeenya itti himee tureefi Wiixata hojii seenuu isaa dura dhukaasa banuuf karoorfachuu isaa waraqaa irratti barreessee akka ture miidiyaaleen US gabaasaniiru.

Odeeffannoon Kuusaa Haleellaa Meeshaa Waraanaa (Gun Violence Archive) walitti qabame akka mul’isutti, haleellaan jumlaa meeshaa waraanaa – yoo xiqqaate kan namootni afur ittiin miidhaman- US keessatti bara 2023’tti yoo xiqqaate 146 ta’an gaggeefamaniiru.

Pirezdaantiin US, Joo Baayden, Wiixaa Tiwiitara gubbatti ergaa barreesseen, kongiresiin biyyatti seeraa to’annoo meeshaa waraanaa akka baasaniif gaafachuun, “lammileen US hedduun sababa murtee dhabuu kanaan lubbuu isaaniin kaffalaa jiru,” jedheera.

Kantakiin bulchiinsota US 26, akka namootni umurii ganna 21 olii meeshaa waraanaa eyyamaa malee akka bitatanii fi akka baataniif eeyyaman keessaa tokkodha.