Dubartiin ganna 78 yeroo sadaffaaf baankii saamte to'atamte

Boonii Gooch

Madda suuraa, PLEASANT HILL MISSOURI POLICE DEPARTMENT

Dubartiin ganna 78 kana dura yeroo lamaaf baankii saamuun himatamtee turte, ammas yeroo sadaffaaf Misuurii, US keessatti baankii saamuun to’annoo jala oolfamuu ishee, poolisiin himeera.

Boonii Gooch, Baankii Daldalaa Goppeet jedhamu seenuun, waraqaa doolaara kumaatama akka itti kennaniif gaafatu hojjettaa baankiitti kennite.

Utuu maallaqa kana saamtee konkolaataa isheen hin baqatiin dura, waraqaa biraa “Galatoomaa. Dhiifama isin naasisuu yaadeen miti,” jedhu itti kenniteetti.

Amma Aadde Booniin, wabiin gadhiifamuuf doolara 25,000 kaffaluu akka qabdu itti himamee hidhaa jirti.

Maaskii gurrachaa, manatsarii (kishaafee) gurraachaa fi gilaavii harkaa uffattee, gaafa Ebla 5 baankii seenuun waraqaa “doolara 13,000 nootii xixxiqqaanin barbaada,” jedhu hojjetaa baankiitti keennuu ishee, ragaan mana murtii eeruun gaazexaan Kansas City Star gabaaseera.

Viidiyoon baankichaa akka mul’isutti, Aadde Booniin yeroo tokkotti aariitiin akka maaallaqicha walitti qabaa jechuun dheekkamtee, minjaala rukutaa turte. Sana booda konkolaataa ishee Buick Enclave ta’e fi mallattoo qaama hir’uu ta’uushee mul’isu qabu keessa seenuun deemte.

Qondaaltonni Buufata Poolisii Pleasant Hill Missouri, waaree booda naannaa sa’aatii 09:20 irratti, baankiin akka samaama jiru odeeffatanii yeroo bakkicha demanitti, utuu Aadde Booniin konkolaataa ishee keessatti maallaqa bittimsitee, kan machoofte fakkattee argachuu isaanii abbaan alangaa ibseera.

Aadde Booniin to’anno jala oolfamtee yakka dhaabbata daldalaa irraa maallaqa hatuu ykn hatuu yaaluun himatamteetti.

“Yeroo jalqaba poolisootni isheetti siqan, burjaajoftee ture… dubartiii dulloomtu xiqqoo tokkotu gadi itti ba’e,” jechuun hogganaan poolisii Toomii Raayit gaazeexaa Kansas City Star’tti himeera.

“Jalqabarratti shakkamaa sirri argachuu keeenya shakkinee turre.”

Ta’us, Aadde Booniin yeroo yakkaan himatamtu kun kan jalqabaa ishee miti.

Kana dura yeroo lama yakkamtuu ta’uun ishee irratti mirkanaa’eera. Inni jalqabaa bara 1977’tti saamichaan, yeroo lammaaffaa ammoo bara 2020’tti baankii saamuun himatamteetti.

Himata saamicha bara 2020’f addabbiin ishee irratti murtaa’e kan xumurame Sadaasa 2021’tti ture.

Obbo Raayit akka jedhutti Aadde Booniin dhukkuba “oggeessa fayyaan adda baafame” hin qabdu, garuu sababa umurii isheetiin, yakka kana akka isheen raawwattuuf tarii rakkoon fayyaa adda hin baafamne jira ta’innaa kan jedhu adda baasuuf poolisiin yaalaa jira.