Namichi dargaggoo dogoggoraan balbalasaa rurrukute rasaasan dhahe himatame

Madda suuraa, KANSAS CITY POLICE DEPARTMENT
Ameerikaa bulchiinsa Mizuurii keessatti jaarsi dargaggoo dogoggoraan manasaa rurrukute rasaasaan dhahe himatame.
Gurbaan ol-adeemaan kun obbolootasaa mana keessa jiran waamuuf jedhee bilbila manaa tuquun namicha kana naasise.
Maanguddoon umrii waggaa 84 Angiriiwu Leestar meeshaa waraanaa hidhachuufi ittiin haleellaa qaqqabsiisuun himati akka irratti banamu Abbaan Alangaa gaafateera.
Namni rasaasaan gurbaa kana rukute lammii Ameerikaa nama adiidha, kan rukutame ammoo guraacha.
Jaarsi kun gurbaa umrii waggaa 16 kana mataafi luqqeettuusaarra rukute.
Ol-adeemaan kun rasaasa lamaan rukutamus lubbuun ooleera.
Abbaan Alangaa haleellaan mudate kun ''jibba sanyummaan'' kan walqabate ta'uu akka hin oolle ibse.
Haata'u malee, jaarsi kun yakka jibba sanyummaan hin himatamne, himata irratti baname keessatti qoollifannaan sabummaafi bifa bu'uura godhate hin eeramne.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Abbaan seeraa bulchiinsa Kileey Zachary Thompson ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, "Ergaan koo hawaasaaf qabu seera kutaa keenyaa akka kabajnu, akkasumas seeraan akka bulluudha," jedhan.
''Eenyummaan namootaa, sanyii isaanii ykn maallaqni isaanii ija seeraa duratti jijjiirama hin fidu," jedhan.
Poolisiin jalqaba Andiriiwu Leestar qoratee gadhiise, kunimmoo magaalattii keessatti mufii cimaa kaase.
Namoonni mana jireenyaa shakkamaa kanaa duratti ba'uun, ''Gurraachonni haleelamaa jiru. Ka'aa, falmadhaa!,'' dhaadannoowwan jedhan dhageessisuun hiriira ba'an.
Mana Andiriiwurraanis miidhaa geessisaniiru.
"Namni tokko balbala waan rukuteef qofa itti dhukaasuun hin danda'amu," jedha abbaan seeraa maatii dargaggeessa kanaa Beeniyaamin Kiraamp.
"Balbala waan rukuteefan itti dhukaase jechuun sababa hin ta'u," jedhe.
Akka maatiin dargaggeessa kanaa jedhanitti, Raalf dogoggoraan mana Andiriiwu rukutee obbolaa isaa lamaan quxisuu mana hiriyaa isaanii irraa galgala sa'aatii 4tti fudhachuuf ture.
Raalf gara daandii 115ffaa Terrace jedhamu deemuuf jedhee daandii 115ffaa deemee dogoggoraan, bilbila balbala namichaa si'a lama bilbile.
Dargaggeessi umrii waggaa 16 kun erga rasaasaan rukutamee booda abbootiin qabeenyaa mana naannoo sanaa jiranis akka isa gargaaran himaniiru.












