UStti namichi daa’ima waggaa 6 kubbaan jalaa dallaasaa waan seeneef rasaasaan rukute

Shakkamaa Roobart Luwiis Singileetarii

Madda suuraa, GASTON COUNTY POLICE DEPARTMENT

Karolaayinaa Kaabaatti poolisiin namicha kubbaan daa'ima waggaa ja'aa jalaa dallaa isaa waan seeneef jecha daa'imaafi abbaa rasaasaan rukutuun shakkame barbaachutti jiru.

Namoonni lama biroonis, dhiiraa fi dubartiin, rasaasaan rukutamanii miidhamaniiru.

Shakkamaan dargaggeessa ganna 24 Roobart Luwiis Singileetarii jedhamu, ammallee hin argamne.

Roobart yakka yaalii ajjechaa afuriin himatamuuf jira.

Dabalataaniis poolisiin shakkamaa kana yakka ajjechaa yaaluuf meeshaa waraanaan midhaa geessisuu lamaa fi yakka shugguxii qabaachuu tokkoon himateera.

Shakkamaan kun kana dura ji'a Muddee keessa burrussan jaalallee isaa dhahee miidhuun himatamuun poolisii biratti ni beekama.

Poolisiin Kaawuntii Gaaston jalqaba odeeffannoo haleellaa kana kan argate gaafa Kibxataa galgala sa’aatii 01:11’tti ture.

Qorattoonni boodarra akka ibsanitti, daa’imni umurii ganna ja’aa fi abbaan ishee guddaa miidhamaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ollaansaanii tokko akka gaazexeessitootti himetti, namichi dhukaasa kan bane erga kubbaan kaachoo daallaa isaa keessa seeneti.

“Kubbaa kaachoo utuu taphachaa jiranii, kubbaan dallaa isaa keessa konkolaatee seene. Kubbaa isaanii fudhuuf deemani. Wanuma hin yaadamne ture,” jechuun jiraataan naannichaa Jonaataan Robertisan himeera.

“Waggaa miiliyeena keessatti kun ni uumama jennee yaadnee hin beeknu. Eenyuyyuu bakka ijoolleen kun hundi jiranitti shugguxii gadi baasa jennee hin yaadne.”

Shakkamaan kun mana isaatti ol seenee shugguxii qabatee gadi ba’ee holloota isaa kanatti akkasumaan dhukaasa bane jechuun poolisiin himeera.

Obbo Wiiliyaam fi daa’imni isaa rasaasaan yemmuu rukutamanitti maatiiln biroo ijoollee isaanii sassaabbachuuf fiffigaa turani.

Taatee kun uumamuu booda daa’imni kun miidiyaa biyyattii ABC news waliin turtii taasistee turte.

“Raasaasichi natti dhufe, raasaasichi maddiikoo keessa seene,” jechuun daa’imni eenyuummaan ishee ifa hin taasifamne kun dubbateetti.

Abbaan ishee ammallee hospitaalaa Sharleet keessatti wal’aansa argachaa akka jirus himteetti.

Abbaan ishee dugdasaarra rasaasaan erga rukutamee booda miidhaa sombaa fi tiruu isaarra ga’eef wal’aansa argachaa jira.

Shakkamaan Roobart akka to’annoo jala oolfamuuf poolisiin ajaja baasuu isaa hoogganaan poolisii Kaawuntii Gaastoon, Isteefan Ziil, Roobii ibsa kennan irratti himaniiru.

Dabaluunis “yakki akka kanaa fudhatama hin qabu,” jedhaniiru.

Taateen kun dhiyeenya yakka shugguxii kutaalee US keessatti uumamaa jiran kan dargaggoonni biyyatti sababa mana ykn nama dogoggoraa bira dhaqaniif ittiin miidhaman keessaa tokkodha.

Teeksaas keessatti, shamarreen ganna 18 Peetan Waashigitan gaafa Kibxataa, kan ishee seetee dogoggoraan konkolaata biraa yemmuu seenuuf yaaltu rasaasaan rukutamtee guddaa madoofteetti.

Niiw Yoork keessatti ammoo Sanbata, erga hiriyyaan isaa dandii dogoggoraarra konkolaachisee booda daraggoon ganna 20 Kaaylin Giilis rasaasaan ajjeefameera.

Akkuma kana Kamisa darbes Mizuurii keessatti, daraggoon ganna 16 Raalf Yaarl dogoggoran balbala namicha tokko erga rurukkutee booda harkaa fi mataa isaarra rasaasaan abbaa manicha dogoggoraan rurukutameen dhahameera.