Maqaa dhaaba Koloneel Mangistuun ijaaramuuf gaaffiin dhiyaate beekamtii Boordii Filannoo dhorkame

Madda suuraa, Getty Images
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa maqaa dhaaba dura biyya bulchaa turan 'Ye Itoophiyaa Sartoo Adderooch Paartii' (Isappaa) jedhuun dhaaba akka haaraatti ijaaramuuf gaaffii dhiyeesse kufaa godhe.
Maqaan kun waggoota 30 dura Paartii Koloneel Mangistuu Haayilamaariyaam yeroo ta'u yeroos paartii takkittii biyya keessa tureefi biyya bulchaa turedha.
Moggaasa erga mootummaan inni ijaare kufee booda seeraan ala jedhamee dirree siyaasaa Itoophiyaa keessaa badee kanaan ijaaramuuf gaaffiin kan dhiyaate Caamsaa darbe ture.
Boordiin filannoo gaaffii maqaa dhaaba Koloneel Mangistuu Haayilamaariyaamiin ijaaramuuf dhiyaate sababa hin fudhanneef yeroo ibsu, paartii amma dura galmaahee beekamuun deebi'anii galmaahuun sirrii miti jedheera.
Filattootatti dubbii bitaa galcha yoo ta'e ykn burjaajii uuma yoo ta'es fudhatama hin qabu jedheera.
Inni ijoon garuu labsiin ''dambii hiriira nagaafi marii siyaasaa'' jedhu kan kufaatii Dargii booda ragga'ee ammallee hinshaaramne dhaaba 'Ye Itoophiyaa Sartoo Adderooch Paartii' jedhamuun ''farra-dimookaraasiifi dhaaba yakkamaa'' jedhee labsuu isaati.
Boordichis dhaaba seenaa Itoophiyaa keessatti dhiibbaa uumeen walfakkachuu qofa osoo hin taane yakkamaadha sababa jedhameef gaaffichi kufaa ta'uu ibseera.
Gaaffii dhaaba kanaa fudhachuun labsii hin shaaramne akka shaarametti fudhachuu, dhaaba diigames jiraa gochuu ta'a jedheera.
Sababoota boordiin filannoo gaaffii dhaaba kanaa fudhatama dhabsiise keessaa tokko yeroo filannoo nama waliin dhahuu danda'a kan jedhuudha.
Xalayaa walitti qabduun boordichaa Burtukaan Miidhaksaa irratti mallatteessan irratti miseensotni paartii kanaa maqaa biraatiin ijaaramanii siyaasa keessatti hirmaachuufi mirga guutuu akka qaban ibsameera.
Dhaaba 'Ye Itoophiyaa Sartoo Adderooch Paartii' duraani
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kufaatii sirna mootiin booda buulchiinsa loltootaa jalatti kan kufte Itoophiyaan sirna Dargii koree loltoota waraanaan hundaa'e jalatti waggoota 17'f bulteetti.
Dargiin ilaalcha Sooshaalizimii leellisuun bulchiinsa loltootaa yeroo erga ijaaree booda waggoota 10 booda bara 1977 ayyaana yaadannoo warraaqsaa 10ffaa irratti dhaaba 'Ye Itoophiyaa Sartoo Adderooch Paartii' jedhu ijaarrate.
Dhaabichi dhaaba siyaasaa Itoophiyaa takkattii bara sana ture ta'ee Koloneel Mangistuu Hayilamaariyaam kan amma biyya ala baqarra jiraniin hoogganama ture.
Ta'us Dargiin maqaa dhaaba kanaan ijaaramee osoo waggaa shan caala hin turiin gara caalu qabsoo hidhannoo ABBUT fi Adda Bilisummaa Eertiraan injifatamee aangoo dhabeera.
Labsii sana booda bayeen dhaabichi dhaaba ''yakkamaa'' waan jedhameef aanga'ootni olaanoon isaa kaan ajjeefamanii kan hafan hidhaatti guuramaniiru. Kanneen hiree argatan ammoo biyyaa bahaniiru.
Sababa umrii isaaniin kan lubbuu dhaban akkuma jiran kanneen waggaa 20'f hidhamanii bilisa bahan gariin kutaalee biyyattii adda addaa keessa jiru.
Namoota eenyummaan isaanii ifatti hin beekamneen maqaa 'Ye Itoophiyaa Sartoo Adderooch Paartii' jedhuun ijaaramuuf ji'oota dura gaaffiin dhiyaachuun dubbii seenaa kanarraa kan ka'e dubbii ijoo ta'ee ture.












