Miindaan keessan meeqa akka ta‘e kara-deemaatti himtuu?

Makulaay Piirsi hojii ijaarsaan walqabatuu hojjatuuf waggaatti Paawundii 20,000 argata

Namni Tik Tookirratti beekamu Aydaar Al-Saad jedhamu Weelsi, karaa magaalaa Kaardiif gubbaatti namoota arge mindaasaanii gaafata.

Namni ganna 23 Makulaay Piirsi jedhamuu miindaan kee meeqa gaaffii jedhu gaafatame.

Gorsaan qabeenya humna namaa Aydaar kutaalee addunyaarra naanna'uun mindaan siif kaffalamu meeqa? Jedhee gaafata.

Aydaar mindaa ofii ifatti himuun kaffaltiin walgitu akka jiraatu kan gargaaruu fi mindaan isaanii akka guddatu akka gaafatan gargaara jedha.

Qorannoowwaan akka agarsiisanitti hojjattoonni dhaloota haaraa mindaasaanii namoota waliin hojjatanitti ni himu.

Makulaay Piirsi ''mindaan koo waggaatti Paawundii 5,000 fi 20,000 gidduudha. Kontiraata hojiirratti hundaa’uun maalllaqa kana argadha,'' jedha.

Makulaay hojii ijaarsa manaatiin walqatu hojjata.

Hojicha maatiin isaa meeshaalee ijaarsaa daldalaa turaniirraa dhaale.

Makulaay akka jedhutti, mindaan isaa akka dabalamuuf irra deddeebi’ee gaafatullee mindaan isaa hin guddanne.

Ayidaar Al-Saad viidiyoowwan Tiktookirratti narsoota fi ogeeyyii elektrikii diriirsan gaafatee maxxanse dabalatee viidiwoon kaan daawwattoota miliyona lamaa oliin ilaalameera.

Namni ganna 35 Aydaar akka jedhutti, hojjattoonni dhalota haaraan keessattuu bara [1996-2010]giddutti dhalatan mindaa hojiiwwan garaa garaaf kaffalamu baruu barbaadu jedha.

Hojjattoonni dhaloota haaraa kun akkatti mindaan akka dabalamuuf gaafatan gorsa barbaadu jedha.

Akka qorannoon bara 2022 dhaabbata ‘YouGov’ jedhamu hojjatoota baankii Ameerikaatti gaggeessetti hojjattoonni dhalota haaraa %42 mindaan isaanii hangam akka ta’e hiriyootasaaniitti ni himu.

Namoonni bara 1946-1964 gidduutti dhalatan keessaa %19 qofatu mindaan isaanii meeqa akka ta’e hima.

Mindaa ifatti eenyutu beeksisuu qaba?

Iftoomina kaffaltii jechuun barsiifata odeeffannoo mindaan walqabatu waayillan hojii fi hiriyootatti ifatti himuuti.

Odeeffannoo mindaa himuurratti dhaabbileen beeksisa hojiirratti ibsurratti ibsuu qabu.

Dhaabileen hojjattoota wayita qacaran mindaa hangamii akka naaf kaffalama jedhanii yaadan ifatti hojjattoota qacaraniif ibsuu qabu.

Gamtaan Awurooppaa fi kutaaleen bulchinsota Ameerikaa muraasni seera dhaabbileen hojjattoota isaanii fi hojjattoota qacaruf filatanitti hanga maallaqa kaffaltii ifatti ibsuu akka qaban dirqisiisu baasaniiru.

UK keessatti dhaabbileen hojjattoota 250 ol qaban odeeffannoo garaagartee kaffatii koorniyaan irratti mul’atu akka gabaasan dirqisiifamu.

Garuu UK eessatti seerri kaffaltii mindaa ifoomsuu dirqisiisu ragga’e hin jiru, ammaaf sadarkaa xiqqaan yaalirra jira.

Saaraa Redwuud

Hojjattuun dhaabbata tola ooltummaa soorata sassaabe, namoota deeeggarsa barbaaniif raabsuu kan turte dubartiin ganna 46 Saaraa Redwuud, hojii dargaggoota gargaarurratti bobbaatee turte.

Sana booda kaafteeriyaa keessa hojjatte.

Saaraan ji’atti Paawundii 1,348.18 akka argattu dubbatte.

''Akka gareetti guyyaa guyyaadhaan jijjirama gaarii agarsiisaa jirra jedheen yaada, Hirriba nagaan rafa, sababni isaa waanta itti amanuun hojjadha waan ta’eef,'' jette.

Paawol Deevis ammoo ganna 22’f konkolaataa hawaasaa deeddebisu konkolaachisaa ture.

Maallaqni waggaatti giddugaleessaan kaffalamuuf Paawundii 30,000 ta’uu hime.

Paawol Deevis waggaattii Paawundii 50,000’n argachuu barbaada jedha.