Evertan 2-2 Liiverpuul: Diraamaa Marsiisayidii galchii fi jeequmsaan dabaalamee xumurame

Evertan 2-2 Liiverpuul

Madda suuraa, Getty Images

Diraamaa Guudsan Paarki jaalattoota kubba miilaa raajeffachiise; miira gammachuu fi gaddaa daqqiiqaatti wal jijjiiru, walitti bu'insa taphattootaa fi mufii leenjistootaan dabaalamee xumurame.

Kaardii diimaa taphattootaa hanga leenjsitootaatti dhaqabe, dhugumayyuu miira darbii ykn masaanummaa isa dhugaa fakkaate.

Guudsan Paarki istaadiyeemota diraamaan dorgommii darbii guddaan adunyaa irratti gaggeeffaman keessaa tokko.

Darbiin Marsiisayidii masaanummaa isa sirrii fi qabxii darbii irraa kiilebni tokko argachuu qabu argamsiisuun xumurame.

Abdullaay Dokooree deeggartoota keenya aarsuuf gara isaanii deemee gammachuu isaa ibsate ejdhe Virjil Vaan Daayik.

Koortis Joonsi ammoo miira keessa galuun fiigee dhaqee hudhee qabate. Dokooreen osoo deeggartoonni Evertan 37,000 jiraniiti isaan bira dhaquu dhiisee deeggartoota Liiverpuul fuulduratti gammachuu isaa ibsachuuf kan deeme.

Taphattoonni lameen kaardii diimaa argataniiru. Tapha dhufu irratti hin hirmaatan.

Kun ammoo kileba isaaniif miidhama biraati. Tapha diraamaa fi muddamaan guutame ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gabatee Piriimer Liigii dursaa kan jiru Liiverpuul tapha kana injifatee garaagarummaa Arsenaal waliin qbau gara qabxii sagaliitti guddisuuf deeeme.

Kileba masaanuu isaanii kanaaf qophii addaa taasisuun kan eegan Evertaan ammoo gootummaan taphachuun miira deeggartoota lamaanii raasaa qabxii qooddatanii bahan.

Evertan galchii jalqabaa lakkoofsisus daqiiqaa afur booda Maak Alister galchii wal qixxeesituu Liiverpuuliif lakkoofsise.

Mohaammad Saalaan galchii tokko mijeessee kennuun galchii lammaffaa ammoo Liiverpuuliif lakkoofsise.

Taphni xumuramuuf yoo jedhu daqiiqaa 98ffaa irratti garuu dhugumaan miira Darbii guddaatu uumame.

Jeemsi Tarkowoskiin galchii lammaffaa Evertaniif lakkoofsisuun qabxii qooddatanii bahan.

Garuu VAR balleessaan taphataa Liiverpuul irratti hojjetamuu fi dhiisuu akkasumas kubbichi taphaan ala tahuu mirkaneessuuf hanga ilaalee xumurutti hundinuu obsa fixatanii ture.

Miira gammachuu guddaa keessa kan gale Abdullaayi Dookooree deeggartoota Liiverpuul aarsuuf yeroo jedhu Kuurtis Joonsi waliin wal dhabdee keessa galan.

Lameenuu kaardii diimaan dirreetii bahan. Leenjisaan Liiverpuul Arne Islootii fi gargaaraan isaa Siipkee Huulshoof itti aansuun kaardii diimaan dirreetii ari'aman.

Leenjistoonni lameen murteessaa taphichaa Mikaa'el Oliveritti hedduu aaran.

Xumurri dorgommichaa gara jeequmsaatti jijjiiramuun poolisii, hojjettoota eegumsaa kaanii fi taphattoonni hanga gidduugalanitti gahe.

Leenjisaan Everten Deevid Mooyes: Taphichi guutummaan jeequmsaan kan guutame ture. Waan durii nama yaadachiisa. Istaadiyeemichi akkauma ho'aa deemeen miirri jiru boba'uu jalqabe. Miira ajaa'ibaati,'' jedhan.

Mooyes kun raajii Guudsan Paarkitti hojjetame isa addaati jechuun ibsan.

Liiverpuul qabxii sadii argadhee baheera yeroo jedhetti Jeemsi Tarkowiskii galchii wal qixxeesituu yeroo lakkoofsisu gammachuun deeggartoota Everten adda tahus qofaa isaanii hin fakkaatan.

Deeggartoonni Arsenaalis waliin gammaduun isaanii waan hin hafne. Arsenaal yoo Liiverpuul qabxii gate garaagarummaa isaa dhiphisuun waancaaf morkachuuf waan isa gargaaruuf.

Kileboonni hundinuu taphoota 24 taphataniiru. Taphoota 14 qofaatu isaan hafe.

Virjil Vaan Daayik ''amma xiyyeeffannoon keenya kileboonni kaan maalirra jiru kan jedhu osoo hin taane mataa keenya [ofirratti] xiyyeeffannee hojjechuudha'' jedhe.

''Hanga dorgommiin kun xumuramutti taphni hundinuu ulfaataadha. Injifannoon keenya gahaa tahuu fi dhiisuu isaa xumura dorgommichaa irratti kan ilaallu taha'' jedhe.

Vaan Daayik ''amma bakka gaarii irra waan jirruuf haaluma kanaan hanga dhumaatti falmachuudha'' jdhe.

Seenaa Piriimer Liigii keessatti taphoota 24 booda garaagarummaan qabxii guddaan dhiphatee waancaan harkaa fudhatame qabxii shan qofa.

Kuniyyuu yeroo lama mudate. Inniyyuu bara bara 2003 Maanchister Yuunaayitid seenaa galmeessee fi waggaa jaha dura ammoo Maanchister Siitiitu erga qabxii shaniin caalamee boodaa ka'uun waancaa injifate.

Ragaalee fi tilaama kubba miilaa kan kennu kompiiterri Opta %88.3 waancaa baranaa Liiverpuultu injifata jedhe.

%11.6 ammoo Arsenaaliif kenneera. Shaampiyoonaan bara darbee Maanchister Siitiin qabxii 16'n caalameera.

Nootiingiaam Fooresti qabxii 10 caalameera. Hunduma isaaniif carraa kompiiterri kun kenne 0.1% qofa.

Inumaayyuu maanchister Siitii fi Cheelsiif carraa waancaa injifachuu kenne %0 dha.

BBC

Oduufi xiinxala akkanaa argachuuf BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.