Waagnar kana booda Yukireen keessatti rakkoo hin ta'u - US

Madda suuraa, AFP
Gareen mindeeffamanii lolan Waagnar kanaan booda, ''oppireeshinii Yukireen keessatti humna hangas cimaa taheen waan hirmaatu miti,'' jedhan dubbii himaan Peentaagan.
Kun kan dhagahame erga Gareen Waagnar Raashiyaa keessatti fincila sa'aatii 24 gaggeessee torbanootaan booda. Gochaan gaafasii bulchiinsa Pireezidant Puutiin kan falme akka turetti ilaalama.
Waagnar bara 2014 Raashiyaan akka Krimiyaa of jalatti galfattuuf akka gargaare kan tilmaamamu yoo ta'u, waraana cimaa dhiheenya Raashiyaan gaggeessite irrattis hirmaateera.
Keessattuu magaalaa baha Yukireen Bakhmut Raashiyaan akka to'attuuf gahee olaanaa bahuuti himama.
Fincila Garichi Waxabajjii keessa taasisee ture dhaabsiisuuf, loltoonni garichaa waraana idilee Raashiyaatti makamuu ykn hoogganaa isaanii waliin gara Belaaruus imaluu akka danda'an itti himamuun ni yaadatama.
Haata'u malee jalqaba torban kanaarratti, Puutiin fi hoogganaan garichaa Yevgeny Piriigoozhin fincilichaan booda Mooskoo keessatti walargan.
Pirezidant Puutiinis wayita wal arganitti loltoota Waagnariif yaada isaa ifa taasisee ture.
Puutiin gaazeexaa biyyattii Kommersant jedhamuutti guyyaa Kamisaa wayita dubbateetti, loltoonni garichaa ''tajaajila isaanii'' waraana idilee Raashiyaa waliin itti fufuuf filachuu ni danda'u jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Nama yeroo hunda ajajaa isaanii dhugaa ta'een hoogganamuu danda'u,'' jedhan Puutiin waa'ee ofiisaanii yoo dubbatan.
Akkasumas dhaabbileen waaraanaa dhuunfaa akka jiraataniif bu'uurri seeraa akka hin jirre kaasan. Kana malees akkuma tasaatti, ''kanaan booda Waagnar hin jiraatu'' jedhan Puutiin.
Guyyuma walfakkaatuttis, pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan, Finlaand keessatti gaazexessitootatti wayita dubbatanitti Yevgeny Pirigoozhin hokkorichaan booda summeeffamuu irraa of eeguu qabaata jedhan.
''Waan inni gochuuf jiru Waaqni qofti haa beeku. Ammatti bakka inni jiruufi Puutiin waliin walitti dhufeenya attamii akka qabu omaa hin beeknu. Wantoota nyaatu irratti of eeggannoo gochuu qabaata,'' jedhan Baayidan.
Yaa'ii dureewwan biyyootaa Helsinkii keessa tureen booda haasaa taasisaniin, haalli Puutin waraana Yukireen ittiin injifachuu danda'u akka hin jirres kaasaniiru.
''Waraanicha silaa injifatameera'' jedhan pirezidantichi.
Kana malees Baayidan pirezidantiin Raashiyaa ''dhimma Raashiyaa, diinagdee, siyaasaa fedhii akka hin qabne murteessuun waraanicha itti fufuu qabaata. Garuu ammoo sun attamiin ta'uu akka danda'u tilmaamuu hin danda'u,'' jedhan.
Akkasumas Yukireen waraana qolannaa amma gaggeessaa jirtuun jijjirama gaarii taasiisuu akka dandeessu akka hawwaniifi eegan kaasuun, kanaanis marii nagaatiin furuuf akka gargaaru kaasan.
Haata'u malee waraana qolannaa Yukireen baatii tokkoo oliif gaggeessaa jirtuun, adeemsichi harkifachuusaatti lammiilee Yukireeniifi michoonni isaanii yaaddoo qaban ibsaa jiru.












