Raashiyaan haleellaawwan diroonii irratti aggaamaman hedduu qolachuu himte

Kibba Raashiyaatti kan argamu iddoon Slavyansk-on-Kuban jedhamu iddoo dirooniin irratti dhukaafame keessaa tokko

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kibba Raashiyaatti kan argamu iddoon Slavyansk-on-Kuban jedhamu iddoo dirooniin irratti dhukaafame keessaa tokko

Ministeerri Ittisaa Raashiyaa haleellaa diroonii hedduu kutaalee biyyattii saddeet ta'an irratti xiyyeeffate fashaleessuu hime.

Haleellaawwan kunneen keessaa inni guddaan Raashiyaa magaalaa Krasnodar keessatti raawwate, addanatti warshaan boba’aa qulqulleessu tokko miidhameera.

Haleellaa warshaa boba’aa qulqulleessu, kan naannawa Slavyansk-on-Kuban jedhamutti argamu, irratti raawwatameen lubbuun namaa darbuun hin gabaafamne. Balaan abiddaa sababa haleellaa kanaan mudates to’annaa jala ooleera.

Raashiyaan filannoo waliigalaa gaggeessaa kan jirtu yoo ta'u, pirezdantiin biyyattii Vilaadmiir Putiin filannoo kana shakkii tokko malee akka injifatan gabaasaaleen ba'aa jiran ni akeeku.

Aanga'oonni biyyattii akka jedhanitti, dirooniiwwan 17 bakka warshaa boba'aa qulqulleessuutti dhukaafaman hunduu faayidaa kan hin qabne ta'anis, dirooniin tokko garuu yeroo rukutamee kufutti abidda qabsiiseera.

Yeroo haleellaan kun raawwatutti namni tokko dhukkuba onneetiin lubbuun isaa darbeera.

Kan ammaa kana dabalatee torban keessatti Raashiyaa keessatti warshaaleen boba’aa qulqulleessan ja'a haleellaa dirooniif saaxilamaniiru.

Oduu kanaan wal qabateen kantiibaan magaalaa Moskoo Sargee Soobiyaanin, dirooniiwwan afur magaalaa guddoo biyyattii irra balali’aa osoo jiranii kuffifamuu Telegram isaanii irratti barreessaniiru.

Raayyaan Ittisaa ammoo dirooniiwwan afur osoo bulchiinsa kaaba biyyattii, Yaarooslaavil, irra balali'anii haleelamanii kuffifamuu ibse.

Bulchiinsa karaa kallattii kaabaan Yukireen waliin daangaa qooddattu Beelgorood akkasuma haleellaan diroonii irratti aggaamamuu bulchiinsi naannawa kanaa ibseera.

Kaaluugaa, Ooriyool, Roostoov fi Kuurkis keessattis haleellaan diroonii aggaamameera.

Bulchiinsi Beelgoord guyyoota muraasa keessatti yeroo lammataaf haleellaa akkanaaf saaxilamte.

Angawoonni Raashiyaa haleellaa xiyyaaraa Sambata darbe lubbuu namoota lamaa galaafateef Yukireen komatan.

Haleellaa kana hordofuun sababa nageenyaaf manneen daldalaa fi manneen barnootaa cufamanii turan.

Qondaaltonni Raashiyaa kuusaawwan boba’aa lama bulchiinsa Samaaraa dhihaatti argaman haleellaa diroonii Yukireen irraa dhufeen rukutamuu himan.

Pirezidaant Putiin Yukireen akkasaan marsaa 6ffaaf hin filatamne dhorkuuf yaalaa jirti jechuun himatan.

Qeeqxonni ammoo Putiin dorgomaa waan hin qabneef marsaa ja’affaaf filatamuun isaa mirkanaa’aadha jedhu, filannoon kun ulaagaa kamiinuu bilisaa fi haqa qabeessa ta'uu hin danda'us jedhu.

Dilbata darbe Raashiyaan magaalaa buufata doonii Yukireen Odesaatti haleellaa qilleensaa raawwachuun lubbuu namoota 20 galaafachuu gabaasi mul'isu ba'eera, haleellaa kanaan namoonni hedduun madaa'aniiru.