Raashiyaan kitaaba barnootaa dargaggoota waraanaaf ga'oomsu qopheessite

Madda suuraa, Getty Images/BBC
Raashiyaatti kitaabi barnootaa haaraa seenaa waraana Yukireen irratti bante jal'isuu fi barattoonni humna waraanaa biyyattiitti akka makaman jajjabeessu maxxanfame.
Kitaabni kun gosa barnootaa haaraa ''Bu'uura Nageenyaa fi Ittisa biyyaa (Fundamentals of Security and Defence of the Motherland)'' jedhamu barsiisuuf qophaa'e.
Barnoonni kun ijoollee umriinsaanii waggaa 15-18 ta'ee fi Raashiyaa akkasumas bakka Raashiyaan Yukireen keessaa qabatte keessa jiraan hundaaf dirqama.
Gosa barnootaa haaraa kana miseensotaa waraanaa duraaniitu barsiisu, lammiileen Raashiyaa adda waraanaatii deebi'anii fi digirii qaban barnoota peedaagoojii fudhachuun gosa barnootaa haaraa kana barsiisuuf qophaa'aa jiru.
Kitaabni jalqabaa-The Russian Army in Defence of the Fatherland jedhamu kun jaarmiyaa biyyattii kitaabilee barnootaa maxxansuun beekamu Enlightenment jedhamuun qophaa'e.

Madda suuraa, Getty Images/BBC
Barreessitota kitaaba kanaa keessaa lameen ministeera ittisaa fi gaazexaa beekamaa Raashiyaa Rossiiskaya Gazeta jedhamu keessa hojjetu.
Kitaabi fuula 368 qabu kun seenaa loltoota biyyattiin ka guutamedha. ''Gootummaa loltoota Raashiyaa'' jaarraa 13ffaarraa eegalee hanga ammaatti jiru akkaan leellisa.
Barreessitoonni kitaabichaa gameessa bara Sooviyeet mootummaa abbaa irree ture- Jooseef Istaaliin guddoo faarsan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Injifannoo Sooviyeet waraana Great Patriotic War jedhamurratti argattes kaasuun leellisa.
Waraana kanaan warri Raashiyaa Waraana Addunyaa Lammaffaa jedhuun.
Bara 2014 Kiriimiyaa Yukireen harkaa fudhachuu keessatti ga'een loltoonni Raashiyaa gumaachan olaanaa akka ta'es kitaaba kana keessatti eerameera.
Kitaaba barnootaa kana keessatti boqonnaan tokko weerara Raashiyaan Yukireen irratti raawwatte jallisee ibsuun qophaa'eera.
Raashiyaan ''oppireeshinii waraanaa addaa,'' gaggeessite jechuun jecha Kireemlin fayyadamtutti fayyadamuun ibseera kitaabi kun.
''Bara 2014 yeroo fonqolchi mootummaa Kiiv keessa turetti mootummaa haaraan humna qabu, hundaan Raashiyaa cabsuurratti xiyyeeffate,'' jedhan barreessitoonni kitaabichaa, isa booda himata sobaa hedduu dhiheessan.
''Kitaabileen Raashiyaa gubataniiru. Siidaawwan barbadaa'aniiru. Walleewwan fi Afaan Raashiyaa akka jirutti dhorkame. Mana nyaataa keessatti 'dhiiga Raashiyaa' qopheessanii dhiyeessan,'' jedha kitaabi kun.
Akka yaada barreessitoota kitaaba kanaatti, ''kan waraana eegale Yukireen fi Nato dha.''
Kitaaba kana keessatti akka eerametti waraanichi eegalamuu dura Yukireen loltoota fi meeshaalee waraanaa gurguddoo daangaarratti kuustee turte.
Garuu kan waraana 100,000 caalan daangaa Yukireen fi Beelaaruus dursee qubachiise ammoo Raashiyaa.
Beelaaruus waliin shaakallii waraanaa erga taasisanii booda Guraandhala 24, 2022 Yukireen weeraramte.
Xiinxalaa siyaasaa Yukireen Volodimiir Fesenko kitaabichi waliigalatti ''kan nama dogoggorsuu fi sobaan kan guutame,'' jedhe.

Madda suuraa, Telegram channel New Melitopol
Kitaaba kana keessa boqonnaan caasaa humna waraanaa Raashiyaa bal'inaan ibsu jira, boqonnaan kun ijoolleen umrii waggaa 18 olii humna waraanaatti akka makaman waamicha dhiheessa.
Kitaabni kun ijoolleen [barattoonni] humna waraanaa seenuuf dokumantiiwwan akkamii qabaachuu akka qabanis ni eera.
Yoo humna waraanaa seenan faayidaawwan argatan kanneen akka bilisaan wal'aansa fayyaa argachuu fi inshuuraansii, miindaa fooyya'aa akka argatan fi guyyaatti yeroo sadi akka sooratan ibseera kitaabni kun.
Ijoolleen bakkeewwan Raashiyaan qabatte kanneen akka Kiriimiyaa fi Donbaas keessa jiraatan, faayidaawwan ibsaman kunneeniin gowwoomfanii waan hin feenetti seenuu danda'u jedha dursituun garee mirga namoomaa Kiriimiyaa Olha Skrypnyk.
Namoonni naannawa kana jiraatan waggoota 10 oliif olola Raashiyaan burjaaja'aa turan, carraan ittiin hojjetanii maallaqa argatanis akkaan daangeffamaadha.
Ijoolleen [barattoonni] lakkoofsa humna waraanaa biyyattii dabaluufii danda'u kan jettu quuqamtuun mirga namoomaa kun, ''ijoolleen kunneen adda waraanaa deemuun akka du'aniif qopheeffamaa jiru jechuudha,'' jette.
Waraana Yukireen waliin taasisturratti Raashiyaan lakkoofsa namoota du'anii hin ibsine, garuu loltoonni umrii waggaa 20 gadii 1,240 ta'an waraana kana keessatti akka du'an Tajaajilli BBC Raashiyaa mirkaneesseera.












